Waliigalteen mootummaafi ABO homaanuu boodatti deebi’uu hinqabu

Dhaabbileen siyaasaa maqaa ummata Oromootiin hundaa’anii socho’aa jiran hedduudha. Dhaabbileen kunneen maqaa adda addaa haa qabaataniyyuu malee kaayyoon isaanii gaaffii ummata Oromoo deebisuufi mirgaafi fayyadamummaa ummatichaa kabajchiisuudha. Kanaafuu dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromootiin hundaa’an garaagarummaafi rakkoo isaan gidduu jiru furanii walhubannaafi tokkummaan yoo hojjetan rakkoo kamiyyuu irra aanuu, gaaffii ummataa deebisuu, mirgaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf  kallattii sirriidha.

Waamicha mootummaan Itoophiyaas dhaabbileen siyaasaa biyya alaa turan hidhannoo hiikkatanii galanii  karaa nagaadhaan akka qabsaa’aniif taasiseen dhaabbilee siyaasaa garagaraa biyyaatti galan keessaa tokko ABOdha. ABOnis waamicha mootummaa simachuun gara biyyaa kan seene yoo ta’u waraanni maqaasaatiin socho’u garuu hidhannoo osoo hinhiikkatiin socho’aa tureera. Kanarraa ka’uun waldhabdeen ABOfi mootummaa gidduutti uumamee ture. Dhimma kan furuufis koreen teeknikaa abbootii gadaa, haadha siinqeefi hayyoota irraa baba’e hundaa’ee araaraaf socho’aa ture. Korichi waraanni ABO bosona jiru hidhannoo hiikkatee karaa nagaan akka qabsaa’u taasisuuf socho’aa tureera. Hojiilee waraana ABO deebisuuf raawwataa ture xumuruun gabaasa isaa mootummaa naannoo Oromiyaafi ABOf dhiyeesseera.  

Walittiqabaa Ittaanaan korichaa Obbo Baqqalaa Garbaa gabaasa dhiyeessaniin akka jedhanitti,  ABOn ammaan booda waraana bosona keessaa waan hinqabneef korichi ergama isaa bakkaan gaheera jennee amanna. ABOn waraana bosonatti hafe kan hinqabne ta’uu isaa ibsa kennuudhaan akka mirkaneessu, namoonni sababa waldhabdee kanaan shakkamanii mana hidhaa jiran akka gadlakkifaman gaafataniiru.

“Yeroo ammaa ummanni keenya waan hundumaa caalaa nageenya waan barbaaduuf qaamni beekamtii mootummaatiin ala hidhatee socho’aa jiru kamiyyuu gara jireenya nagaatti akka deebi’u waamicha gochaa, mootummaanis warra waamicha kana dhaga’anii dhufan akka simatu gaafanna” kan jedhan Obbo Baqqalaan, ABO paartiileen siyaasaa biroofi ummanni Oromoo marti waliigalaniifi waltumsanii olaantummaa seeraa akka kabajchiisan dhaamsa dabarsina jedhu.

Pirezidaantii Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, namoota karaa nagaan waamicha korichaatiin galanii mana leenjii Xoollaay jiraniifi kanneen qabsoo kana keessatti aarsaa kaffalaa turan mootummaan jireenya isaanii deebisee dhaabuudhaafi warra kanaan booda karaa nagaatiin dhufaniifis haalli kun kan mijatu ta’a. Ammaan booda mootummaan sochii ABOn karaa nagaatiin taasisu hundumaa kan deggeru ta’uufi nageenya uummataa mirkaneessuuf gara misoomaatti deebi’uuf ittigaafatamummaa irraa eegamu hunda ni ba’ata.

Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa akka jedhanitti, ABOn waraana bosona keessaa akka hinqabne beekamaadha. Ammaan booda ABOn nageenya ummataa mirkanaa’uuf mootummaa naannichaa waliin ni hojjeta. Qaamoleen dantaa Oromoof hojjeennu hundinuu walhubannaafi tokkummaan yoo hojjenne rakkoo kamiyyuu irra aanuu ni dandeenya jedhaniiru.  

Daarikteerri OMNfi miseensi korichaa Obbo Jawaar Mahaammad akka jedhanitti, qaamoleen miidiyaafi aktiivistoonni keenya akkuma waggoota darban keessa qabsoo kanaaf bu’aa guddaa buusan, har’a ammoo nageenya Oromiyaa tasgabbeessuu irratti, araarriifi wal hubannaan dhaabbilee lamaan gidduutti uumame kun araaraafi tasgabbii waaraa akka fiduuf shoora olaanaa taphachuu akka qaban gaafataniiru. Miidiyaaleen dhaabbileefi ummata addaan harkisuu utuu hintaane waalitti fiduu hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Zoonii Lixaa Jaal Marroo (Kumsaa Dirribaa) ibsa bilbilaan ‘BBC’ Afaan Oromoof kennaniin akka jedhanitti,  akka seera dhaabichaatti ABOn WBOn bosona “kan koo miti” jechuu hindanda’u. WBO kan hoogganu ABOdha. Nuti qabsoo irra jirra. Wareegama kaffalaa jirra. Ummanni Oromoos qabsoo kana jaallatee ofitti fudhatee ilmaan isaa waliin qabsoo geggeessaa jira. Hidhamuufi reebamuun ummata keenyaa nu aarsa, nugubas. Ummata keenya dararama keessaa baasuuf jecha wareegama kaffalaa jira jedhu.

ABO qaama paartii siyaasaa tokko deggeree hawaasa isaa miidhu ta’uu hinfeenu kan jedhan Jaal Marroon, nutis kana keessattis waamamuu hinfeenu. Bakka qaamni sadaffaan argamee badiifi rakkoo ABOfi mootummaa gidduu jiru ilaaluu danda’utti waraana dhaabnee mootummaa Itoophiyaa waliin marii taasisuudhaaf fedhii ni qabna.

Marichi bu’aa siyaasaa yeroof ykn gaaffii ummataaf deebii kabeebsaa kennuuf ta’uu hinqabu. Marichi abidda bor tuqamee ka’u utuu hintaane akka abidda yeroo xumuraaf dibamee deebi’ee hinkaaneetti dhaamsinee bira kan dabarru yoo ta’e mootummaa waliin mari’achuuf qophiidha. Hanga kun hintaanetti ammas qabsoo biraa nugaafata jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

4 Comments to “Waliigalteen mootummaafi ABO homaanuu boodatti deebi’uu hinqabu”

  1. Pingback: videochat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *