“Garaagarummaan siyaasaa qabaannus nageenya Oromiyaarratti ABO, KFOfi ODPn waliin jirra” -Pirofeesar Mararaa Guddinaa

Finfinnee: Garaagarummaan siyaasaa jiraatus dhimma nageenya Oromiyaarratti Addi Bilisummaa Oromoo, Kongirasiin Federaalistii Oromoofi Oromoo Dimokraatik Paartiin waliin kan hojjetan ta’uu Dura Taa’aan KFOfi MEDREK  ibsan.

Dura Taa’aa KFO fi MEDREK Pirofeeser Mararaa Guddinaa ibsa gaazexaa Bariisaaf Wiixata darbe kennaniin, dhimma nageenya Oromiyaarratti dhaabbileen siyaasaa sadan waliin hiriiruun dirqama ta’uu ibsaniiru.

 Dhaabbileen siyaasaa Oromoo ABO, KFOfi ODP waliin jirra jechuun walitti makamuu jechuu akka hintaane eeranii, nageenya Oromiyaa lafa qabsiisuufi injifannoo aarsaa lubbuufi dhiigaan argame kana itti fufsiisuu keessatti ejjennoo duubatti hindeebine qabaachuu ibsaniiru. Dhaabni maqaa Oromoon socho’u kamiyyuu Oromoof hanga qabsaa’etti garaagarummaa siyaasaan nageenyi boora’uu akka hinqabneef tumsi barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.

Nageenyi Oromiyaa eegamuu jechuun mirgi paartilee morkattootaa oliifi gadi deemanii ejjennoofi kaayyoosaanii ibsachuu eegamuun walqixa kan jedhan Pirofesar Mararaan nageenyaafi tasgabbii Oromiyaa eegsisuurratti tumsi isaaniif fakkaattonnisaani taasisuu malan murteessaa ta’uu himaniiru.

Paartileen sadan dhaabbilee siyaasaa bal’inaan Oromiyaa keessa socho’uun ummataaf “an sii jira” jechaa jiran ta’uu kaasanii, sochiin paartilee kanaa akka mucucaatuuf rakkoo tasgabbiif nageenyaarratti walin qabsaa’uun murteessaadha jedhaniiru.

Qabsoon tasgabbiif nageenyarratti taasifamu kun akka milkaa’uuf dhaaba aangoorra jiru waliin hiriiruun murteessaa ta’uu eeranii,  injifannoon siyaasaa akka biyyaatti argamee har’a hunda ija banachiise kun bu’aa qabsoo qaalii qeerroofi hawaasa bal’aa ta’uusaan deggaramuuf jajjabeeffamuu mala jedhaniiru.

Siyaasa Oromoo morkataa cimaa caalee argamu tokko ijaaruuf walitti makamuun murteessaa ta’uu himanii, ammaan tana yaada kanarratti walii galteerraa akka hinga’amne ibsaniiru.

Dhimmi nageenyaa gahee paartii tokkoo qofa godhanii ilaaluun sirrii akka hin taaneefi waliin ta’uun nageenya waaraa Oromiyaa eegsisuuf tumsi paartiilee maqaa Oromoon socho’anii walirraa cituu akka hinqabnes hubachiisaniiru.

Waasihun Takileetiin

Suurri Tsahaay Niguusee

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Garaagarummaan siyaasaa qabaannus nageenya Oromiyaarratti ABO, KFOfi ODPn waliin jirra” -Pirofeesar Mararaa Guddinaa”

  1. Pingback: additional hints
  2. HiyaI was truly amazed by your post, which not only had incredible content but also provided valuable insights. It has sparked my interest in delving deeper into this topic, as it aligns perfectly with my passion for learning. I highly value your expertise and unique perspective. Thank you for generously sharing your thoughts and taking the time to do so!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *