
Sakaallaankee laafnaan kan hiikkatte seetee
Oliif gadi fiigdee akka feete taatee
Callisee silaallaan dhiitichaas kajeelte
Margi lalisaa kun waan hin gogne seetee?
Durdur sakaallaankee mogolee sibuusee
Gogaakee quncisee lafeetti sibaase
Anatu qabsaahee walaba sibaase.
Ati har’a garuu gadadoo kaleessaa akkamiin dagatte
Dirreen siif bal’annaan daangaa hinqabu seetee ?
Lakki sittaahafu quufnis daangaa qaba
Fiigichoof guluffiin hunduu akka qaba.
Sigorsinaan didde gurrakeetti asaasee
Chee! jennaanis homaa sagalee ol kaasee
Ergan okaa haamee ani si nyaachisee
Lagaa bishaan fide ergan si obaasee
Dalga nalaaluun kun maal si kajeelsisee?
Jedhe abbaan Qeerroo kan didaa leejjisu
Kan dabe qajeelchee kan tole eebbisu
Diddaa gaangee kanaa akkamiin haa usu?
Abbaan qeerroo aare obsasaas fixate
Sakaallaan laaffate malee yoom hiikkate?
Jedhee gubaa garaa of keessaa baafate.
Kanaaf gaangeenanaa usi tasgabbaahi
Akka bara beelaa quufas mee danda’i.kanaan gorsa diddee yoo biyya hammacce
Baddee biyyee taata kan hirbaanni dachee.
Waasihun Takileetiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011
17 Comments to “Gaangeenanaa siif wayya!”