Sagalee sirreeffamtoota Mana Sirreessaa Qaallittii

Finfinnee: Manni sirreessaa akkumaa maqaansaa ibsuyyuu iddoo amalli namoota yakkaan shakkamuun to’annaa seeraa jala oolan itti sirreeffamuudha. Asiin dura garuu manneen sirreessaa addaddaa biyyattiin qabdu keessatti haalli qabiinsa mirga namoomaa daran sarbamaa waan tureef, lubbuu lammiilee hedduu gaaga’eera; miidhaa qaamaafis saaxileera.

Jijjiiramootni siyaasaa erga mul’atanii asitti garuu sirreeffamtootni sababoota siyaasaafi yakkawan biroon himatamuun manneen sirreessaa naannoofi federaalaa  keessa turan hedduun dhiifamaan gadi lakkifamaniiru. Sirreeffamtootni Eegumsa Mana Sirreessaa Olaanaa Federaalaa Qaallittii garuu mootummaan nu dagateeraa jechuun tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti iyyataniiru.

Aadde Sannaayit Magarsaa dubartoota mana sirreessichaa keessatti argaman keessaa tokko yoo ta’an, yakka cheekii dogoggorsite jedhuun waggoota digdamii shaniif Mana Murtii Olaanaa Federaalaatiin itti murtaa’uusaa dubbatu.

Daldaltootaafi kontiraaktaroota guguddoo waliin amanamummaan hojjechaa turaniyyuu gidduutti maallaqni mootummaa miliyoona sagal ta’u karaa namoota dhuunfaa cheekii dogoggoraa fudhachuun yakka keessa seenuusaanii ibsaniiru.

“Murtiin nama gibiraafi taaksii mootummaa fudhachuuf cheekii dogoggoraan galii maallaqa mootummaa dhokse tokko yoo guddate waggoota shanii hanga jahaati. Anatti garuu waggoota digdamii shantu murtaa’e” jechuun haqa dhabuusaanii ibsu. Yeroo sadii ol iyyannoo dhiyeeffataniyyuu haqni hiyyeessotaa maallaqaan jijjiiramaa waan tureef, hanga har’aatti waggoota torbaafi ji’oota saddeetiif  mana sirreessaa keessa tureeraa jedhu.

Murteen yakkaa isaanirratti darbe seera yakkaa bu’uura kan godhate miti kan jedhan Aadde Sannaayit, haqa barbaachaaf jecha gara naannoo Oromiyaatti jijjiirraa gaafachaa jiraachuusaaniis dubbataniiru.

Dubartootni waggoota kudhanii oliif mana sirreessichaa keessatti yakkoota garagaraan himatamanii guyyaa lakkaa’aa jiran hedduudha. Lammiileen yeroo dheeraaf biyya alaatti dararfamaa turan wayita dhiifamaan gadi lakkifaman, isaan garuu bobaa Doktar Abiyyii Ahmad jala osoo jiranii dagatamuusaanii ibsaniiru. Mootummaan dhiifamaan akka isaan gadi lakkisuufis gaafataniiru.

Diyaaqon Daani’eel Tashoomaa ammoo namoota hidhaan umurii guutuu itti murteeffame keessaa tokkodha. Akka inni ibsutti, sirreeffamtootni mana sirreessaa eegumsa olaanaa Qaalittii keessatti tikfamaa jiran kallattii sadiin ilaalamu. Kunis yakka tokkollee osoo hinhojjetiin kanneen ragaa sobaan hidhaman, yakka hojjetanii ammoo murtee sirrii hintaaneen kan isaanitti murteeffameefi yakka hojjetanii murtee sirrii kan argatan ta’uu himeera.

Sirni kenniisa murtee sadanuu jijjiiramoota siyaasaa wayita ammaa mul’achaa jiran dura kan kennaman waan ta’eef, ragaalee sobaan kan guutameefi haqummaa kan of keessaa hinqabneedhaa jedha. Kunimmoo Itoophiyaa keessatti haqni lammiilee kiraa sassaabdummaafi matta’aatiin hangam ukkaamfamaa akka ture kan mul’isu ta’uusaa eereera.

Dhimma himatamerratti bu’uura seera yakkaatiin falmuuf waggaa tokkoofi ji’oota saddeet seeraan ala mana murtiitti deddeebi’uusaa kan dubbatu Diyaaqon Daani’eel, murtiin umrii guutuu isatti murtaa’e bu’uura seeraa akka hinqabne dubbateera. Wayita sanattis yaa ta’u erguma jijjiiramootni siyaasaa dhufanii asitti dhimmi koo dhageettii mootummaa argachuu hindandeenye jechuun komateera.

Mana sirreessaa keessatti baay’inni hidhaas sirreeffamtoota kan hinqajeelchine waan ta’eef, mootummaan federaalaa akkuma mootummoota naannolee dhiifamaan isaafi namoota yeroo dheeraaf dararfamaa jiran akka gadi lakkisu gaafateera.

Obbo Ahmad Darbaachoos namoota mana sirreessichaa keessatti hidhaman keessaa tokko yoo ta’an, ragaa bu’uura seeraa hinqabneen hidhamuusaanii qeeqaniiru. Jijjiiramootni siyaasaa sadarkaa biyyaatti mul’achaa jiran daran hawwataa ta’uu ibsanii, mana sirreessicha keessatti qabiinsi mirga namoomaas haalaan fooyya’uusaa dhugaa ba’aniiru. Dhiifamaan akka gadhiifamuufis iyyataniiru.

Ittigaafatamaan Eegumsa sirreeffamtootaa Mana Sirreessaa Federaalaa Qaallittii Komaandar Takiluu Lataa akka jedhanitti, jijjiiramoota siyaasaa sadarkaa biyyaatti dhufaniin walqabatee mirgi namoomaa sirreeffamtootaa haalaan qabamaa ykn eegamaa jira. Akkaataa dambiifi ittiin bulmaata mana sirreessichaatiinis sirreeffamtootni marti yaadaafi ejjennoo qaban dhowwaa tokko malee ibsachaa jiruu jedhan.

Sirreeffamtootni ulaagaa manni sirreessichaa qabuun amalasaanii sirreeffatanis asiin dura dhiifamaan gadi lakkifamaa turuusaanii ibsanii, baranas baay’een maatiisaaniitti makamaniiru. Namootni irra deddeebiin yakkoota addaddaa hojjechaa turan garuu ammallee mana sirreessaa keessatti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa garuu kallattii mootummaa, “Dhiifamaan yaa ceenu” jedhu bu’uureffachuun sirreeffamtoota hedduu gadi lakkisuuf xiyyeeffannoofi eeggannoo olaanaatiin hojjetamaa jiraachuus eeraniiru. Hangasitti garuu sirreeffamtootniifi maatiinsaanii obsaan eeggachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Dhimmootni yakkaa mootummaa federaalaatiin ilaalaman kanneen naannoleerra darban ta’uusaa heerarratti taa’eera. Sirreeffamtootni hedduun Mana Sirreessaa Qaallittii keessatti eegamaa jiran hedduun naannoleetti hidhamuu qabna turre, dhiifamni taasifames rakkoo kan qabuudha, mootummaan nu dagateeraa jechuun iyyataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Hadush Abrahaa)

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

5 Comments to “Sagalee sirreeffamtoota Mana Sirreessaa Qaallittii”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Our site
  3. Pingback: vape carts
  4. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *