Taphawwan Guutuu Afrikaa Morokoo, Raabaatitti

Finfinnee: Olompikii Afrikaa jedhamuudhaan kan beekamu taphawwan Afrikaa guutuu (‘All African Games’) akka gaggeeffamu kan murtaa’ee Dhaabata Tokkummaa Afrikaa duraanii, Gamtaa  Afrikaa ammaatiini.

Gamtichi taphni kun akka gaggeeffamuf kan murteesse borumtaa biyyoonni Afrikaa hedduun bilisa bahanitti yoo ta’u, sababiin isaammoo Dargaggoonni Afrikaa  waltajjii tokkorratti walarguudhaan tokkummaan, obbolummaafi jaalalli isaan jidduutti akka uumamu gochuuf ta’uusaati.

Kana malees dargaggoonni Afrikaa dirreewwan adda addaarratti walitti dhufanii dhimma mataasaanii akka dubbatan biyyasaanii akka misoomsan, qaama cimaa, sammuu ifaafi omishtoota gochuudhaan, Afrikaan akkuma ardiiwwan biroo mataashee akka dandeessu gochuuf jecha ture.

Akkasumas dargaggoonni Afrikaa dirreewwan ispoortii Olompikii, Waancaa kubbaa miilaa Addunyaa, shaampiyoonaawwan sadarkaa biyyoolessaatti adeemsifamanirratti Afrikaa bakka bu’uudhaan dargaggoota addunyaa wajjin akka walbaratan gochuufi.

Bu’uuruma kanaan gamtichi Koree Olompikii Afrikaa hundeessuudhaan taphawwan biyyoota Afrikaa Guutuu akka gaggeessu ittigaafatamummaa kenneefii waggaa afuritti yeroo tokko biyyoota miseensotaa jidduutti akka gaggeeffamu ta’e. Haaluma kanaan taphni biyyoota Afrikaa Guutuu yeroo jalqabaatiif ALA bara 1965 Magaalaa guddoo Riippablikii Koongoo, Biraazaaviilitti gaggeeffame.

Taphni kun eddii jalqabamee waggoota 54 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti kanaan dura biyyoota adda addaatti yeroo 11f gaggeeffameera.

Tapha jalqabaa kan bara 1965 qophaa’erratti  biyyoota Afrikaa hirmaattota keessaa gabatee meedaaliyaa keessa kan galan biyyoota 23 yoo ta’an, Misir meedaaliyaawwan warqii 17, meetii 10fi nahaasa sadii, walumaagalatti meedaaliyaawwan 30 argachuun  shaampiyoona taate.

Akkasumas Naayijeeriyaan meedaaliyaawwan warqii sagal, meetii jahaafi nahaasa afuriin dimshaashumatti meedaaliyaawwan 19, Keeniyaan ammoo warqii saddeet, meetii 11fi nahaasa afur waliigalaan meedaaliyaawwan 23 fudhachuudhaan sadarkaa lammaffaafi sadaffaa  argataniiru.

Itoophiyaan tapha jalqabaarratti  fiigicha meetira kuma 10n gooticha Olompikii Irreessaa Kumaa Maammoo Waldeetiin madaaliyaa nahaasaa  takka qofa argachuun 20fa ta’uunshee kan yaadatamuudha.

Taphawwan guutuu Afrikaa kanaan dura adeemsifamanitti Misir yeroo 11 hirmaachuudhaan meedaaliyaa warqii 548, meetii 406, nahaasa 408 walumaagalatti meedaaliyaawwan kuma tokkoofi 362 argachuun dursaa jirti.

Naayjeeriyaan al 11 hirmaattee warqii 424, meetii 395, nahaasa 380 waliigalaan meedaaliyaawwan kuma tokkoofi 199n, Afrikaan Kibbaa yeroo jaha qofa hirmaachuudhaan meedaaliyaa warqii 361, meetii 336, nahaasa 270 akka waliigalaatti meedaaliyaa 967 fudhachuun sadarkaa lammaffaafi sadaffaarratti argamu.

Itoophiyaan ammoo yeroo 11 hirmaattee meedaaliyaa warqii 39, meetii 49, nahaasa 63 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 151 fudhachuun sadarkaa saddeetaffaarratti argamti.

Taphichi baranas yeroo 12faf ALA Hagayyaa 19-31 bara 2019 magaalaa guddoo Morookoo, Raabaatitti gaggeeffama jedhameet eeggama. Biyyootni 54 akaakuuwwan ispoortii 23n hirmaatu jedhameera.

Itoophiyaanis tapha kanarratti paaraalompikii dabalate atileetota akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin hirmaatan filattee hoteela galchuun guyyaatti al lama shaakalaa akka jiran beekameera.

Tapha Guutuu Afrikaa 12fa kan keessummeessitu Morookoon waggoota afran darbaniif dirreewwan ispoortii haaromsuufi hoteelota sadarkaasaanii eeggatan hojjechuuf doolaara miiliyoona heddu baasteetti.

Qophii kanaaf koree Olompikii Afrikaa wajjin yeroo baay’ee karaa nagenyaa, geejibaa, akkasumas wantoota dorgommichaaf barbaachisanirratti mari’achuun keessummoota ishee simachuuf eegaa  jirti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Taphawwan Guutuu Afrikaa Morokoo, Raabaatitti”

  1. Pingback: 789sexy
  2. Pingback: click now

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *