Kana furmaanni saa, sana furmaanni saa
Gamtaan tokko taanee yaadaan buufnee baafnee
Yoo hundoofne nuti, addunyaaf ni taana
Biyya keenya mitii
Jedhee na utube beekaan xiqqoo mitii
Anis xiqqoo yaadee iddoon jiru dhaabbee
Waan hundumaa qabna
Kadhaa ganda hin deemnee
Maaltu anaan na raase
Saba rafee jiru deemee hin damaksuu
Isa daka jiru gammoojjota keessa
Kan baddaa gaararraas kan faradoo tiksu
Jaarsa Orom durii mammaaksa dubbatu
Qonnaan bulaa keenya garbuu omishatu
Kan gootaraa hedduu
Qamadii galfatu
Qe’ee guddaa keessaa wandaboo uffatu
Gola hayyootaa seenaa kan qo’atu
Qacceen warrasaanii yoomillee hindhumatu !!!
(Ogeessa kominikeeshinii WDhKLXLD irraa)
15 Comments to “Dharatu dagaage, Dabatu hanqaaqe”