Odaa Hullee: Sirna Gadaa Jimmaa

Odaan Hullee Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa daangaa gandoota Laaloo Beeyyamiifi Collee Beeyyamirratti Aalleerraa kiilomeetira shan, Bulbulirraa kiilomeetira 10 fagaatee argama. Odeeffannoon maddoota adda addaa irraa argame akka ibsutti, Odaan Hullee, Odaa ilmaan Oromoo  Gibee hanga Gojabiifi  Dhidheessaatti  jiraatan sirna Gadaa jalatti geggeeffataniifi  Abbootiin Gadaa walga’ii seera tumuuf itti tajaajilamaa turaniidha.

Hundee jecha Hullee ilaachisee yaadota adda addaatu jira. Maanguddoonni osoo karaa adeemanii shamarran qodaa bishaaniifi annanii buqqeerraa tolfame baatanii deeman arganii maal baattu? jedhanii gaafannaan Hullee jedhanii deebisan. Kanumarraa ka’uun bakki sun Hullee jedhamee moggaafame. Uluu ykn ulmaayyii jecha jedhurraa madde akkasumas maqaa nama dhuunfaa ykn kan gosaatti ragaaleen jedhanis nijiru.

Odaa Hullee gaafa gala Bisiil kan filatameef iddoon isaa walarguuf lafa ol ka’aa bakka kamiyyuu mul’achuu danda’u, walqixxee, mijaawaafi bareedaa ta’uu isaatiini. Lafa Odaan Hullee jirurraa dhaabbatanii kallattii hundaanuu waanti ija namaa arguu dhorku kan hinjirreefi  dirree miidhagina addaa qabuudha. Haalli filannoo isaas naannawaa to’achuuf bakka tarsiimowaa ta’ee kan Oromoon iddoo baay’eetti hojiirra oolcheen walfakkaata. Ayyaantuu ogummaa agartuun kan badhaafameen kan filatame ta’uu namatti agarsiisa.

Akka raga argameetti, yeroo itti Odaan Hullee hundeeffame sirriitti beekuun yoo ulfaateyyuu, karaa/ konfederaasiin gosoota saglanii (Abbukaatotaa, Abbulluu, Agaloo, Badii, Billoo, Diggoo, Hrsuu, LaaloofiQoree) akka wirtuu Gadaatti naannoo jaarraa 16fa keessa akka hundeessan ni himama. Hogganaan hundeesse Baabboo Koyyee (Ayyaantuu yeroo sanaa) yoo ta’u, innis akkas jedhe “kottaa as teenyee seera haatumnuu, Odaan kun Odaa seera tumaati” garuu seerota waamara ilaallatan tumuu irratti qooda guddaa kan gumaachan Abbaa Deebanooti. Seeronni Odaa Huullee jalatti tumaman kan gumaa baasu, gumaa timsu, gaa’ela, lukoommii, qabeenyaa, hanna, sobaafi sagaagaluu, kofa ummata baasu, agiyoo balleessuufi kanneen biro dheerina yeroo irraa ka’e dagataman of keessatti hammataniidha.

Naannoo bara 1730 hanga 1738tti Odaan Hullee wiirtuu bulchiinsaa beekamaa akka ture ragaaleen ni addeessu. Hundeeffamuun Odaa Hullee yaaddoo marmaarsa gara Odaa Bisiil kan hambiseedha. Hundeeffama Odaa Hulleetii hanga laafina Gadaa Maccaatti baay’inni aboota gadaa turanii lakkaa’anii tartiibaan lafa kaa’uun qorannoo bal’aa gaafata. Garuu Abbaan gadaa xumuraa Abbaa Boosoo akka turaniifi sanyiin isaanii Hullee irraa godaananii Aanaa Deedoo, Ganda Qoree Maanxaatti kan argaman akka ta’e maanguddoonni naannawaa Odaa Huullee ni ibsu.

Umurii dheeraa kan lakkoofsise barcumni Abbaa Boosoo yeroo ammaa mana warra Abbaa Malkaa gosa Harsuu Obbo Tamaam Abbaa Foggii Abbaa Garootti argama. Obbo Tamaam dhaamsa abbaan, akaakayyuufi akaakileen isaanii dhaamaniif yaadachuudhaan akkasumas safuu hambaaleef qaban kabajanii faayidaa dhuunfaaf jecha osoo osoo hinballeessin har’aan gahaniiru.

Odaan Hullee galma adda addaafi dirree jila aadaa akkasumas ila amantii Waaqeffannaa itti geggeeffamu kan qabu yoo ta’u, isaanis Odaa Hulleetti naanna’an akka armaan gadiitti argamu.

  1. Odaa Gumii: Odaa Hulleerraa kallattii Kibbaatti tilmaamaan meetira 100 fagaatee kan argamuudha. Odaa kana jala warra Gumiitu taa’aa ture jedhama. Odaan kun har’as jira.
  2. Odaa Jahanii: odaawwan kunneen  akkuma maqaa isaanii ja’a ta’anii bakka tokkotti kan argaman yoo ta’an, Odaa Hullee irraa gara kallattii dhiyaatti tilmaamaan meetira 400 irratti argamu. Bakka kanatti namoonni seera tumuudhaaf gara Odaa Hulleetti osoo hinseenin  dura bakka itti haaragalfatanii qophii taasisaniidha.
  3. Odaa jaalallee: Odaan kun Odaa Hulleerraa meetira 100 fagaatee kan argamu yoo ta’u, seera tumaan boodda hirmaattota biyya biyyaarraa dhufaniif nyaataafi dhugaatii qopheessuun eebbaan saaqanii affeerraa raawwachuun bakka lammiin wal mararfachuun jaalala itti cimsatuudha.
  4. Siidaa Jila Abbaa: naannawaa jila malkaa jila Gibeetti aanee kan argamu yoo ta’u, siidaa Waadaa jedhamees ni waamama. Siidaa jila Abbaan Gadaa bara hojiisaa xumureefi Abbaa gadaa Haaraan itti argamuudhaan aangoo walikaa fuudhuun bakka itti geggeeffamuufi waadaan itti galamu har’as dhaabbate jira.
  5. Malkaa Abbaa Gaadaa: Bakki kun Odaa Hulleerraa gara Kaaba bahaatti kan argamu yoo ta’u, bakka Abbaan gadaa itti dhiqatee ginna ciisuun gadoomaaf itti qophaa’uudha. Lafti kun har’as yoo ilaalamu bakka haroo bal’aa akka ture mirkaneeffachuun ni danda’ama.
  6. Caffee Abbaa Gadaa: Bakka fardi Abbaa gadaa dheedu akka ta’e himama.
  7. Gulantaa Fardeen Tumaa Dufanii: bakki kun gara Kibbaatti bakkee bal’aa Odaa Gumiifi bishaan Hullee gidduutti argamu yoo ta’u, dirree kanatti garmaama fardeeniitu itti geggeeffamaa ture.
  8. Teessoo Makkoo Horee: Teessoon kun kan dubartii beekumsa dubbiifi raagaan badhaafamte Makkoo Horeeti ture. Makkaawaareen ogummaa hayaqabeessa ta’een ummata hoogganteetti. Beekumsi isheen qabdu kan dhalootaa dhalootatti darbaa dhufee hara’a gahan jiru. “Nama uffata xurii hinmiiccannee manna, nama qullaa deemu wayya.” “Beekaa namaan hinmariyannee manna, wallaalaa wayya” kanneen jedhaniidha.   

Qindeessaan Koree Haaromsa Gadaa Hullee Obbo Abdallaa Ahimad akka jedhanitti, sirni gadaa Oromoo kanneen dursanii badan keessaa tokko Gadaa Odaa Hullee kan Godina Jimmaa, Aanaa Oomoo Naadaatti argamuudha. Oromootni naannawaa Jimmaa Odaa kana jalatti seera tumataafi dhimmoota bulchiinsaa, hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa loogii tokko malee walqixxummaadhaan raawwachiifataa akka turan qorattoonniifi beektonni seenaa ni ibsu.

Seenaa boonsaa ummatni Oromoo Jimmaa qabu kun bara dheeraaf addaan cite waan tureef qorannoofi qophii taasisuudhaan iddootti deebisuudhaaf bulchiinsi Godinaafi magaalaa Jimmaa qajeelfamaafi kallattii kaa’eera. Haaluma kanaan koreen waliigalaa dhimmoota Gadaa Jimmaa deebisanii haaromsuuf haala mijeessu qaamolee hawaasaa gara garaa keessaa walitti qindaa’ee hojiitti seene hojiisaa milkaa’inaan xumureera.

Korechi hawaasa godina Jimmaafi lammiilee Oromoo dhimma kanaaf quuqama qaban waliin ta’uun sirni Gadaa Oromoota naannawaa Jimmaa kan Jaarraa lamaa oliif dagatameefi bade ture idoo isaatti deebi’ee akka mul’atu taasiseera. Gadaa Odaa Hullee jalatti tokkummaan keenya ni cima, sabboonummaan keenyas ni lalisa jedhu Obbo Abdallaan.   

Madda: Odaa Hullee Sirna Gadaa Jimmaa

Amajjii 2010

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Odaa Hullee: Sirna Gadaa Jimmaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *