Sirna duuboo kennuu Oromoo Gabraa

Gosoota Oromoo Godina Booranaa keessa jiraatan keessaa Oromoon Gabraa isa tokko. Ummanni Gabraa harki caaluu horsiisee bultoota yoo ta’aan kaan immoo ciinan qote bulaa. Qabeenya gaalaas baay’inaan waan qabaniif aannan gaalaa achitti beekamaadha. Maddi qabeenya isaanis loon, re’eefi gaaluma.

Oromoon Gabraa haala teessumaatiin Godina Booranaa Aanaalee Moyaalee, Guchii, Areeroo, Yaa’aballoofi Gomoolee keessatti bal’inaan argamu. Ummaati Gabraa aadaa, seenaafi akkaataa sirna Gadaa ittiin gaggeeffatu kan mataasaa qaba. Haa ta’u malee sababoota rakkoo nageenyaatiin sirnichi adda ciccitaa tureera. Erga yeroo dhihoo as garuu sirna gadaa Gabraa iddootti deebisuuf sochiin garagaraa taasifamaa kan jiru yoo ta’u; torban darbees Abbaan Gadaa amma duuboo (baallii) harkaa qaban duuboo kennuuf sirni lallabbii adeemsifameera.

Dhimma kana ilaalchisuun ogeessi Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Booranaa Obbo Adan Qallaa gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, gosti/miilloon Gabraa balbala 12 (Maagaalee, Uchoota, Warra Abbaa Ceessaa, Warra Roobilee, Artiwiina, Allammaaloo, Kabarkaala, Addoottilee, Qoowwaa, Dooliyyoo, Sikubitureefi Orraasina/Lossa)  kan qabu yoo ta’u, Miilloo Gabraa 12 keessa warrii/balbaalti duuboo fuutuu Daraawwa balbala saddeen. Isaanis Dooliyoo, Kabarkaalaafi Adoottileedha; miilloon warrii kaan jaldhaabaafi qaalluu ta’u. Ammas duuboon kan darbuu Dooliyoo irraa gara Kabar kaalaati.

Warrii duuboo kennuuf jedhu goggeessii isaanii Maar Gudoo yoo ta’u, kan fudhachuuf deemummoo Meelguusa ta’uu kaasanii, bu’uuruma kanaan torban darbe Aanaa Gomoolee, Ganda Qabaatti bakkee Ardaa Madheeraatti jedhamtutti lallabbiin taasifamuusaa ibsu. Sirna kanaanis namni yeroo ittaanu Abbaa Gadaa ta’uun duuboo fudhatu dhihaatee mariin bal’aa erga gaggeeffameen booda lallabbiin taasifamuusaa himu.

Gadaan Gabraa addaan ciccitaa turuusaatiin abbaan Gadaa 26ffaa Ibreen Jiloo kan amma duuboo/baallii of harkaa qaban, silaa kan waggaa 9 (sagalitti) kennuu qaban, (kunis 1997 kan duuboo fuudhan yoo ta’u, bara 2005 kennuu qabu ture) amma ga’uu kaasanii, kunis dhiibbaa marsaa yookiin gogeessa gadaarratti fidu akka qabu ibsu. Bu’uura kanaaniis gadaa ittaanu kan fudhatu Abbaa Gadaa Maammoo Abdii yoo ta’aan, isaanis sirna lallabbiin booda goodaanuun jila duuboo fuudhuun dura jilatamu qabu akka  jilatan addeessu.

Akka ogeessii kun nuuf ibsanitti, gadaan Gabraa akka gadaa Oromoo kaanii waggaa saddeet saddeetiin kan naanna’uu osoo hintaane, akka hangafummaafi quxusummaa gogeessatiin waggaa sagal yookiin kudhanitti naanna’a. Kana jechuun gogeessii hangafaa waggaa kudhan, quxusuun ammoo sagaala yoo ta’u, kan waggaa saddeetiin kennu hinjiru. Akka waliigalaatti goggeessi sagaal kan jiru yoo ta’u isaan keessaa gogeessi sadii (Deesmaala, Dhibguudoofi Meelguusa) warra waggaa 10 ykn angaafa yoo ta’aan gogeessi ja’a (Libaale, Maarguddoõ, Seelguddoo, Eelguba, Irmanguddoofi Deesguddoo) ammoo quxusuu yookaan warra waggaa sagalitti duuboo fuudhudha.

 Akka Obbo Adan jedhanitti, sirna lallabbiirratti namni hundi hinhirmaatu. Kan irratti argamu yaa’ii abbootii gadaa hunda. Achittis jibichi lallabaa jedhamu bakkuma abbotiin gadaa yeroo ittaanuuf duuboo fuudhan itti lallabamanitti jibichi lallabaa Ardaa Madheeraatti ni qalama. Bakkeen kun bakka qulqulluufi seena qabeessa waan ta’eef filatame. Foon jibicha kanaas namini hundi hin nyaatu. Abbootii gadaa warra lallabameefi jaldhaaboota isaa qeerroo/foora hinfuunee ykn durbatti dhihaatee hinbeeknetu nyaata. Dubartiin aadaadhumaan foon qalame nyaachuu mitii bakka lallabaallee hingeessu; kan lallabes hin nyaatu. Erga foon nyaatamee, itittuun aannan gaalaa (Suchee)  dhugamee boodas achumatti sirba aadaa sirbaafi taphachaa bulama. Nyaata ummanni bal’aa nyaatummoo abbaan ardaa naannawaa sana jiru qalee keessummootasaa keessummeessa.

“Yommuu lallabamuus nama sadii ta’aanii kan lallaban yoo ta’u, kunneenis  Abbootii gadaa filataman lama fiixee duuboo keennuuf jirtuun yoo ta’u, bitaafi mirga dhaabatu. Isaanis, abbaa gadaa Jibloofi abbaa gadaa Lossaa/Orraasna yoo ta’aan hayyuu fiixee jedhamuun beekamu. Isaan immoo nama lama lama jaldhaaba (ittaanaa) qabu. Jibloo keessaa Kabar Kaalaafi Addoottilee, kan Orraasna/Lossaa keessaammoo Kaalulaafi Kalmaasaa irraa jaldhaaba ta’u. Inni sadaffaan ammoo hayyuu fooraa (dargaggoo) lama filatamanii lallabu. Sirni kunis Abbaa Gadaa Ibreen Jilootiin kan durfamu yoo ta’u “Abaluu Abaluu (maqaa abbaa gadaa isa duuboo fuudhuu waamaa) Hayyuu Gaaraa, Abaluu Abaluu miigoo dhereessa (gabra bal’oo)” jechaa lallabu. Warri achitti  argaman “gaaromsi waaq, dheereessi waaq” jechaa jalaa qabu; warri lallabamuu bifuma wlfakkaatuun  saddeet ta’anii lallaba fudhatu” jedhu.

Ogeessi aadaa kun akka kaasanitti, kanaan booda gogeessi warra abbootii gadaa duuboo fuudhuuf maqbaasi erga adeemsifameen booda sirni wal harkaa fuudhiinsaa kan gaggeeffamu akka lakkoofsa warra Gabraatti Soondheeraafi Dakkaa (waggaan galee ji’a saddeettaffaa)tti. Kana jechuun lallabbiin ademsifamee waggaa tokkoon booda jedhuudha. Yeroo kanattis abbootiin gadaa duuboo fudhatan jila jilatan qabu. Kunis ardaalee addaddaatti kan adeemsifamu yoo ta’u, aanaa Guchiitti maqbaasa erga raawwataniin booda, gara aanaa Waacillee, ganda Weebiitti, Gaara Eessi deemuun achuma turanii duuboo ykn baallii fudhatu. Ganda sana ardaalee sadiitu jira. Isaanis, Caaccane Wayyamaa, Caaccane Kootichaafi Caaccane Daadaa yoo ta’an, ardaalee kanatti jilachuun duuboo walitti kennu.

Gaarrii Eessi gaara daran olka’aa yoo ta’u, jigji (jibicha) gaalaatiin koru malee namni danda’ee akka hinkorre kan kaasan Obbo Adan, jibichi gaalaa kunis sa’a tokko imalee kora jedhu. Jibicha Gaala sanas kan korsiisu qeerroo/foora dubartiin harkasaatti hinulfaa’iin, kan hingudeediniifi kan waan badaa hinhojjenne ta’uu qaba. Yoo nama akkasii miti ta’e gaallii sun akka hinkorre ibsu.

“Jila jilachuuf dhaabbeelaan/yaa’ii miseensoota 30 qabu hundeeffachuun kan irraa eegamu yoo ta’u, guyyaan baallii kennuus mariisaaniitiin guyyaa muraasa irra darbuu ni danda’a; garuu waggaatti kennama. Haala kanaan dhaabbeelaan waliin jilachaa deemanii waggaa tokkoo osoo hinguutiin obaafatu jechuudha. Erga baalliin kennamee boodas abbootiin gadaa baallii kennan gara waggaa tokko bira taa’anii warra haaraa barsiisu. Kanaa booda warri duuboo fudhate achuma naannawaa sana jiraachuun hojii abbaa gadummaa hojjetu” jechuun ibsu.

Abbaa Gadaa Ibreen Jiloo kan amma duuboo kennuuf jedhan yoo ta’aan isaanis  gamasaaniitiin akka jedhanitti, sirni wal harkaa fuudhiinsi baallii kun haala nageenya naannawaa sana tureerraa kan ka’e yeroosaa eeggatee deemaa kan hinturre ta’uullee aadummaasaa waan hingadhiisneef ammas bakka jiruu itti fufsiisuuf rakkoo hinqabu. Sirnichis duraa duuba irranatti eerameen erga raawwateen booda lallabamee gaafa waggaa baalliin kan kennamu ta’a. Bu’uura kanaanis Abbaa Gadaa Maammoo Abdiifi Abbaa Gadaa Roobaa Eessoo Booruu kan lallabaman yoo ta’u, isaan hayyuu fiixee warra lamaanii ta’u.

Isaanis erga baallii kennanii booda gorsaa ta’uudhaan warra baallii fuudhu aadaa akka barsiisaniifi jajjabeessan himanii, lallabaan booda maqaan moggaafamee Ardaa jilaa Weebiitti walga’uun hanga duuboon kennamutti yoo xiqqaate ji’oota torbaaf achuma akka turan ibsu.

Walumaagalatti, sirni walharkaa fuudhinsi duuboo Oromoo Gabraa kun bifa aadaafi eenyummaa ibsuun kan adeemsifamu ta’uus, ragaaleen barreeffamaanis ta’e waraabamanii sagaleefi suuraan jiran bal’inaan kan hinargamne ta’uusaatiin Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaafi hayyoonni bal’inaan qorannoo gaggeessuun dhalootaaf dabarsuu qabuun ergaa keenya.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

4 Comments to “Sirna duuboo kennuu Oromoo Gabraa”

  1. Pingback: barber prahran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *