“Kanaan booda humni tokkummaa Oromoo diigu hinjiraatu” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Roobee: Baaleen biyya qabsaa’ota siyaasaa kanneen akka Jereraal Waaqoo Guutuu, Kolonel Aliyyii Cirrii, Haji Adam Saaddoofi Magarsaa Barii fa’iin beekamti. Holqi Soof Umar, Dirreen Sheekanaa Huseen, Paarkiin Gaarreewwan Biyyaalessaa Baaleefi Galmi Madda Walaabuus iddoowwan seenaa qabeessa ummata Oromoo Baalee ibsaniidha.

Hoggantootni olaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kaleessa jiraattota Godina Baalee waliin magaalaa Roobee Galma Abbaa Gadaatti dhimmoota misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaarratti bal’inaan mari’ataniiru. Waltajjii marichaarrattis Abbootiin Gadaafi amantii, bakka buutotni waldaalee siivikii, akkasumas qarreefi qeerroon hirmaataniiru.

“Sirnoota darbanirraa kaasee ummatni Oromoo Baalee qabsoo siyaasaa Oromoo finiinsaa waan tureef, akka ‘shiftaafi didaatti’ fudhatamaa tureera, misooma barnootaa, daldalaa, qonnaafi bu’uuraalee misoomaanis daran dhiibamaa tureera, hanguma yeroo dhiyoottillee sirni hoggansa ADWUI duraanii ijoollee ummata Oromoo Baalee adamsuun ajjeesisaa tureera” jechuun hirmaattotni waltajjichaa hoggantoota bulchiinsa mootummaa naannichaatiif dhiyeessaniiru.

Heddummaachuun paartilee siyaasaa Oromoos hundarra tokkummaafi sagalee ummata Oromoo qoqqooduu waan danda’uuf hoggansi ODP addadurummaan qajeelchuu akka qabus gaafataniiru.

 Pirezidaantii ittaanaan bulchiinsa mootummaa Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas gaaffilee ummata Oromoo Baaleerra ka’aniif deebii kan kennan yoo ta’u, hundarra kallattiin hoggansasaanii tokkummaa ummata Oromoo Lixaa, Kaabaa, Kibbaafi Bahaa cimsuu akka ta’ee dubbataniiru. Dhimma sabboonummaafi Oromummaa  Oromoorrattis qaama kamiinuu waliin jaarsummaa akka hinteenyes jala muranii ibsaniiru.

“Baaleen  biyya  gootota siyaasaati, gootummaan ammoo seenaa, aadaa, duudhaafi afaan ummata Oromoo Baaleeti, gootummaa kaleessa qabsaa’otni Baalee nu dhaalchisaniin bilisummaa har’aa arganne, kanaaf gaheen keenya hiyyummaafi wallaalummaa mo’achuuf harka walqabannee hojjechuu qabna” jechuun yaadachiisaniiru.

Keessumaa ammoo injifannoo siyaasaa waggoota dhibba tokkoofi shantama keessatti ummatni Oromoo dhiigasaa itti dhangalaaseefi lafeesaa itti cabsuun argate tikfachuun barbaachisaadha jedhan. Kana gochuuf ammoo hoggansisaanii tokkummaa ummata Oromoofi paartilee siyaasa Oromoo cimsuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa akka jirus eeraniiru. Kanaan boodas humni tokkummaa ummata Oromoo gosaan, amantiifi lagaan qooduun bu’aa siyaasaa aragachuu fedhus Oromiyaa keessa jiraachuu hindanda’uu jedhan. Ummatni Oromoo Baalee garuu injifannoo siyaasaa argame kunuunfachuun, warraaqsa dinagdee keessatti hirmaachuu akka qabus hubachiisaniiru.

 Hirmaattonni waltajjichaa Godinni Baalee bal’oo ta’urraa kan ka’e bulchiinsaaf kan hinmijanne ta’uushee kaasaniyyuu, Obbo Shimallis godinicha keessatti aanaalee Baalee haaraa hundeessuuf karoora kan hinqabne ta’uu ibsaniiru. Qabeenyaafi bajata naannoo Oromiyaa mara gara dinagdeetti jijjiiruun fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessuun hoji dursi kennamuuf ta’uu himaniiru.

Takkaallin Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Kanaan booda humni tokkummaa Oromoo diigu hinjiraatu” -Obbo Shimallis Abdiisaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *