Arba Minci: Tajaajiloota hawaasummaa Yuunivarsitiin Arba Minci kennaa jiru keessaa tokko barumsa ga’eessotaa qindaa’aa gocharratti xiyyeeffate kennuudha. Yunivarsitichi dhiyeenya kana ga’eessota barsiisaa ture 362 eebbisiiseera. Sirna eebbichaarrattis ga’eessota barumsa ga’eessotaa gocha irratti hundaa’e sirriitti hordofuudhaan qabxii olaanaa galmeessisan badhaaseera.
Arbaa Mincitti Pirezidaantii Ittaanaa Qorannoofi Tajaajila Hawaasummaa Doktar Simoon Shibbiruu akka jedhanitti, tajaajiloota hawaasummaa yunivarsitichi kennaa jiru keessaa tokko barumsa ga’eessotaa qindaa’aa gocha irratti xiyyeeffateedha.
Ga’eessotni barumsicha argatanis bareessuufi dubbisuu danda’aniiru. Mana baankii dhaqanii maqaa isaanii barreessanii qarshii baasuufi galchuu danda’aniiru. Mobaayilii isaaniitiinis ergaa gaggabaabaa barreessuufikan ergameef ammoo dubbisanii hubachuu danda’aniiru jedhu.
Ga’eessonni kunneen barumsa qalamaatiin ala haala itti qulqullina dhuunfaafi naannawaa isaanii eega irratti barumsa akka argargatan taasifamaa tureera kan jedhan pirezidaantichi, kunis jireenya isaaniirratti jijjiiramni bu’uuraa akka dhufu taasiseera jedhu.
Aadde Buxxuu Edaamaa magaalaa Arba Minci kan jiraatan yoo ta’u, barumsa ga’eessotaa deggersa Yunivarsitii Arba Minciin kennamutti qabxii olaanaa galmeessisuun badhaafamaniiru. Akka isaan jedhanitti, barumsicha utuu hinjalqabin dura barreessuus ta’e dubbisuu tasumaa hindanda’an turan. Torbanitti guyyaa sadii barachaa akka turaniifi yeroo ammaa maqaa isaanii barreessuufi mallatteessuu akkasumas bilbila mobaayilii isaanii irratti maqaa namootaa galmeessanii qabachuufi maqaa namaa dubbisanii baafachuu kan danda’an ta’uu dubbatu.
Barumsa qalamaatiin ala akkaataa qulqullina dhuunfaafi naannawaa keenyaa itti eegganu baranneerra kan jedhan Aadde Buxxuun, akkasumas karoora maatiitti fayyadamuun ijoollee walirraa fageessinee akka godhannuufi galii argamu irraas qusannee jireenya fooyya’aa akka jiraanuuf barumsa gaarii arganneerra. Gara fuulduraattis barumsa kana itti fufuu kan barbaadan ta’uu dubbataniiru.
Obbo Allaaroo Asheeboos ga’eessota barnoota ga’eessaa barachuun qabxii olaanaa argachuun badhaafaman keessaa isaan tokko. Akka isaan jedhanitti, barumsa ga’eessotaa gocha irratti hundaa’e utuu hordofuu hinjalqabin dura barreessuus ta’e dubbisuu hindanda’an ture. Barumsa ga’eessotaa kana erga argatanii booda garuu barreessuufi dubbisuu danda’aniiru. Barumsa qalamaatiin alas haal itti fayyummaa isaanii eeggatan waan barataniif balfawwan adda addaa boolla qotanii keessatti gataa jiru. Barumsichi jireenya isaanii irratti jijjiirama guddaa waan fideef itti fufanii barachuuf fedhii guddaa kan qaban ta’uu himu.
Qindeessaan barumsa ga’eessotaa Magaalaa Arba Minciifi naannawaashee Obbo Alamaayyoo Anjalloo akka jedhanitti, barumsi ga’eessotaa kun deggersa Yunivarsitii Arba Minciin kennamaa jira. Ga’eessonni barumsa qalamaatiin ala haala itti qulqullina naannawaafi dhuunfaa isaanii ittiin eeggatan, fayyaa isaanii eeggataniifi omishaafi omishtummaa qonnaa isaanii guddisuu danda’an irrattis barumsa argachaa jiru. Kun jireenya isaanii irratti fooyya’iinsaafi jijjiiramni bu’uuraa akka dhufu taasiseera. Dubbisuufi barreessuus danda’aniiru. Barumsa kana akka itti fufaniifis haalli mijaa’uufii akka qabu gaafataniiru.
Nasaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011
5 Comments to “Yunivarsitiin Arba Minci Tajaajila hawaasummaa gama barumsa ga’eessotaatiin kennaa jira”