Waaliyaanonni tapha ‘CHAN’f walmorkii jalqaban

Finfinnee: Walmorkiin taphattoonni liigii biyya keessaarratti hirmaatan qofti kan irratti  qooda fudhatan gulaala gulaala waancaa kubbaa miilaa Afrikaa (‘CHAN’) gareewwan biyyaalessaa biyyoota addaddaa jidduutti adeemsifamaa jira.

Walmorkii kanarratti hirmaachuuf carraa kan argate gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa, Waaliyaan qabxiinsaa maxxansaaf nuu dhaqqabuu baatus kaleessa tapha gulaala gulaala duraa garee Jibutii wajjin godhateera.

Itoophiyaan ALA bara 2020 Waancaa ‘CHAN’ akka qopheessitu Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin filatamuun tapha gulaalaa malee waancaaf akka dhihaattu carraa argattus qophiinshee duubatti harkifachaa waan dhufeef irraa fudhatamee Kaameeruuniif kennamuunsaa kan yaadatamuudha.

Tapha gulaala gulaala duraa biyyaa alatti kan taasifatan Waaliyaanonni tapha deebii ammoo torban tokko booda Istaadiyoomii Dirree Dhawaatti akka ta’u  beekameera.

Qophii kana ilaalchisuun kaapteeniin Waaliyaanotaa Aschaalawu Taammanaa  Wiixata darbe akka ibsetti, gareen biyyaalessaa kun tapha kanaaf torban tokkoof magaalaa Adaamaatti shaakalaa turuu addeeesseera.

Tapha gulaala gulaalaa ramaddii kanatti garee Jibutii  mo’achuutu nurraa eeggama jedhee,yoo mo’anee  ji’a Fulbaanaa dhufu garee Ruwaandaa wajjin akka taphatanis addeesseera.

Gareen Jibutii walmorkii kanaaf ejjennoo safarachuu tapha michummaa garee Somaalee wajjin godhachuudhaan 1-0n yoo mo’atu,Waaliyaannonni garuu hanga ammaatti akka hintaphatiinis muldhiseera.

Tapha gulaalaa kanatti kan isa gitu garee Jibutii wajjin of eeggannoodhaan taphannee qabxii gaarii galmeessisuudhaan tapha deebii eeggachuutu nurraa eegamas jechuudhaan addeesseera.

Waaliyaanonni kanaan dura tapha kanaaf Jibutii wajjin taphachuusaanii kan dubbatu Aschaaloon, biyyaa alatti 5-0n, biyyaa keessatti ammoo 3-0n, walumaagalatti 8-0n mo’achuu muldhisera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Waaliyaanonni tapha ‘CHAN’f walmorkii jalqaban”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: lottovip

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *