Maqalee Sabaandartaafi Magaalaan Faasiil Itoophiyaa bakka bu’u

Finfinnee: Shaampiyoonaa kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaatti barana kan makaman Kilaboonni Maqalee Sabaandartaafi Kilabni magaalaa Faasiil bara 2019/2020 Itoophiyaa bakka bu’uudhaan walmorkiiwwan kilaboota Afrikaarratti hirmaatu.

Kilabni Maqalee shaampiyoonaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa baranaatti abbaa waancaa ta’uusaatti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa kilaboota Afrikaarratti hirmaata.

Akkasumas kilabni bulchiinsa magaalaa Fasiil Abbaa waancaa kilaboota mo’anii darbuu Itoophiyaa baranaa ta’uusaatti walmorkii waancaa konfedereeshinii kubbaa miilaa kilaboota Afrikaarratti hirmaatu jedhamee eegama.

Kilaboonni barana shaampiyoona ta’uun Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaatan kunneen shaampiyoonaa bara 2010 liigii biyyaalessaarraa gara liigii piriimeeriitti ol kan ce’an yoo ta’u, yeroo gabaabaa kana keessatti biyyatii bakka bu’uun hirmaachuunsaanii kan nama dinqisiisuudha.

Haata’u malee shaampiyoonaawwan biyyoolessaarratti hirmaachuuf muuxanoo ga’aa waan hinqabneef ammumarraa kaasanii shaakala olaanaa godhachuutu isaaniirraa  eegama. Maqaleen Naannoo Tigraayi bakka bu’un, Faasiil ammoo Amaaraa bakka bu’uun  liigii piriimeerii Itoophiyaatti makamuunsaanii kan yaadatamuudha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

88 Comments to “Maqalee Sabaandartaafi Magaalaan Faasiil Itoophiyaa bakka bu’u”

  1. rybelsus pill [url=http://rybelsus.shop/#]semaglutide cost[/url] cheapest rybelsus pills

  2. buy semaglutide pills [url=https://rybelsus.shop/#]buy semaglutide online[/url] semaglutide online

  3. rybelsus price [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] buy rybelsus online

  4. mexico pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.pro/#]best online pharmacies in mexico[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *