Dubbistootaa, maxxansa keenya torban lamaan darbaniitiin mataduree, “Seenaa Baballina Mootota Abisiniyaafi Oromoo” jedhuunwaa’ee babal’ina mootota Abisiniyaafi weerara lafa Oromoo taasifamaa turerratti xiyyeeffachuun kufaatii mootummaa Daamoot kan mootii Lammiin gaggeeffamaa tureefi mootummaan Agawuufi Sulxaanoon Ifaat gamtaan Mootummaa Oromoo Warjiirrati gaggeeffamaa turuusaafi weerara araddaa Oromoorratti raawwachaa turanfaa isin dubbisiisneerra. Maxxansa kanaafi kan torban dhufuutiin seenaadhuma waanuma isa darbeen walqabatutu dhiyaata.
Mootiichi Shawaa Raas Wasan Saggad erga du’anii Booda ilmisaanii Saahilaasillaaseen aangoo olaanaatti dhufan. Akkuma barame isaanis babal’inasaanii cimsuun lafa Oromoorratti duula guddaa gaggeessaa turan. Mootichi kun duula abbootiinsaanii gaggeessaa turan caala sochoosuun waggaatti al sadii sagantaan waraana baafachuun gorsitoota biyya alaa of bira gochuun Oromoo Tuulamaa waraanaa turan.
Akkuma armaan oliitti eerame, Nagaasii Kiristoos Manziifi naannawasaa Oromootarraa fudhachuun to’annoo ofii jala oolche. Mootonniifi abbootiin waraana Shawaa hafanis lafa Oromoorratti duulaan babal’acha turan. Haaluma kanaan magaalota Ayinee, Sibstee Nagaasee, Doqqaaqiit Abbiyyeen, Arrambaa Ammahaayyees, Ankoobar Wasansaggad, Qundii keessatti mana sagadaa (Bataskaana) dhaabuun qabiyyeesaanii jabeessaa turan.
Kunniin hundi babal’ina bara 1665 hanga 1840tti godhama ture yoo ta’u, qabiyyeensaaniis kan babal’ate dhawaata Oromoota achii kaasuufi kan amantiidhaan ofitti makuu danda’an akka achumatti taasifamuu hubanna.
Bara Mootii Saahilasillaasee garuu bifasaa jijjiiree ciminaan ittifufe. Kunis kan ta’uu danda’e meeshaan waraanaa gara Faransaay Arabiyaa, Ingiliiziifi Itaaliyaarraa waan baay’inaan seenuu eegaleef humnisaa cime jedhama.
Mootonni kunniin kaayyoo dhaadannoo biyyaa yeroo duula Ahmad Ibraahiim /Giraanyi/ nurraa Oromoodhaan fudhatame deebisna jedhuun socho’aa akka turan himama. Haaluma kanaan waggaatti yeroo sadii (Sadaasa, Amajjiifi Ebla keessa) Oromoorratti duuluun qabeenyasaa saamaafi qe’eesaa balleessaa turan.
Waraana yeroo sana godhameen Oromoonni Tuulama kallattii kanaan daran midhamaa turan. Akka namoonni baay’een dubbatanitti Oromoon sirna gita bittaafi Nafxanyaa jalatti kan kufee waggaa dhibba dura otoo hinta’iin gara waggan 400 ol kan ta’uudha. Kunis waraana Gareen mootota bara (1270 hanga 1840) fi isa booda godhama tureeni.
Meeshaa waraanaa Oromoo yeroo sanaa
Mormiin Oromoodhaan godhamu cimaa ta’ullee bifa bittinnaa’een waan ta’eef bu’aa gaarii argisiisuu hindandeenye. Inumaayyuu Oromoo Abbichuu, Karrayyuu Jillee, Dhummuugaafi Laaloo Midir keessa jiraatan walakkaan garee moototaatti makamuun humna ta’uufii dhufan.
Seenaan babal’inaa abbootii hiree Shawaa kaabaa hanga bara 1840 jiru kana yoo fakkaatu; Mootii Shahilasillaaseen garuu haala adda ta’een gargaarsa meeshaa waranaa Arabootarraa bittaan argataniifi gorsa Faransaa’otaan isaaniif godhaniin of ijaaree lafa Baasoofi Waraanaa Abbichuufi Nya’aa, Oborii Jiddaafi Muloo, akkasumas Gullalleefi Sooddoo waraana bifa weeraraan raawwachuun humna Oromoo cabse. Yaa ta’u malee Shawaa kaabaa keessa qubachuu sodaate waraana booda garuma muummee ofitti /Alkoo Bar/ itti deebi’aa ture.
Mootonni Shawaa waraana Oromoo wajjin gaggeessaniif kan isaan gargaaruu meeshaa waraana (Gondoriifi biyyoota Arabaarra bittaan kan walitti qabatan yoo ta’u, akka fakkeenyaatti Amhaayyees meeshaa Gondorii argataniin /qawwee maskeet/ jedhamutti gargaramuun Oromoo hoofaa, eeboofi fardaan malee homaa hinqabnerratti olaantummaa akka argatan isaan godhe ture jedha.
Wanti asirratti eeramuu qabu abbaan waraana mootota Shawaa Abbiyyeen bara 1747 Oromoo Karrayyuu wajjin otoo walwarananuu qabame ykn duularratti hoofuudhaan akka du’e himama.
Baroota 1669 keessa abbaa waraana Nagaasii Kiristoosiin kan hundeeffame mootummaan Shawaa hanga bara 1703 mootummaa Gondor jalatti al tokko tokko beekumtii argachuun yeroo kaan immoo isaan ala jabaachaa, guddachaafi babal’achaa dhufee Oromoorratti kallattiilee lamaan dhibbaa uume.
Innis, tokko karaa kaabaatiin Oromoo Walloofi Raayyaarratti yoo ta’u, kuun immoo Oromoo Karrayyuu, Jiilleefi Tuulamarratti ture. Haaluma walfakkaatuun Oromoo Gojjam keessa jiran yeroo eenyummaasaanii itti gataniifi meeshaa mootota Gondor ta’uun gara lixaatiin lafa hanga Guduruutti moototaan qabachuu eegalaniidha.
Mootota Shawaa kanneen cimsuuf meeshaan waranaafi humni namaa Gondorirraa dhufu kun warana Oromoorratti Gaggeeffamu akka injifatan isaan gargaare. Yeroo kana garuu Oromoon akka waliif birmatu sirni Gadaa jiddugalummaansaa laafaa waan tureef tasumaa hindandeenye.
Waraanni Gondorii gargaarsaaf dhufes lafa Oromoorra qubate abbaa qabiyyee isaan godhe. Keessattuu bara 1720 Mootiifi Abbaan waraana Shawaa gabbara waggaan kennu waan dhaabeef mootiin Gondor waraana gara Shawaatti ergeen waan mo’ameef hooman waraana Gondoroota kan du’arraa hafe akkuma jirutti booji’amee Shawaatti hafe.
Namoonni booji’aman kunniin akkuma jiranitti daangaafi lafa Oromoorra akka qubatan godhaman. Tooftaan kunis Oromoon yoo duula kaasee dhufe durse akka isaan rukutuufi yeroo isaan walfixan qophiidhaaf akka moototaaf tolutti yaadamee kan godhameedha.
Qubattoonni kunniinis lubbuusaaniif jecha cimanii ilaluu eegalan. Waraanni akkasii waan isaan qaqqabeef cimaa dhufan. Iddoon qubatan kunis lafa gabbataa waan tureef qonna eegalan. Kunis jireenya gaarii waan fideefiif odeeffannoosaanii Gondoriifi naannawa firoota booji’amtoota bira waan gaheef humni namaa heddu jireenya qananii kanarraa hirmaachuuf gara Shawaa ykn lafa Oromootti dhufan.
Haaluma kanaan Nagaasii Kiristoosiin kan hundeeffame mootummaan Shawaa /1769 hanga 1813/ Gondor jalatti guddachaa dhufe bifuma kanaan bara 1800 keessa mootii Sahilasilaaseenis (1813 hanga 1847) sanyii Mootii Salamoon isa Isiraa’el ofiin jedhuun mootummaa Gondorirra /isa Oromoodhaan/ qabamaafi Gabbaruu dhiisuun mootii Shawaa ofiin jedhee of moggaase.
Meeshaa bittaadhaan biyyoota baha jiddugalaafi Awurooppaarraa dhufan lafaafi qabeenya Oromoo saamuun gara wiirtuu ofiitti deebi’u malee hoomaa waraanaa Oromoo fardaan lolan cabsuu hindandeenye ture. Kunis lafa gabbataafi qabeenya loonii akka of jala hinoolfanne isa godhe. Sahilasillaaseen booda gorsitoota Gondorirra dhufaniifi biyya Awurooppaarraa dhufanitti gargaaramuun, tooftaan waraana moo’achuu kun akka isa hinbaasne beekee Oromootti michoomuun tokkummaasaanii soddummaafi firoomaan diiguu eegale.
Ittifufa……..
5 Comments to “Mootii Saahilasillaaseefi weerarama araddaa Oromoo”