Akkamiif attamitti jirtu jennee akka hinjalqabneef hundumti keenyaa akka torban kana itti dabarsine nibeekna. Maalumaafuu oolteef bulteen keenya akkuma jirutti ta’ee torban darbe sobaa wajjin haasa’aa turree mitii? Har’as ittuma fufna. Haasaa keenya keessatti akka mi’eessituutti sobaa wajjinii kana ittuma fayyadamna. Amma amma taa’ee yommuun yaaadu sobaa wajjinii kanaaf yeedaloofi walaloo itti baasee weeddisuu laata jedhaan jira. Waa’ee sobaa wajjinii kana yommuun yaadu guyyaatti yoo xiqqaate sobaa wajjin sa’aatii soddoma hirriiban dhaba. Guyyaa tokkotti sobaa wajjin sa’aatii soddoma? Ajab!
Torban darbe waayee aannan leencaa haasa’uu jalqabnee ibsaan baddee jennaan haasaa keenya addaan kunne. Ibsaa’umti kuni maaluma haadhashee taatee baddii? Ammallee akka na jalaa hinbadneef dafee dafee waanin barreessu barreessee qopheeffachuun qaba. Booda na jalaa baddeemmoo isin wajjin wal na dhabsiistee akkan hinrakkanne. Garuu waayeen baduu ibsaa kanaa gaaf gaafi yeroo ibsaan kun osoon hojiikoofaa hinxumuriin najalaa dhaamtu aariidhaan elektriikii qabi qabi nagodha. Elektriikii isa kam? Haasaadhumaafi malee isheenuu baddeerti. Yeroo tokko tokko bara durii sanfaan hawwa. Bara durii bara dhagaan daaabboo ture san… bara aannan akka bishaan lagaa lafarra yaa’u sana…bara durii bara gafarsaan qotanii saatawwaan garmaaman san… bara durii bara birraa qotanii ganna haaman sana…bara sana bara durii…bara sana nahawwisiisa.
Hawwiin bara durii kuni kan dhufe kanarraa ta’uu hindidu. Yeroo tokko tokko namoonni yommuu sirna durii hawwanii dur wayya jedhan maalumaaf akkas jedhuu jedheen yaada. Wanti bara durii nama hawwisiisu siyaasaaf sirna bulchiinsaa keessatti silaa waan gaariin hinturre. Maalumaaf dur hawwinaa laata? Kanumaafii laata warri torban darbe namoota qulqulluu ajjeesanii bara mullata bara durii san galmaan gahachuuf carraaqanii kan jalaa fashalaa’e? Yaa torban darbite san…Torban gurraattii turte mitii? Ani gamakootii torban akkanaa argee hinbeeku. Torban fokkistuu… maali fokkisuunii torban sururii fuula xurii. torban jechan dhabuuf turte. Maalumaafuu torban akkanaa jaarraa tokko keessatti al tokko ykn al lama dhala namaa qunnamuu mala. Osoo jennuu seenaadhuma biyya keenyaa kanuma baroota dhihoo kanaa xiqqoo ishee haaxuxxuqnu. Baroota dhihoo yommuun isiniin jedhu bara Tewoodiroos lammaffaarraa kaasee kan jiru jechuu kooti.
Tewodiroos kun nama haadha warraa isaanii warra mootota Walloo irraa fuudhan ta’anillee baroota isaanii keessatti warra soddaa isaanii akka hinjaalanne seenaan isaanii nidubbata. Maarreekaa namni kun gara aangootti dhufuu isaaniitiin dura guyyaa tokko heexoon isaanitti mullatti jedhan. Heexoo balaafamtuu… nama hinfilattu, nama boru mootii ta’uu jedhutti mullattii? Hinqaanoftuu? Tole qaana’uu dhiistee nama ‘haati isaa heexoo gurgurtu’ kanatti mullattii? Tuffiidha kuni…tuffii…tuffii guddaa! Isallee isheen maal balleessite namtichatu akka leencaatti ganamaaf galgala foon dheedhii kana murata. “Abet yaacooma mana isaa!” jedhan namoonni akka abbeeraa kiyyaa kan bara sana wajjin turan silaa abbeeraan kiyya sunfaa diimina kana argannaan luka tokko kophaa fixu jedhan. Sangaa coomaa luka tokko namni tokko kophaasaa cireedhaaf yommuu sooratu maal jettu? Maalumaafuu nama biraa osoo ta’ee biyya dhiistanii baqattu. Wasiilakoo waan ta’eef obsaa dubbichi akkuma barre san sobuma ta’uu mala.
Maalin haasa’aa turee gidduun immoo baargama cehee? i…i… eeyyee amma yaadadhe…waayee seenaa biyya keenyaa barootuma muraasaa jalqabeen waayee Atsee Tewodiroos kaase. Egaa Tedishaan heexoon isatti mullattee isarraa bilisa bahuuf jechaa qoricha dhuge. Kana yommuu dhagahan warri soddaa isaa gara laafummaa isaniitiif jechaa foon miila sangaa tokkoo harreerratti feesisanii erguufi.
Yoona kana foon isaa xissiq godhee erga nyaateen booda kophaa isaa taa’ee yaade. “Warri soorayyiin kuni maaluma yoo jedhaniif akkamumatti yoo natuffatan foon miila tokko qofaa naaf ergu?” jedhee fakkare… egaa wasiillikoo sun akka inni ta’aa ture yommuu natti himu Alaqaa Gobaz inni seenaa isaa barreessaafii ture sunuu hinbeeku ture. Nika’e nitaa’e…nihargane…lafa rukute…booreedhaan mataa isaa ofirraa ciree nyaate. Shugguxii isaa baasee ofitti aggaame… waayee shugguxii kana abbeeraankoo waan mirkaneeffate natti hinfakkaatu…mee maalumaafuu gaaf haasaa isa ofiin of ajjeese jedhanii nuburjajessanii san kaasnu kaasnee haasofna. Egaa Teedishaan kanaan kan ka’e ‘shaffatee’ bosonatti gale.
Erga bosonatti galee booda jara warra fayyaaleyyii san aangoorraa fonqolchee aangoo qabate. Naaf qabattanii aadaa tokko ajjeesanii ofii aangorra quph jechuu… egaa achiin booda hamma gabbarsiise gabbarsiisee kan didees ajjeesee baroota mootummaa isaa keessatti seenaa gaariif yaraa… Gondarii kaasee hamma Shawaatti… Goojjaamii kaasee hamma Wallootti waan raawwate raawwateera. Mee xiqqoodhuma ishee waanuma azmaaronni warra Gondorii jettee sirbaa turte keessaa lamaan isheen isin yaadachiisa.
“ሞጣ ቀራኒዎ ምነው አይታረስ
በሬሳላይ መጣሁ ከዚያ እስከዚህ ድረስ”
Walaloon azimaaronni walaleessaa turan sookoof soorgoo ofkeessaa qabdi ture. Hiikni isaa tokko Mooxaa lafti jedhamu kan Gojjaam keessaa maaliif lafa bule? Sangaa qotu osoon hinarginiin achii ka’ee as gahee jedha, hiikni tokko. Hiikni gara biraammoo… lafi Mooxaa kuni maaliif hinqotamu? Reeffarran tarkaaffachaa achii ka’ee as gahe jechuudha. Egaa namtichi akkuma aangoorra bahaniin waan gochaa turan wasiilakoofi azmaarota barichaa barbaadaa gaafadhaa.
Gara Shawaa kanas dhufanii turan
“አጼ ቴዎድሮሰ እጅግ ተዋረዱ
የሸዋን መኳንንት እጅ ነስተው ሄዱ”
Kunis akkuma isa armaan oliiti. Atsee Tewodroos baay’ee of salphisani…maku’aanintoota Shawaa harka fuudhanii deemaniifi Maku’aanintoota Shawaa harka dhabsiisanii deeman isa jedhutti hiikkannee hubachuu dandeenya. Egaa kana anaa miti kan barreesse. Takila Tsaadiq Makuraafaadha. Maalumaafuu dhimmi keenya dhimma fonqalcha mootummaa raawwatanii san boodas sabaaf yaaduu wanti jedhamu akka hinjirreedha.
Maalumaafuu yoo yaaliin fonqolcha mootummaa narratti yaalamee hinduuneef torban haasaa keenya itti fufan. Adaraa yaada naaf qabdan akkuma intarneetiin gadhiifameen naaf ergaa. Ani kan jedhu intarneetiinis ni ajjeefamemoo ofiin of ajjeesee…? innillee baay’ee nufayyada malee osoo du’eeyyuu hingaabbinu.
Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22/2011
5 Comments to “‘Hawwii Bara durii’”