Taaddasaaf siidaa miti seenaatu ijaarame

Fiichee: Dilbati darbe warra Salaaleef darbees Oromoo hundaaf guyyaa gammachuu ture. Gaaffiilee Oromoon Salaaleefi warri kaan yeroo dheeraaf gaafataa turan keessaa inni guddaan deebi’eera. Goota Oromoo, Itoophiyaafi Afrikaa kan ta’e Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruuf siidaan yaadannoo akka ijaaramuuf gaaffiirra darbee sochiileen garagaraa taasifamaa turaniiru.

Quuqama Oromoon dhimma kanaaf qabun siidaan goota kanaa akka ijaaramuuf bara 1999 qarshiin ummatarraa walitti qabamus dhadhaa abidda buute ta’ee hafe. Iddoon ijaarsa  siidichaatiif  yaadames hojii misoomaa biraatiif oole.

Gaaffiin ummataa garuu ittuma fufe. Kanarraa ka’uun bara 2010 marii paanaalii ummata waliin taasifameen siidaan goota kanaa mooraa Giddugala Aadaa Oromoo Salaalee keessatti akka ijaaramu waliigalteerra ga’amee hojiitti seename. Qarshii ummata biraa sassaabame miliyoona 3.8nis waggaa tokko gidduutti ijaarsisaa xumuramee eebbaaf qaqqabe.

Giddugalli Aadaa Oromoo Salaalees bara 2004 Pirezdaantii yeroosii Abbaa Duulaa Gammadaatiin dhagaan bu’uuraa taa’eefis waggaa torbaa booda xumuramee eebbifameera. Giddugalli kunis baasii qarshii miliyoona 91.4 oliin kan ijaarame yoo ta’u, kana keessaa miliyoona 45 mootummaadhaan, inni hafe ummataan uwwifame.

Giddugalichi galmawwan torba maqaa gootota Oromoon moggafaman qaba. Isaanis, galma Birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruu, Hayilamaariyaam Gammadaa, Artisti Wasanuu Didoo, Atileet Abbabaa Biqilaa, Abbichuu Bayyanaa, Agarii Tulluufi Abuna Pheexiroos (Magarsaa Badhaasaa)ti.

Dargaggoo  Zalaalam  Biraanuu jiraataa Magaalaa Fiichee yoo ta’u, siidaan  goota kanaaf ijaarame turus waan hinhafneef daran gammaduusaa ijisaa immimmaan calalaa dubbata. “Siidaan kun eenyummaa Taaddee qofa osoo hintaane seenaa keenya waan nu yaadachiisuuf hiikni isaa olaanaadha. Giddugalli aadaas akkasuma. Keessumaa Oromoo naannichaa dhiibbaawwan garagaraatiin seenaas wallaalee tureef daawiitiidha. Kanaaf dhaloonni irraa barachuufi kununsuu qaba” jedha.

Obbo Ballaxaa Alamaayyoos Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Kuyyuurraa eebba siidaafi giddugala aadaarratti argaman. Isaanis nama seenaa hojjeteef beekamtii kennuun hiiknisaa olaanaa ta’uu eeranii, dhaloonnis siidaafi giddugala aadaa ijaaraman yommuu argu seenaasaa yaadachuun caalaatti gootummaaf hojjechuu akka qabu himu.

Sirna eebbaa siidichaarratti kan argaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad (Abbichuun) gamasaaniin, “Taaddasaan gootummaa ni dhaale malee, hinuumne, gootummaan kan Oromooti. Kanaaf dhaloota ammaa irraas kan eegamu gootummaa haaraa uumuu osoo hintaane kan abbootii itti fufsiisuu qaba” jedhu.

Taaddasaarraa waa sadii barachuun dirqama ta’uus kaasanii, isaanis gootummaa, barnoota jaalachuu, walqixxummaafi bilisummaa ta’uu ibsu. Oromoorraa kan eegamu Taaddeerraa barachuu  ta’uu kaasanii, ta’uu baannaan seenaa dhaalaa akka hinjirreefi  kunimmoo  biyya ceesisuu akka hindandeenye ibsu.

Pirezdaantii Ittaanaan Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaas, “Gootummaan Jeneraal Taaddasaa ittifufee ekeraan isaanii kan ummatatti gammadu yoo tokko taaanee ijaaramnee deemneedha. Kanaaf dhaloonni amma ijaarameefi tokko ta’ee halkanii guyyaa hojjechuun siidaasaa misooma taasifachuu qaba” jedhan.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

3 Comments to “Taaddasaaf siidaa miti seenaatu ijaarame”

  1. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *