Waldaa Maccaafi Tuulamaa: Waldaa si’a sadii baname si’a sadii cufame

Waggoota muraasa dura Oromummaan walitti qabamuun akka yakkaatti ilaalama ture. Boodasaa ajjeefamuufi hidhamuutu ture. Akkanaan Oromoon gootota meeqa awwallatee, kaan ammoo eessa buuteesaanii wallaalee dhiise. Kana jechuun garuu Oromummaasaa dhoksee harka marate taa’e jechuu miti. Oromoofi Oromummaasaa osoo hinganin diinasaa dura dhaabbachaa tureera.

Waggaa 56 har’aa goototni quuqama Oromoo qaban, dhokachuun aadaa, seenaa, eenyummaa, amantiifi afaan sabichaa cunqurfamuun nagaa kan isaan dhorke kanneen akka, Alamuu Qixxeessaa, Haayilamaariyaam Gammadaa, Baqqalaa Nadhiifaa bara 1956 waldaa Oromoo gaaddisa tokkotti fiduu ijaaran; Waldaa Walgargaarsaa Maccaafi Tuulamaa.

Waldaan kun kaayyoo siyaasaa kan qabu hinturre. Bu’urrisaa Oromoofi Oromummaa qofa. Ta’us sababa xixiqqoo barbaaduun walitti qabamuu sabboontootaa kanneen hinbarbaanne cufaa turan. Haala kanaan si’a sadii cuufameera.  Ammammoo yeroo arfaffaaf  Hagayya 14 bara 2011 sirna ho’aadhaan banamuuf haal dureen xumurameera. Tarii kun isa dhumaatii laata? Walumaan ilaalla.

Dhimma kana ilaalchisuun Pirezdaantiin waldichaafi  Hayyuun Seenaa Dirribii Dammissee Gaazexaa  Bariisaaf  akka ibsanitti, waldaan Maccaa Tuulamaa bara sirnoota mootummoota sadan darbanitti  al takka banamaa takka cufamaa ture, ammas irra deebiin banamuuf eyyama mootummaa irraa argateera.

Waldaan kun, jalqabuma yommuu hundaa’u namoota seera waldaa dhaabuu beekaniin kan hundaa’e waan ta’eef jibbaaf malee rakkoo uumee akka hinqabne eeranii,  yeroo sana Afaan Oromoodhaan barachuunis tahe hojjechuun waan hindanda’amneef Oromoon afaanuma Amaaraatiin illee of baree mirgasaa kabachiifachuu qaba kaayyoo jedhu akka qabus ibsu.

Waldaan Maccaafi Tuulamaa dhaaba siyaasaafi siyaasa waliin hidhata akka hinqabneefi Addi Bilisummaa Oromoollee hundeeffama waldichaa booda hundaa’uusaa himanii, ta’us mootummaan yeroo sanaafi kanneen tokkummaa Oromoo hinbarbaanne waldicha gara siyaasaatti qabuun irra deddeebiin cufaa turuusaanii yaadatu.

Waldichi bara 1955 kan hundeeffame yoo ta’u, bara 1956 qaama seerummaa argatee hojii eegaluusaafi Onkololeessa 15 bara 1959 garuu sababa Maammoo Mazammir namoota siinimaa ilaalan irratti boombii darbate jedhanii qabuun fannifamee akka ajjeefamu itti murteessan; waldichis hojii akka dhaabu dhorkamuun qabeenyisaa  saamameera jedhu. Kunimmoo itti yaadamee Oromoon badii akkanaa dalaga jechuuf malee hidhatallee akka hinqabne ibsu.

Waldaan kun waldaa walgargaarsaa waan tureef buusii miseensootaafi deggarsa namoota garagaraatiin manneen barnootaa ijaaraa kan ture yoo ta’u, ummanni mootummaa yeroosii Haayilesillaaseetiin barsiisaa akka ramadu gaafachaa akka turan himu hayyuun seenaa kun.

Ta’us, Ministira Barnootaa wayitichaa, Haayilee Tsadaaluu, biyyi  cimaan kan ijaaramu afaan, amantiifi aadaa tokko qofaani; afaanoota biyyattii biroo dhabamsiisuun Afaan Amaarafi Gi’iizii qofti hafuu akka qabu akkasumas, ummanni Oromoo yoo barate akka galaanaa nurra galagala jedhanii waan ibsaniif

Jeneraal Taaddasaa Birruufaas aariidhaan gara waldichaatti makaamusaanii himu.

Haala kanaan osoo jiruuti waldicha cufuuf kaayyeeffatanii Maammoo Mazammiriin fannisanii ajjeesanii,  Jenaraal Taaddasaafaatti ammoo  murtoo du’aa dabarsan. Obbo Alamuu Qixxeessaa Gondaritti, warra kaanis Gaamoo Goofaatti hidhuun hundeessitoonni waldichaa akka bittinaa’aniifi waldichi akka cufamu taasifamuusaa addeessu.  

Utuu haala kanaan jiruu Mootummaan Haayilasillaasee kufee, Dargiin yeroo aangoo qabatu, mootummaan Dargiis ijaaramuu Oromoo waan hinbarbaanneef waldicha deebisuu baatus namoota hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee kaan hiikee, Taaddasaa Birruu, Dajjaazmaach Kabbadaa Bizunash, Haayiluu Raggaasaa, Obbo Zaawudee Bojaafaammoo hojmaatasaa fudhachuu waan didaniif kan ajjeefaman ta’uu himu.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, waldichi kanaa booda fuulduratti deemuu hindandeenye; sochiisaa hunda dhiisee seenaa ta’e. Bara 1985 booda, yeroo lammaffaaf banamee hojii jalqabe. Yommusiis aadaan Oromoo hidhamee ture hidhaa keessaa akka ba’u, Gadaa, Waaqeffannaafi Irreechi akka jabaatuuf sochii bal’aa taasiseera.

Haala kanaan osoo hojjechaa jiruu ammammoo gufuu biraatu fuuldurasaa ijaajje; bara 1992 teessoon Oromiyaa Finfinneerraa Adaamaa akka deemu murteeffamuun qormaata itti ta’uu kaasanii,  waldichi kana balaaleeffachuun yeroo garagaraa mormiisaa dhageesisaa tureera jedhu. Ta’us deebii dhabuun bara 1996 waajjiroonni Finfinneedhaa Adaamaatti godaananiiru. Finfinneen uumamaan kan Oromooti, qe’ee Qajeelaa Dooyyoo, qe’ee Guraaraa Lataa, qe’ee Abeebee Tufaa eenyuun dhiisnee deemna jechuun hiriirri ba’amus miseensoonni waldichaa 120 reebamanii mada’aasaaniifi kaan immoo hidhamuu yaadatu.

Kanuma mormuun barattoonni Yunvarsiitii Finfinnees hiriira mormii kan ba’an yoo ta’u, baay’een isaanii reebamanii 500 kan ta’an immoo hidhamuusaanii kan himan pirezdaantiin waldichaa, yeroo kanatti rakkoo baay’ee dabarsuusaanii himu. Keessumaa barattoonni hidhaman Finfinneedhaa fira tokkollee kan hinqabne waan turaniif isaan gaafachuun qormaata tureera; kanarraan yeroos mobaayiliin hinturre jedhu.

Egaa yaaliin hammamuu taasifamu silumaayyuu waldichi ija siyaasaan waan ilaalamuuf sababa kanaan cufamuuf dirqamuusaa kaasanii, qabeenyisaas dhaalamuusaa ibsu.  Ammas osoo kanaan abdii hinkutatin dhuma bara 1999 yeroo sadaffaaf banamee hojiisaa itti fufus bara 2004 waanuma aadaafi eenyummaa Oromoo calaqqisiisuuf irratti cufamuu himu. Qabeenya waldichaa hundi samamuufi himannaa dhiheeffatanis qabeenyisaanii deebi’uu akka hindandeenye ni ibsu.

Miseensoonniifi hundeessitoonni waldichaa garuu  harka maratanii hinteenye, ittuu xiiqii keessa seenuun yeroo arfaffaaf waldicha hojii eegalsiisuuf qophii akka xumuran dubbatu. Hagayya 14 bara 2011 bakka jaallattoonnifi deggartoonni waldichaa jiranitti Wiirtuu Egzibishinii Finfinneetti akka banamu addeessu.

Waldaan hidhata Oromummaa qabu kun maqaadhumasaa ganamaa qabatee kan itti fufu yoo ta’u, yeroo sanas Obbo Haayilemaariyam Gammadaatu yeroo waldhabdee Tuulamaafi Macca gidduutti uumamaa ture araarsuuf deeman ittiin qabatanii akka moggaasan himu. Waldaa kana keessas saboota Kuush kaan irraas namootni hedduun miseensa ta’uu eeranii, Beenishaangul keessaa Dajjaazmaach Abdurahaman Shee Hojolee, Affaar keessaa Sheek Haayidaa Husaa’inoo, Sidaamaa keessaa Obbo Amaanu’el Dubbaalee akkasumas Geediyoo, Gaamoo, Mochaafi kaanis waggoota 50 dura waldaan rakkoo keenya furuu danda’a jechuun miseensa akka turan ibsu Obbo Dirribiin.  Waldaan kun kan Oromoo hundaafi saboota kuush biroo ta’uusaatiin deebi’ee banamuun isaa daran kan nama gammachiisu ta’uus ni ibsu.

Obbo Tolasaa Kishee jalqabarraa kaasanii miseensa waldichaa kan turan yoo ta’u, deebi’ee banamuu waldichaatti daran gammaduufi bu’aa ifaajjiisaanii ta’uu eeranii, waldichi duris Oromoof hojjechaa ture ammas caalaatti kan hojjetu ta’uusaa dubbatu. Oromoon hundis waldaa kana kunuunfachuun sochii hawaas-dinagdee Oromoo furuuf taasifamu keessatti akka hirmaatu waamichasaanii dhiheessu.

Nutis, banamuun waldaa kanaa hariiroo ummataa cimsuun cinaatti warraaqsa dinagdee Oromoof shoora waan qabaatuuf jajjabeeffamuu qaba jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *