Ijaarsi Hospitaala Sabbataa waggootaaf harkifate ture dhiyootti eegala

Finfinnee: Ijaarsi Hospitaala Sabbataa waggootaaf harkifate ture ji’oota muraasaan booda akka itti fufu Biiroon Eegumsa Fayyaa  Naannoo Oromiyaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsa Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin, ijaarsi Hospitaala Sabbataa kan harkifate sababa bulchiinsi magaalichaa qabeenya ummataan ijaarra jechuun yaaliin taasisaa tureen jedhaniiru.  Kanaanis ummatni hanga humnasaa arjoomus akkaataa karoorfameeniifi yeroo qabameef keessatti akka hinmilkoofneef  hanqinni bajataa mudachuus dubbataniiru.

Qabeenya ummataarratti murteessanii ijaarsa qarshii guddaa gaafatutti seenuun sirrii akka hintaane kan himan  hogganichi, komii hawaasa kanaa furuuf Mootummaan Nannoo Oromiyaa hojiitti seenuusaa addeessaniiru.

Keessumattuu haaromsa gadi fagoon asitti hospitaalonni ijaarsisaanii jalqabee harkifatan keessaa soddomni akka saffisaan xumuramaniif xiyyeeffannoon kennamee hojiitti seenamuu eeraniiru.

Isaan kana keessaa ijaarsi Hospitaala Sabbataa isa tokkodha kan jedhan Doktar Darajjeen bajanni gahaan qabameefii hojiitti akka seenamuuf caalbasiitti dhiyaachuu dubbataniiru.

Ogeeyyiin ijaarsicha gaggeessanis ulaagaa gahumsa ogummaa gahaa ta’e qabaachuun qulqullinaan akka hojjetaniif hordoffiifi  xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti, turtii ji’a tokkoon booda ijaarsichi kan itti fufu ta’uu, hawaasni naannawichaas kana beekuun sochii motummaan taasisaa jiru kana cinaa akka dhaabbatan dhaamaniiru. Qulqullina ijaarsaa waliin walqabatee dizaayinii hospitaalichaa fooyyessuuf kallattiin taa’ee hojiitti seenamuus eeraniiru.  

Kun ta’us ijaarsichi yeroo qabameef keessatti akka eegaluuf sochiin gama mootummaan taasifamu akkuma jirutti ta’ee namoonni wiirtuu ijaarsa hospitaalichaa keessatti mana ijaarratanii jiraachaa jiran yeroon akka ka’aniifi ijaarsichi akka itti fufu sochii eegaluusaniillee hogganichi ibsaniiru.

Waliin gahinsa kenniinsa tajaajila fayyaa Oromiyaa ilaalchisee lakkoofsi buufataalee fayyaaf hospitaalotaa lakkoofsaan dabalaa jiraachuu kaasanii, yeroo ammaattis lakkoofsi hospitaalotaa gara 85tti, buufataaleen fayyaa ammoo kumaafi 500 ga’uu himaniiru.

Lakkoofsaan dabaluu qofti kenniinsa tajaajila fayyaa waliin gaheera jechuu akka hintaane kan ibsan Dr. Darajjeen rakkoo qulqullinaa, dhiyeessii meeshaalee wal’aansaa akkasumas dawaa furuufis xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

8 Comments to “Ijaarsi Hospitaala Sabbataa waggootaaf harkifate ture dhiyootti eegala”

  1. Pingback: https://noonoo.org
  2. Pingback: namo333
  3. Pingback: fake information

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *