Qonnatti dhalannee qonnatti guddannee ammas qonnaan jiraachaa jirra. Warri nuun booda qonna eegalan har’a nu bira darbanii gara indastiriifi tajaajilaatti ce’anis nuuf achumaa daaddisuun carraa ta’eera.
Qonnarraa gara indaastiriitti darbuuf mitii qonna hammayyaafi makaanaayizid ta’eyyuu horachuun abdiifi karoora qofarratti rarra’ee hafeera. Yeroo ammaa inumaayyuu yeroonsaa kan qonna gannaa ta’us, innumti bifa aadaatiin qotamuu dagatamee ajandaan jaarsaa hanga daa’imaatti jiru hundaa siyaasa ta’eera. Kan biraa hafee ogeeyyonni qonnaas waa’ee galteewwan qonnaa yeroon dhiheessuu caalaa kan isaan cinquufi dhagahuu barbaadan waa’ee siyaasaati.
Bakka lafti qotamee sanyiin hin biqilinitti siyaasnis ta’ee aktiiviizimiin jiraachuu hindanda’u. nama waa liqimsetu siyaasaan afaan wal gogsa waan ta’eef. Kanaaf haala qabatamaa biyya keenyaatiin hunduu aktiivistii ta’uu kan qabu siyaasaaf osoo hin taane qonnaaf ta’uu akka qabu Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Dammaqaa Mokonnin ni dubbatu.
Sagantaa “Tiraanisfoormeeshiinii Qonnaa keessatti Ga’ee Hoggantootaa” jedhuun magaalaa Adaamaatti tibbana adeemsifamee turerratti haasaa kan taasisan ministirri muummee ittaanaan kun, ajandaa guddaa biyya keenyaafi xiyyeeffannoo hawaasa hundaa argachuu kan malu qonna ta’uusaa ibsu.
Akka ibsasaaniitti, biyyi teenya damee qonnaatiin biyyoota jalqabaa keessatti kan ramadamtu taatus, qonni biyya keenyaa garuu hanga ammaatti wanti biraa hafee lammiilee biyyattii sooruu hindandeenye.
Haala kana osoo hin jijjiiriin karoora guddinaaf qabatame hedduusaa jijjiruun waan hindanda’amneef hoggantootni seektarichaa fakkeenya ta’uudhaan ajandaan ummataa garasitti akka dhufu hojii manaa guddaa of harkaa qabu.
Wayitii ammaa ummata biyyattii keessaa tokko afraffaan rakkoo midhaan nyaataa keessa jiraachuu kan himan immoo Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen, dhiheessii galteewwan qonnaa kanneen akka xaa’oo, sanyii filatamaafi qoricha farra aramaa harkifachuunsaa rakkoo hanga ammaatti keessaa bahamuu hindandeenye ta’uu ibsu. Waggoottan lamaan dhufanitti warshaa xaa’oo biyya keessatti dhaabuudhaafis hojjatamaa jira
Dhukkuboonni midhaanii haaraan yeroo yeroon uumamuufi aasidaa’uun biyyoo immoo gufuuwwan gama uumamaatiin damee qonnaa miidhaa jiran yemmuu ta’an, teknoolojiiwwan qonnaa hammayyaatti fayyadamnaan rakkoowwan kanneenis irra aanuun kan danda’amu ta’uu dubbatu.
Rakkoowwan damicha mudataa turaniif furmaata waaraa kaa’uuf kutannoo hoggantoota caalaa wanti barbaachisu hinjiru waan ta’ef hunduu iddoo jirutti traanisfoormeeshiinii damee qonnaa yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessuuf shoora isarraa eeggamu bahachuu akka qabus ni dhaamu.
Walumaa galatti, lafa qonnaa gurmeessuun, sanyiiwwan biyya alaatii galan biyya keessatti omishuun bakka buusuun, makaanaayzeeshiinii qonnaa dhugoomsuuniifi jallisiiwwan xixiqqoo aanaawwan hundatti babal’isuun xiyyeeffannoo damichaa isa yeroo ammaa ta’uu qaba.
Lafa bal’aa omisha qamadiitiif oolu osoo qabnu waggaa waggaadhaan bittaa qamadiitiif walakkaa biliyoonaa baasuunis seenaa ta’uu qaba. Biyyi Misraa bishaan nurraa argattutti fayyadamtee yemmuu qamadii alatti ergitu nuti immoo qamadii alaa bittanna.
Bayyanaa Ibraahimiin
Bariisaa Caamsaa 23/2011
4 Comments to “Kutannoo hoggantoota damee qonnaa: traanisfoormeeshiini qonnaatiif”