Waldhabdeen Oromoofi Affaar kan faayidaa malee kan sanyummaa miti

Ummatni Oromoofi Affaar ilmaan hidda tokkoo bakka argama hundee dhala namaa Luusii yoo ta’an jaarraa hedduuf miira waldanda’uufi wal gargaaruun saboota ollaaf fakkeenya gaarii ta’anii mul’achaa turanidha. Saboonni kun lameen ilmaan kuush ta’uun alatti malkaa laga Awaash irratti aadaafi duudhaan walmakuun saboota walmakanii jiraachaa achii as dhufuun hara’a ga’anidha.

Kun ta’us waldhabdeen jarreen kana gidduu hinjiru jechuu miti. Faayidaa qabeenya uumamaa wajjin walqabatee walitti bu’insi durii kaasee uumamaa kan ture yoo ta’u karaa jaarsa biyyaa furamaa hariiroon obbolummaa bakkatti akka deebi’u godhamaa tureera.

Waldhabdee tibba kana saboota kana lamaan gidduutti uumamee tures miidiyaaleen itti gaafatamummaan hinsochoone waldhabdee sanyummaa godhanii afarsaa kan turan yoo ta’u, dhugummaa dhimma kanaa ilaalchisuun ibsa jiraattonni gama lameenii kennaan olola dubbii sobaa afarsitootaa kan bisheessudha.

Jiraataa Magaala Samaraa kan ta’an Obbo Abdallaa Alii marii hariiroo obbolummaa saba Affaariifi Oromoo tibbana Adaamaatti gaggeeffamaa turerratti ibsa gaazexaa Bariisaaf addatti laataniin seenaa keessatti Oromoofi Affaar rakkoo sanyummaan walitti bu’anii hinbeekan.

Kana jechuun saboonni kunneen lamaan waldhabdee hinqaban jechuu akka hintaane himanii, faayidaa qabeenya uumamaa wajjin walqabatee walitti bu’insi ni mudata. Kun ta’us rakkoon faayidaa waliin walqabatee jarreen kana balaa hamaaf saaxilee jira jechuun hindanda’amu.

Sababnisaas dhimmichi hagas mara osoo hinarbeeffamiin jaarsa biyyaan araarri akka bu’u godhamee achii as kan dhufe ta’uu eeranii, haata’uutii ololli rakkoo sanyummaatu mudachaa jira jedhu afarfamaa jiru yaadichi sirrii akka hintaane kaasu. Rakkoon waldhabdee faayidaa qabeenya uumamaan dhufu kunis jaarsa biyyaa naannawicha jiruun sanyummaansaanii osoo hinqoratamiin araarriif murteen darbaa tureera jedhu.

Kun kan ta’eefis Affaariifi Oromoon obbolaa ta’uurra darbee gaa’ilaan jiruufi jireenyaan kan walhidhe ta’uurraa kan ka’e saboota kana sanyummaan qoqqooduun daran ulfaataa ta’uu himu.

Haa ta’uutii ololli sobaa waldhabdee sanyummaan odeeffamaa jiru kun hedduu nu gaddisiiseera kan jedhan Obbo Abdallaan, ololtoonni waan fedhan abjootanis gorsaaf bulmaata jaarsolii biyyaa saboota lameenii ol humna qabaatanii jaalala saboota kanaa jibbatti geeddaruu hindandeenye.

“Oromoofi Affaar naannawaa laga Awaash jiraatan dirree tokkotti loon bobbaafatu, ulee tokkoon tikfatu, gaallisaaniillee walkeessa oolu, saba malkaa Awaash daakuun daa’imummaa hanga dullumaa wajjin dabarsaa jiran waan ta’aniif takkaa ija hamaa sanyummaan walqoodanii hinbeekan. Mariin tibbana gaggeeffamaa jiru kun kan wallollee kan itti araaramnu miti. Ijoollee kuush ilmaan hidda tokkoo ta’uu isaanii ibsuun afaan ololtoota sobaa cufuuf kan akeekedha” jedhu.

Walitti bu’insa kana ilaalchisee hoggantoonni naannoolee lameenii tokko tokko dhimmicharratti hubannoo gadi fageenyaa dhabuun ololtoota harkaa fuudhanii akka sanyummaatti kan odeessan jiraachuullee kan himani Obbo Abdallaan, isaanis ofirra garagalanii of ilaaluu akka qaban kaasaniiru.

Lagi Awaash horsiisee bultoota Oromoofi Affaar hedduu kan hammate, darbees saboota kanneen lameen bifaan addaa baasanii kun Affaari kunimmoo Oromoodha jechuun ulfaataadha kan jedhan ammoo Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaati.

Akkasaan jedhanitti, Oromoofi Affaar naannawaa laga Awaash jiraatan hedduunsaanii uffataan, Gunfura mataasaaniin, bifaan kana malees  walfuudhanii ilmaan walirraa horatanii waan jiraniif waldhabdeeen sanyummaa nimudata jedhanii yaaduun sirrii miti.

Warri waldhabdeen sanyummaa jira jedhanii farrisan marti leellistoota sanyummaa ta’uu kaasanii, saboonni lameen olola sobdootaa kanaan ol dhageettii ilaafi ilaamee waan qabaniif sodaan akka hinjirre kan dubbatan.

Mariin obbolummaa amma eegale kun tokkummaa saboota lameenii kan cimsu ta’uu eeranii, har’a eegalamee akka hindhaabbanne hordoffii walirraa hincinneen deggaramuun irra jiraata jedhu. Oromoos ta’e Affaar saba jaalalaan wal utubee guddate waan ta’eef jibba sanyummaan ija hamaan wal ilaalee akka hinbeekneefi saba gorsa jaarsa biyyaa jala darbee wal jifatu ta’ee takkaa akka hinargamnes ni kaasu.

Saboonni kunneen lameen saboota jiraachuu Itoophiyaaf shoora Olaanaa taphataniifi saba seenaa keessatti ukkaamfamaa turan akka ta’e kan himan ammoo Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaati. Oromoofi Affaar weerartoota alarraa dhufan qolachuu keessatti saboota addasaanii laachaa turan ta’us ni kaasu. Kunimmoo jaalala obbolummaafi tokkummaa qabanirraa kan ka’e ta’uufi seenaan isaan hojjetan dhokachuunsaa lamaanuu hacuuccaa jala turuu agarsiisas jedhu.

Hacuuccaan sirnoota darbanii saboota kanneen lameenirratti fe’amee ture walfakkaataa  ta’uu kaasanii, har’a boquusaanii olqabatnii akka deemaniif qabsoo dargaggooni Affaariifi Qeerroon Oromoo taasisaa turan tokkummaaf jaalala waliif qabaachuusaaniif mul’istuu ta’uu pirezdaantichi ni himu.

Akka Pirezdaanti Awwal jedhanitti, dargaggoonni kunneen sanyummaan osoo wal hinqoodiin sirna balaafamaa boquu lammiileerratti fe’amee ture kana hundeedhaa jigsuuf lubbuusaanii mararfachuu dhabuun waliin hiriiruunsaanii galtee rakkoon sanyummaa akka hinjirre agarsiisudha. Kun ta’uus waldhabdeen sanyummaa mudateera jechuun sirrii akka hintaaneefi hariiroon obbolummaan eegalame kun misooma waliiniin deggaramuu akka qabus hojjetamaa jira.

Saboonni kunneen lamaan jaarraa hedduudhaa kaasee waliif malee walirratti duulanii hinbeekan kan jedhan ammoo Pirezdaantii Ittaanaa Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati. Saba waliif duulaa tureefi addasaa rasaasaaf kennaa ture waljifachiisuun ergama siyaasaa dhokataa galmaan gahachuuf fiigichi taasifamu Awaash kan ce’u miti jedhu.

Injifannoon siyaasaa argamee kun dhiiga qeerroofi dargaggoota Affaariin kan haguugame ta’uu kaasanii, ija sabootaafi sablammootaan kan tikfamuu akkasumas,  olola sobdootaan kan raafamu akka hintaanellee mul’isaniiru. Kaayyoofi abjuun ololtoota kanaa akka maseenuuf obboleeyyan lameen Affaariifi Oromoo misooma waliiniin walitti hidhuuf tattaaffiin taasifamaa jiru diinaaf kufaatii guddaadhas jedhu.

Kun ammoo misooma jal’isii laga Awaashirratti babal’atuun dhugoomuuf jira kan jedhan Obbo Shimallis, saboonni kunneen mootummaa wajjiin dhaabachuun tumsa gochuu akka qabanillee kallattii kaa’aniiru.

Walumaagalatti waldhabdee ilmaan kuush Affaariifi Oromoo gidduutti dhalate kun rakkoo sanyummaa osoo hintaane itti fayyadama faayidaa qabeenya uumamaa waan ta’eef isa kana matumaa dhiisuun furmaata waaraa fiduuf misoomni waliinii hunda hirmaachisu laga Awaashirratti akka babal’atu waan wixinameef milkaa’inasaaf tumsa walirraa hincinne  gochuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

8 Comments to “Waldhabdeen Oromoofi Affaar kan faayidaa malee kan sanyummaa miti”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: fuckboy
  3. Pingback: fuckgirl

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *