Finfinnee: Sirnoota darban keessa eenyummaafi heddumminni sabootaafi sablammootaa hacuucamaa akka ture galmee seenaarraa kan hubatamuudha.
Sirni mooticha Haaylesillaasee falaasama amantii takkittii qofa hordofaa waan tureef, walqixxummaafi tokkummaan ummattoota biyyattii gaggeessaa hinturre. Sirni dargiis falaasama amantii hunda farra misoomaafi guddina biyyaati jechuun lammiilee taa’uufi ka’uu dhorkaa tureera.
Falaasamni sirnoonni lameen hordofaa turan keessumaa humnaan ummattoota biyyattiirratti ka’aa waan turaniif, qabsoo hadhaawaa ummattootni biyyattii taasisaniin kufuu danda’aniiru.
Yunivarsiitii Wallaggaatti Obbo Dhaabaa Duubee barsiisaa Lammummaafi Amala Gaarii, akkasumas seenaati. Akka isaan jedhanitti, jijjiiramoota siyaasa biyyattii keessatti mul’achaa jiraniin walqabatee walitti dhufeenyi mootummaafi dhaabbbilee amantii kan duraarraa fooyya’eera. Ta’us, qaamoleen tokko tokko akka waan mootummaafi amantiin walmakeetti fudhachuun wayita balaaleffatan dhagahamu jedhu.
Waggoota kurnan lamaan darbaniif mootummaan dhaabbilee amantii keessa harkasaa galfachuun keessumaa hordoftoonni amantii islaamaa bilisaan amantiisaanii akka hingaggeeffanneef ukkaamsaa tureera; baay’een isaaniis gatii hinmalle baasaniiru.
Itoophiyaatti mootummaafi amantiin garaagara kan jedhan Obbo Dhaabaan, kaayyoonsaa inni guddaanis qajeelfama amantii heddummina yaadaa kabajuutiin walqixxummaa amantii mirkaneessuuf ta’uusaa ibsaniiru.
Sirni dargii mootummaafi amantii gargar baasuuf labsii wayita baasu walqixxummaa amantii fiduuf yaadee ture jedhanii, heerri RFDI kan ammaas mootummaan dhimma amantii keessa hinseenu, dhaabbbileen amantiis dhimma mootummaa keessa seenuu akka hindandeenye ifatti kaa’eeraa jedhu. Kana jechuun garuu lamaanuu hanga biyya tokko tajaajilanitti ykn inni tokko isa tokkorra hanga fayyadameetti fagootti walkeessummeessuu qabu jechuu mitii jedhu.
Walitti bu’iinsa mana amantaa ortodoksii Itoophiyaafi Mana Maree Islaamummaa Itoophiyaa waggoota hedduuf ture furmaata akka argatuuf dandeettii oggansaa qabanitti fayyadamanii furuunsaanii hordooftoota amantii lameeniif boqonnaa haaraa kan baneedhaa jedhu.
Akka ibsasaaniitti, dhaabbileen amantii dhimmoota nagaafi tasgabbiirratti, akkasumas qajeelummaan hawaasa tajaajiluurratti mootummaa tumsuuf dirqama qabu; deggaraas jiru. Kunimmoo mootummaafi amantiin tokko ta’uu baataniyyuu faayidaa waliiniirratti walirratti kan hirkatan ta’uusaa mul’isaa jedhu.
Hariiroon mootummaafi dhaabbilee amantii wayita ammaa mul’achaa jiru lameenuu dhimmoota misoomaafi nageenyaarratti waliin yoo hojjetan fayyadamoo ta’uusaanii sirnaan hubachuusaanii addeessu. Yaaddoowwan tokko tokko jiraatanillee haala amma biyyattiin keessa jirtuun tokkummaan hojjechuun ala filannoon biraa kan hinjirre ta’uusaa dubbataniiru.
Qaamoleen tokko tokko hariiroon mootummaafi dhaabbilee amantii cimaa waan jiruuf akka waan mootummaan filannoo dhufuuf qophaa’aa jirutti komii dhiyeessaa jiraachuusaaniis ibsanii, komiinsaanii garuu haala biyyattiin keessa jirtu hubachuu dhabuurraa kan maddeedhaa jedhan.
Rakkooleen manneen amantaa keessa turan osoo akkuma jiranitti turaniiru ta’ee rakkoo siyaasaa turerratti rakkoo biraatu dhalata ture. Amma garuu waan furameef hoggansi Doktar Abiyyii Ahmad galateeffamuu qabaa jedhan. Rakkooleen marti furamuu waan qabaniif mootummaan dhimma kamiyyuu furuuf waanti isa daangessu akka hinjirres gorsu.
Bulchiinsi Doktar Abiyyii Ahmad jijjiiramoota siyaasaa barootaaf walirra tuulamaa hanga har’aatti turan furuuf tattaaffii olaanaa taasiseera.
Keessumaa ammoo hordoftoonni amantii islaamaa ji’a Ramadaanaa haalaan soomanii akka xumuraniif deggarsaafi kabaja guddaa kennaniiruufi. Kunimmoo seenuma biyyattii keessatti boqonnaa haaraa ta’uusaa hoggantoota amantichaan ibsamaa tureera.
Takkaaliny Gabayyootiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011
6 Comments to “Walitti dhufeenya mootummaafi amantii”