Rakkinni kaleessaa boru akka hindabalamneef falatu barbaachisa

Finfinnee:Itoophiyaan asiin dura kilabootaafi taphattoota  bebbeekamoo hedduu qabdi turte. Ummannis maqaa jaalalaafi mararfannaa garagaraatiin isaan yaamaa ture. Kanaanis Abbaa Fardaa, Abbaa Qawwee, Baaburaa, Fitaawuraariifaa mogaasee  wayita walmorkiiwwaan gaggeefaman dirreewwan kubbaa miilaatti argamuudhaan faarfachuun jajjabeessaafi taphawwan isaaniinis  bashannanaa  ture.  Kun ammoo yaadannoo  kaleessaati.

Biyyaa teenya tanatti kilaboonni kubbaa miilaa kan hundeeffaman bara 1916 keessa ture. Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa garuu hojiisaa guutummaatti  hojjechuu kan jalqabe bara 1940 booda. Yeroo kanatti kilaboonni addaddaa federeeshinicha jalatti haa hundeeffaman malee ummataan gargaaramaa turan. Kunis qaamni kilaboota kana kunuunsee waan isaan barbaachisu guutuuf hinturre jechuudha.

Yeroo ammaa kana garuu gandaa kaasee hamma sadarkaa biyyaatti kilaboonni taphattoota kumaatamatti lakkaawaman hammatanii sadarkaa addaddaatti gurmaa’anii jiru.

Mootummaafi ummatni, akkasumas jaallattootni ispoortii guddinaafi babaldhina ispoortii barbaadan qabeenya isaanii itti dhangalaasuudhaan gargaarsa gamasaanii gochaa jiru. Haa ta’uyyuu malee hanga ammaatti dirree kanarratti bu’aa quubsaan argamuu hindandeenye.

Rakkina kana salphisuuf Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaas kilaboota baay’inaan horachuudhaafi dargaggoota ciccimoo argachuuf jecha waggaa waggaadhaan sadarkaa adda addaatti shaampiyoonaawwan gaggeessaa tureera. Ammas ittuma jira.

Barreessaa ittaanaan Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Salamoon G/Sillaase shaampiyoonaa baranaarratti Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Federeeshinichi baranas kilaboota 16 jidduutti shaampiyoonaa liigii piriimeerii, kilaboota 36 jidduutti shaampiyoonaa liigii biyyaaleessaafi kilaboota 48 jidduutti ammoo shaampiyoonaa liigii tokkoffaa gaggeessuudhaan xumureera.

Sababiin walmorkiiwwan kunneen gaggeefamaniifi kilaboota shaampiyoonaa ta’an gara sadarkaa itti aanuutti guddisuufi kanneen sadarkaa maaheessaa argatan ammoo gara liigii itti aanutti akka gadi bu’an gochuuf ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa 16 keessaa sadarkaa maaheessaa kan argatan  kilaboonni Raayyaa Ittisaa, Poolisii Ummatoota Kibbaafi Dadabiti gara liigii biyyaaleessaatti gadi bu’uusaanii ibsanii, bakka isaanii ammoo liigii biyyaaleessaarraa magaalaan Sabbataa, magaalaan Walqixxeefi magaalaan Hosaa’inaan liigii piriimeerii Itoophiyaatti makamaniiru.

Akkasumas liigii tokkoffaarraa kilaboonni magaalaa Suluultaa, Baatuu, Daamootti, Naannoo Hurbuu, Raayyaa Azaboofi Gaamoo Caanchaa ol yoo ce’an, magaalaan Buraayyuu, kilabni Awaaskodi, Naashinaal Siimiinti, Poolisii Dirree Dawaa, Nageelee Booranaafi Bishooftuu Otomotiv gadi bu’uusaanii  addeessaniiru.

Federeeshinichi walumaagalatti kilaboota 100 jiddutti shaampiyoonaawwan kubbaa miilaa gaggeessaa turuusaanii kan ibsan Obbo Salamoon, sadarkaa sadarkaadhaan rakkinoota naamusaan walqabatee isaan mudachaa turan to’achuudhaan xumurusaanii ibsaniiru.

Rakkoon naamusaa barana yeroo addaddaatti mul’achaa ture bara dhufutti akka hinceeneef mootummaan qaamolee dhimmichi ilaallatu kanneen akka federeeshinoota naannoleefi kilaboota wajjiin marii’achaa jira jedhaniiru.  

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

3 Comments to “Rakkinni kaleessaa boru akka hindabalamneef falatu barbaachisa”

  1. Pingback: priv bar
  2. Pingback: car detailing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *