“Magaalaan Galaaniifi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa qabiinsaafi ittifayyadama bajataarratti rakkoo guddaa qabu” -Mana Hojii Odiitara Muummee Oromiyaa

Finfinnee: Manneen hojii mootummaa tokko tokkobajata ramadameef sirnaan itti fayyadamaa akka hinjirre, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa saffisaafi qulqullina barbaadamuun deemaa kan hinjirre ta’uufi hojiileen misoomaa garagaraa naannawaa faaluun miidhaa guddaa qaqqabsiisaa kan jiran ta’uu mul’isa argannoon odiitii Mana Hojii Odiitara Muummee Oromiyaa.

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Ittaanaan Mana Hojii Odiitara Muummee Obbo Amantee Machaaluu ibsa Wiixata darbe gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti,  manni hojichaa ji’oota saglan darban manneen hojii mootummaa 332 irratti  odiitii geggeessuuf karoorfate keessaa 304 irratti geggeesseera.

Odiitii faayinaansii irratti geggeesseen manneen hojii mootummaa tokko tokko bajata mootummaa ramadeef sirnaan hojiirra oolchuu irratti rakkoolee gara garaa qabu. Hojjetaa hojii dirree hindeemneef durgoo kaffaluu, hojjetaa hojii gadlakkiseef mindaa kaffaluu, bittaa seeraan alaa raawwachuu, qarshii ragaa guutuu malee baasii taasisuun rakkoolee ijoo mul’ataniidha. Sababa kanaan qarshiin miliyoona hedduutti lakkaa’amu bara baajataa kana keessa qisaasa’eera jedhu.  

Bulchiinsi magaalaa Galaaniifi Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa (BATO) ittifayyadama bajataafi qabiinsa herregaa irratti rakkoo guddaa qabu. Odiitii waggoota sadan darban taasifamaniin  baasiifi bittaan bulchiinsa magaalichaa seeraafi qajeelfama kan eege miti. Sirni bulchiinsa lafaa, pilaaniifi daangaa magaalaa eeguu irrattis  rakoo guddaa qaba. Waggoota sadan darban sirni qabiinsa herrega Biiroo Aaadaaf Tuurizimii Oromiyaa iftoominaafi itti gaafatamummaa hinqabu; bulchiinsa bajata mootummaas kan eege miti  akka argannoon odiitichaa ibsutti.

Odiitii ijaarsa pirojektootaa irratti taasifameen ijaarsi pirojektoota  bu’uuraalee misooma magaalaa Amboo hanqinoota guddaa qabu. Magaalaan Jimmaas hojiilee pirojektootaa qulqullinaafi yeroo qabame keessatti xumuran tajaajilaaf oolchuu irratti hanqinoota adda addaa qaba. Ijaarsi pirojektoota kanneenii qarshiin miliyoona hedduun itti dhangala’ee qulqullinaafi yeroo qabame keessatti xumuruu irratti hanqina kan qaban ta’uu himu.

Odiitii taasifameen Warshaan Gogaa Mojoo, Warshaaleen Araqee, Huccuufi Bishaanii Magaalaa Sabbataatti argaman naannawaa faalaa jiru. Balfi warshaa huccuu Sabbataa keessaa bahu naannawaafi  bishaan faalaa kan jiru yoo ta’u, balfi warshaa Gogaa Mojoo keessaa bahu ammoo laga Mojoo daran faalaa jira. Faalamni laga Mojoo qonnaan bulaa baadiyyaafi beelladoota isaanii daran miidhaa jira. Akkasumas laga Qooqaatti makamuun qurxummiifi lubbu qabeeyyii lagicha keessa jiran miidhaa kan jiru ta’uu odiitii taasifneen mirkaneessineerra jedhu Obbo Amanteen.

Haroon Dambal kan Magaalaa baatuutti argamus keemikaalota warshaa Abaaboo, farra aramaafi ilbiisotaatiin faalamuun lubbu qabeeyyii  haricha  keessa jiran irratti miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu laboraatooriidhaan qorachiisnee mirkaneessineera. Omisha qurxummii harichaa irrattis rakkoo guddaa uumaa jira. Bishaan harichaa lolaadhaan guutamaa waan jiruuf hangi bishaanis hir’achaa jira. Gabaasa odiitii keenyaas qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessineera. Qaamni dhimmichi ilaallatu gabaasa odiitichaa akka galteetti itti fayyadamuudhaan rakkoolee mudatan sirreessuu irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu jedhu. 

Rakkoo gama itti fayyadama bajataatiin jiru furuuf mootummaan humna, beekumsaafi dandeettii odiitii keessaa cimsuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Amanteen, yeroo ammaa garuu odiitiin keessaa utuu jiruu odiitiin alaa rakkoolee hedduu baasaa jira jedhu.

Argannoon ji’oota saglan darbanii argannoowwan waggoota darban taasifamanirra fooyya’aadha. Duraan argannoowwan gurguddoon magaalota gurguddoo naannichaa keessatti mul’atu. Yeroo ammaa garuu magaalonni naannichaa gurguddoon riifoormii jala seenanii fayyadamoo fandii baankii addunyaa waan ta’aniif sirna qabiinsa herregaafi bulchiinsa bajata isaanii sirreeffatanii hojjechaa waan jiraniif fooyya’iinsi guddaan dhufeera jedhu Obbo Amanteen.

Kaayyoon odiitii hanqinoota hojmaataa, bulchiinsaa, raawwii herregaafi qabeenyaa furuuf waan ta’eef gabaasa odiitichaa hojiirra olchuun jijjiiramni guddaan dhufuu danda’a jedhu.  

Manni hojii Odiitarichaa bara 2011 manneen hojii 520 irratti hojii odiitii geggeessuuf karoorfateera. Manni hojichaa qarshii biiliyoona 63 mootummaan naannichaa bara bajataa kanaaf ramade sirriitti akka hojiirra ooluuf odiitii faayinaansiitiif xiyyeeffannaa guddaa  kenninee hojjechaa  jirra kan jedhan Obbo Amanteen, waajiraalee odiitii taasisuuf karoorfaman keessaa 300 irratti odiitii faaynaansii kan geggeesan ta’uu himu. 

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Magaalaan Galaaniifi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa qabiinsaafi ittifayyadama bajataarratti rakkoo guddaa qabu” -Mana Hojii Odiitara Muummee Oromiyaa”

  1. Pingback: Oren Alexander

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *