
Yaa’a Bal’oon magaalaa guddoo Godina Booranaati. Godinichi duudhaalee aadaatiin daran kan badhaadhe yoo ta’u, moggaasni magaalotaafi bakkeewwan godinichaas akkasuma seenaadhaan kan walqabataniidha.
Moggaasa Yaa’a Bal’oo ilaalchisuun maanguddoon Booranaa Abbaa Boruu Dirree Guyyoo akka nuu ibsanitti, hundeen jechaasaa Yaa’a Bal’aarraa kan dhufe yoo ta’u, magaalicha keessatti jilli guddaan waan adeemsifamuuf itti moggaafame.
Jilli Gadaamoojjii magaalichatti mataa buufatti/qubatti. Warri Raabaas achumatti jila tolfatu. Jiloonni kunniin waan magaalaa kanatti taasifamaniif jila yaa’i bal’ooti jedhurraa moggaafamuufi kunis waggoota 100 caaluu addeessu.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011
10 Comments to “MAALIF JEDHAME? Yaa’a Bal’oo maaliif jedhame?”