Jiruu ogummaa hojii wajjin miidhagde

Yaadni bilchaataan dargaggootni qaban jireenya ofiifi maatiisaanii, akkasumas hawaasa keessa jiraatan jijjiiruuf humna qaba. Hireen isaan gara fuulduraatti qabanis yaadaafi ilaalcha gaarii horatanirratti kan hundaa’e yoo ta’u, keessumaa jireenyasaanii gaggeeffachuuf hojiin har’a hojjetan boriisaaniif bu’uura ta’uun hubatamaadha. Dargaggoo Dirribaa Hayilees yaaduma kana kan deggaru yoo ta’u, umriin dargaggummaa yeroo itti halkanii guyyaa hojjetanii jireenyasaanii fooyyeffatan ta’uu dubbata.

Dargaggoo Dirribaa Hayileen bara 1979tti Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Yaayyaa Gullallee, Ganda Saaddeenii Biyyootti dhalachuun kan guddate yoo ta’u, barnootasaa sadarkaa 1fafi 2fa Magaalaa Fiicheetti baratee xumuruusaa dubbata.

Maatiinsaa qonnaan bultoota waan ta’aniif akkuma ijoollee baadiyyaa horii eeguufi hojii qonnaa hojjechaa guddachuusaas ni hima.  Ijoollummaasaarraa kaasee barnootasaa xumuruun sadarkaa gaariirra gahuu hawwaa turuyyuu akkaataa karoorasaatiin deemuu hindandeenye. Maatiinsaas harka qal’eessa waan turaniif, akkuma barnoota sadarkaa 2fa xumureen gara namoota huccuu hodhanii jiraataniitti maxxanuun hojii uffata hodhuun eegalee jedha.

Adeemsa keessas ogummaa uffata hodhuu gabbifachaa waan deemeef gara Magaalaa Dabra Tsiggeetti dhaquun leenjii tokko malee hojicha wajjin caalaatti walbaruu akka danda’e dubbata. Yeroodhaa yerootti hojiin qabate babal’achaa waan deemeef sadarkaa yaaderra gahuuf gabaa barbaaduun dirqama itti ta’e. Kanaanis bara 2004 gara Finfinnee, Kutaa Magaalaa Gullallee, naannawa Muujjaa (Shiroo Meedaa) jedhamu dhufuun uffata aadaa hodhuu akka jalqabe dubbata.

Gullalleetti hojii uffata hodhuurratti erga bobba’ee har’a waggaa torba ta’uu kan dubbatu Dargaggoo Dirribaan, hojii irratti bobba’an jaalannaan jijjiirama fiduun kan danda’amu ta’uus ni ibsa. Hojichi amalumasaatiin kan nama bashannansiisu waan ta’eef, hanga har’aatti nuffii tokko malee hojjechaa tureera jedha. Carraa bal’aan damee kana keessa jiru maalfaa akka ta’an yoo ibsus, “Hojiin uffata hodhuu daran kan nama rakkisu miti,  namoota sadarkaa addaddaarra jiran wajjin walitti nama fida. Sababnisaa huccuun gabaarra jiru dafee kan dhumu yoo ta’u, kan ajajaan hodhisiifatan garuu asumatti sirnaan kan hojjetamu waan ta’eef wabii qabeessa. Kunimmoo hodhituun uffataa akka barbaadamu taasiseera jechuudha.

Keessumaa ammoo si’ana sabootniifi sablammootni eenyummaa aadaasaanii caalaatti mararfachaa waan dhufaniif huccuuwwan uffataa hundarra barbaadamaa akka ta’u godheera. Anillee erguma huccuu uffata aadaa Oromoo hodhuufi gurguruu eegalee jireenya koo fooyyeffachuu danda’eera. Hiriyyootni koo hedduunis ittiin jijjiiramaniiru. Har’as taanaan huccuu aadaa Oromoofi saboota biroo hodhee suuqii lama banadhee haala gaariidhaan hojjechaan jira” jedha.

Uffata hodhuun baay’ee hojii nama rakkisu ta’uu baatuyyuu yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabeessummaa ofii mirkaneeffachuuf haalotni nama daangessan kan jiran ta’uus ni hima. Innis erguma gara Gullallee,  Mujjaatti hojjechuu jalqabee iddoo mijataan (bakka huccuu itti hodhaniifi gurguran) waan hinjirreef rakkachaa turuusaa ibsa. Erga dhuunfaan waggoota afuriif hojjeteen booda hiriyootasaa wajjin waldaadhaan gurmaa’anii suuqii ijaarame argachuufi jijjiirama fiduu danda’eera jedha.

Jireenya hawaasummaatiinis haala gaariirra jiraachuu ibsee, hundarra hariiroon waayiloota hojiisaafi maatiisaa, akkasumas hawaasa naannawaa waliin qabu olaanaa ta’uu eera. Waggaa tokko dura haalli nageenya biyyattii daran rakkisaa waan tureef hojiisaarratti kallattiidhumaan dhiibbaa guddaa geessisaa turuus ni yaadata.

Jijjiiramni siyaasaa erga sadarkaa naannoleefi federaalaatti dhufeetii as garuu keessumaa sochii dargaggootaarratti dhiibbaan siyaasaa dhaqqabaa ture guutummaatti sirreeffameera jedha. Kunimmoo hojiisaarratti jijjiirama barbaadamu akka fiduuf kaka’umsa uumuusaas ni dubbata.

Namni kamuu wayita hojii tokkorratti waliin bobba’ee hojjetu waliif amanamuu qaba kan jedhu Dirribaan, hanga ammaatti hiriyyootasaa wajjin amanamummaadhaan hojjechaa akka tureefi jiru ibsa. Faayidaa argachuurratti ykn qooddachuurratti akka tasaa walitti bu’insi yoo uumames mariidhaan furaa as gahuu eera. Rakkoolee isa mudatan maraa jaalalaafi obsa olaanaadhaan furaa turuu yaadachiisee fuuldurattis tooftaa kanuma kan fayyadamu ta’uu dubbateera.

Gaaffii, “Jiruun ykn jireenyi siif maal jechuudha?” jedhuuf hiika bal’aa qabaachuusaa ni addeessa. Kanas yoo deebisu, “Anaaf jiruun hojiidha, hojiin ammoo kan dhaabatu waan hintaaneef imala jireenyaati ykn ogummaa jireenyaati. Hojii bobbaane mararratti fedha keenyaan kan hojjennu taanaan jijjiirama eegamu fiduun salphaadha”.

“Garuu maallaquma argachuuf hojjenna yoo ta’e galma bira gahuu qabnu bira osoo hingahiin karaarratti hafna, kunimmoo rakkoo daraggoota keenya hedduuti, gama kootiin hojii koo kabajee hojjechaa waanan jiruuf of danda’ee jijjiirama fidaan jira; kaawwanis taa’anii hiyyummaatti harka kennachuurra akkuma koo tattaafachuu qabu” jedha.

Umrii dargaggummaatti fedhiin jiraannaan hojii bu’aa qabu hojjetanii fayyadamummaa ofii mirkaneeffachuuf wanti rakkisu hinjiru kan jedhu Dirribaan, akkuma jijjiirama fiduu eegaleen haadhaafi abbaasaa, akkasumas obbolootasaa sirnaan gargaaraa akka tureefi jiru ibsa.

Maatii ofii gargaaruun salphina osoo hintaane ulfina guddaa yoo ta’u, innis waggoota lamaan darban keessa magaalaatti mana jireenyaa ijaareeraaf jedha. Obboloonnisaas qonna ammayyaatiin deggaramanii jireenyasaanii akka fooyyeffataniif hanga har’aatti deggarsa walirraa hincitne taasisaafi akka jiru eera. Dargaggootni Oromoos akkumasaa maatiisaanii waan argatanirraa gargaaruu akka qaban gorsa.

Dargaggoo Dirribaan har’as hojiisaa kabajee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, gargaarsa Waaqayyootiin turtii waggoota torba hincaalle keessatti suuqii uffata aadaa Oromoo itti hodhaniifi gurguran lama banachuu danda’uusaa hima. Ofiifi maatiisaarra darbees dargaggoota ogummaa huccuu hudhuu qabaniif carraa hojii banuus danda’eera. Kunimmoo hundarra daran kan isa gammachiisu ta’uu dubbata.

Hojii fedhii guutuufi jaalalaan hojjetan gadi dhiisuun ykn jijjiiruun rakkisaadha kan jedhu Dirribaan, karoorrisaa fuulduraas ogummaa huccuu hodhuu  caalaatti babal’ifachuun gara abbaa qabeenyaatti ce’uudha. Kana milkeeffachuuf ammoo tattaaffiin koo murteessaa ta’us deggarsi mootummaas na barbaachisaa jedha. Keessumaa iddoo hojii babal’ifachuuf  maallaqni gahaan kan barbaachisu waan ta’eef, liqaan maallaqaa bifa gabaa ammaatiin herregamee akka isaafi hiriyootasaaf kennamu gaafata.

Dimshaashumatti, Dirribaan har’a umrii dargaggummaa keessa yaa jiraatu malee ogummaa hojiisaarratti bilchina yaadaafi ejjennoo qabuun jireenya ofiifi maatiisaa jijjiiruurratti argama. Abdiifi amantiinsaas guddinni ykn jijjiiramni taa’anii hawwuutiin kan argamu osoo hintaane hojjechuu qofaan akka ta’e kan mul’isuudha. Dargaggootni biroonis akkumasaa yoo tattaafatan of gargaaruurra darbanii maatiifi biyyasaaniif eebba ta’uusaanii ibsa. Nuyis jiruun ogummaa hojii waliin bareeddi waan ta’eef hunduu hojjechuu qabaan dhaamsa keenya.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

12 Comments to “Jiruu ogummaa hojii wajjin miidhagde”

  1. Pingback: lucabet88
  2. Pingback: urb gummies
  3. Pingback: sagame
  4. Pingback: รีวิว
  5. Pingback: Nexus Market
  6. Pingback: online chat
  7. Pingback: sexy chat
  8. Pingback: my diery

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *