Ummattoonni Oromoofi Gaambeellaa hariiroo waliin jireenyaa waggoota dheeraa lakkoofsise qabu. Duudhaa obbolummaa, jaalalaafi nageenyaan waliin jireenya ummattoota lameenii caalaatti cimsuuf torban lama dura mariin hoggantoota mootummaafi bakka bu’oota ummattoota lamaanii hirmaachise Gaambeellaatti adeemsifameera.
Pirezdaantiin Yunvarsiitii Gaambeelaa Doktar Ujuluu Ukkook waraqaa qo’annoo maricharratti dhiyeessaniin akka jedhanitti, ummattoonni Oromoofi Gaambeellaa hariiroo waggoota dheeraa lakkoofsise qabu. Ummattoonni lamaan seenaadhaanis ta’e dhiigaan walitti hidhamiinsa qabu. Waltajjichis duudhaa waliin jireenya ummattoota lamaanii caalaatti cimsuuf akkasumas rakkoolee mudatan waliin furuuf gargaara.
Akkasaan jedhanitti, hariiroon ummattoota Oromoofi Gaambeelaaf kan eegale daldalaani. Dur akka aadaa Oromootti namoonni addaafi eegee gafarsaa qaban akka gootaatti ilaalamu. Haati warraa isaaniis ni kabajamu. Haati warraa isaanii yeroo bishaan waraabuuf laga bu’an dubartoonni biroon isaan dura hinwaraabbatan. Haati warraa abbaan warraa ishee addaafi eegee gafarsaa hinqabne erga haadholiin warraa goototaa bishaan waraabbatanii booda bishaan waraabbattee galti. Abbaan warraa ishee maaliif laga daftee hingalle jedhee yoo gaafate, “Hanga haadholiin warraa goototaa waraabbatanitti dabaree waanan eeggadheefi deebii jedhu kennitiif.Kanarraa ka’un, Abbootiin warraa deebiin haadha warraa isaani booree waan itti naquuf gafarsa ajjeesuuf gara Gaambeellaa dhufu turan.
Abbootiin warraa Oromoo keessumaa naannawaa Anfilloo, Dambi Dolloo, Shebel, Gimbii, Goreefi Mattuudhaa gafarsa adamsanii ajjeesuuf gara Gaambeellaa dhufan hiriyoota isaanii Gaambeellaa waliin nyaatu, taphatu, gara adamoos waliin dhaqu. Adamsanii erga ajjeesanii booda addaafi eegee gafarsaa fudhatanii hiriyaa isaanii Anyuwaa waliin gara naannawaa dhufaniitti deebi’uun callee aadaa fuudhaafi heeruma Anyuwaa keessatti iddoo olaanaa qabuufi meeshaalee adda addaa badhaasu. Kun ummattoota lamaan gidduutti hariiroo cimaan akka uumamu taasiseera jedhu.
Dur ummatni Oromoofi Gaambeellaa daandii Buree-Gaambeellaafi daandii Dambi Dolloo-Gaambeellaattiin walqunnamaa turan. Daandiiwwan lameen hariiroo ummattoota lamiinii cimsuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaniiru. Hariiroo ummattoonni lamaan gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin qaban daran cimsuun barbaachisaadha. Hariiroofi fayyadamummaa ummattoota lamaanii cimsuuf dhimma nageenyaa mirkaneessuurratti kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeru.
Duudhaa waldanda’uu, nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu keenyaa cimsuun walitti bu’iinsatti karaa cufuudha. Namni nama ta’uu isaa qofaan jaallachuu, kabajuufi gargaaruu qabna. Adda addumaan keenya kamiyyuu nageenyaaf gufuu ta’uu hinqabu. Kanaafuu duudhaa nagaa, jaalalaafi obbolummaan waliin jireenya keenyaa daran cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.
Waldanda’uu jechuun mo’amuu ykn faayidaa ofii dabarsanii kennuu utuu hintaane duudhaa diimokiraasiiti. Waldanda’uu jechuun yaada ofiitiin ala yaada nama biraa dhaggeeffachuuf eyyamuu ykn yaada ofiitiin ala yaada nama biraa sababa irratti hundaa’uun deggeruu ykn mormuudha malee yaada ofii namoota biro irratti fe’uu miti.Waldanda’uun bu’uura nageenyaati. Duudhaa waldanda’uu cimsuun nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisa. Akkasumas hariiroon waliin jireenya ummattoota gidduu jiru cimsuun walitti bu’iinsa dursanii ittisuuf kan gargaaru ta’uu himu Doktar Ujuluun.
Walumaagalatti duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu ummatoota Oromoofi Gaambeellaa akkasumas ummattoonni Itoophiyaa ittiin beekaman daran cimsuun walitti bu’iisota darbanii darbanii mul’atan furuufi dursanii ittisuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf waltajjiin duudhaa waliin jireenya saboota, sablammootaafi ummattoota naannolees ta’e biyyattii cimsuuf taasifamaa jiru cimee itti fufuu qaba.
Natsaannat Taaddasaatiin
Suurri Daanyee Abarraa
Bariisaa Caamsaa 23/2011
4 Comments to “Hariiroon ummattoota Oromoofi Gaambeellaa akkamitti eegale?”