Bara 1974 erga biyyaa bahee baqatummaan biyyoota gargaraa jiraachuu kan dubbatu Elemoon, ka’uumsi biyyaa bahuu kootiis roorrifamuu ture jedha.
Mootummaan bara sana ture nama ajjeessa, hidhe dararaa turee kanattiin baqadhe’ jedha. Hidhaa jala miliqus garuu jiruun baqatummaas laaftuu hin turre jechuun dubbata.
Sa’ud Arabiyaa, Xaaliyaanii, Awustiraaliyaa, Ameerikaa, Kanaadaafi biyyoota jiruu baqatummaa keessatti dabarse hedduu akka ta’es ibseera.
Bara 1992 yeroo mootummaa ce’umsaa, ji’a sadiif biyyaatti deebi’us deebi’ee akka biyyaa bahe dubbata.
Mata duree qabsoo Oromoon wal qabatu, baqattummaa, jaalalaafi kan biroorratti sirboota 100’tti lakka’aaman gumaachuu kan dubbatu Elemoon rakkina namoota biyyaa godaanuun qabus sagaleenis irra buuse.
‘yaa jiruu biyya Ormaa
mukaafi citaan naan morma
akkamiin obsee tura
waaqayyoo muddaa furaa …”
Sirbi isaa onnee Oromoota biyya hambaa keessa jiran keessaa hin baane kana seenaa dhugaarraa ka’uun akka barreesse dubbata. Sa’ud Arabiyaa Riyaaditti sirba kana baasu kan dubbatu weellisaa Elemoo Alii, gartokkee walaloo sirba kanaa Gammachuu Magarsaa(PHD) ta’uu ni dubbata.
‘Biyyoota Arabaatti Oromoota biyyaa baqatan irraa roorroo jirtu ibsuufin sirba kana baasee jedhe.
”Namni biyyaa bahe rakkataadha ,obsaafi amala yoo qabaate malee roorrifamuun jira, har’a rakkannee boru keessaa baanaa jedhe abdachiisuufin sirbe, Ani garuu ofiif harka namaa ilaale hin beeku hojjadheen bulaa ture jedhe Elemoon.
Rakkoo biyyaa si baase amma jijjirameera jette yaaddaa? Gaaffii jedhu gaafatamee, “Mootummaan RFDI’s ta’ee, mootummaan darbes uummata Oromoo ajjeessu, hidhuufi saamaa waan tureefin biyyatti otoon hin deebi’iin ture, guutummattis ta’us baatu jijjirameera.”
Mirgi yaada ofii bilisummaan ibsachuu amma jira, Sabboonummaafi quuqama lammiin qaba Oromiyaarraa fagaadhee jiraachuu hin fedhu.”
Gaaffii sirba dhaabdeettaa? Jedhame gaafatameef, “Ganama yeroon hirribaa dammaquu daqiiqaa 15 gitaaraa ykn kiboordii taphachuun araadan qaba. Muuziqaa dhiisuu hin danda’u anaaf isatu buddeena’ jedha.
‘Sirboota dhibbaan lakka’amaniin baase, hedduudha, sirbiin bara 1978 baaseef rakkoon amma jirus wal fakkaata, yeedaloon miidhagsuurra kan darbe jechi adda hin jiru jedha.’
Shira amma biyyatti keessaa jirurratti Oromoon waliif tumsuu qaba, kan kaleessaa darbeeraa kan borutu caala jedha.
‘Oromoon waliif hirkoo ta’e tokkomuun tabba bahuu dandeenya, waan biyyaafi ardiif ta’uurratti wal tumsinee hojjachu qabnas” jechuun dubbata.
Dirree Dawaatti Ululleefi Harmonikaa taphachuu ijoollummarraa akka eegale kan dubbatu Elemoon, Gitaaraan taphachuu Jibuutittaan eegalee jedha.
Achiis ijoollee Arabootaafi Oromoos waliin sagantaa cidhaa fa’aatti nama bashannansisa turre jedha.
Elemoon gumaacha artii Oromoof qabuuf jaarmiyaan qo’annoo Oromoo(OSA)’ irraa bara darbe badhaasnifi beekamtiin isaa kennamuutti akka gammade dubbate.
Sirboota isaa qalbii namaa keessaa hin baaneen uummata Oromoo hedduu biratti kan beekamu Elemoon Waxabajjii 21, bara 2019 Kanaadaarraa gara Finfinneetti deebi’uuf jira. Maddi BBC Afaan Oromoodha.
6 Comments to ““Sabboonummaafi quuqama lammiin waanin qabuuf Oromiyaarraa fagaadhee jiraachuu hin fedhu” –Artisti Elemoo Alii”