Artisti Elemoo Alii turtii waggoota 37 booda biyyatti deebi’e

Finfinnee: Sirni mootummoota darbanii qabsaa’ota siyaasaa,  artistootaafi hayyoota Oromoo hedduu cunqursaa waan tureef gariinsaanii lubbuusaanii dhabaniiru, gariin ammoo biyyasaanii jaalatan dhiisanii jireenya biyya ormaatiif saaxilaman baay’eedha.

Erga siyaasni Itoophiyaa daandii sirrii qabachuu jalqabee waggaa tokkoo as garuu hoggantootni paartiilee siyaasaa, hayyootniifi artistootni hedduun gara biyyasaaniitti deebi’aniiru.

Artisti Elemoo Alii Ahmadis turtii waggoota 37 booda kaleessa gara biyyasaatti kan deebi’e yoo ta’u, hoggantootni qondaaltonni Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa maatiifi jaallattootasaa waliin ta’uun simannaa ho’aa taasisaniiruuf.

Turtiisaa biyya ormaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneen “Biyyan itti dhaladherraa fagaadhee waggoota dheeraaf turuunkoo  garaa na raasaa ture. Yaadaafi hamileedhaan ummatuma Oromoo waliinan ture. Haalota siyaasaa darbetu biyya ormaa keessa na tursiise, kaawwanis oofee kan biyyaa baase kanuma, har’a ammoo guyyaan koo geenyaan kunoo dhufeera” jedheera.

Bara 1974 irraa kaasee bilisummaa Oromiyaatiif ogummaa artiitiin ummata dadammaqsaa, gurmeessaafi tokkummaa Oromoo cimsuuf falmaa turuusaa kan dubbatu Artisti Elemoon, kanaanis cunqursaan itti hammaannaan biyyaa akka bahe ibsa. Biyyoota alaa taa’ee tokkummaa Oromoo hojjechaa turuus addeesseera.

Kanaan boodas siyaasni biyyattii daandii qajeelaa qabachaa waan jiruuf aartii Oromoo guddisuuf, akkasumas warraaqsa dinagdee Orom artiidhaan gabbisuuf karoora qabaachuusaa ibseera. Ummanniifi mootummaanis tumsa akka taasisaniif gaafateera.

Dhaabonni siyaasaa Oromoos adda faffaca’anii qabsoo siyaasaa gaggeessuurra walitti dhufanii injifannoo siyaasaa argame milkeessuu akka qabanis dhaameera. Falli jirus waliigaluu qofa jedheera.

Ittigaafatamaan Damee yaada ummataafi paablisiitii Waajjira Giddugaleessa ODP Obbo Taayyee Danda’aa akka jedhanitti, Artisti Elemoo Alii sabboonaa Oromoo ta’uurra darbee artiidhaan qabsoo Oromoo sochoosaa waan tureef biyyasaa keessa akka hinjiraanneef ari’atame. Ta’us, ummatasaa haalaan waan jaalatuuf yaadaan ummata Oromoo keessa jiraataa tureeraa jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas waggaa darberraa kaasee artistoota gara biyyasaaniitti deebi’an gurmeessaa turuuhimanii, kunis aartiin Oromoo caalaatti akka cimuufi ijaarsa biyyaa keessatti qooda guddaas akka bahatu godheeraa jedhan. Wayita ammaas ogummaan aartii qaroomina Oromoo akka lallabuufi tokkummaa ummata Oromoo akka jabeessuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Artistootni marti duudhaalee waliin jireenya hawaasaa cimsuu, misooma si’eessuu, doofummaa balleessuufi ijaarsa sirna dimokraasii lafa qabsiisuu keessatti qooda guddaa waan qabaniif mootummaa cinaa hiriiranii akka hojjetanis gaafataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Artisti Elemoo Alii turtii waggoota 37 booda biyyatti deebi’e”

  1. Pingback: junk search engine

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *