“Qonna tuffataafi irraa dheessaa beela keessaa bahuun hindanda’amu” -Doktar Addunyaa Waaqjiraa

Finfinnee: Doktar Addunyaa Waaqjiraa kan dhalatan Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Xiqur Incinnii duraanii Dirree Incinnii ammaatti. Barumsasaanii hanga sadarkaa lammaffaatti naannawuma dhalootasaaniitti hordofan.

Sana booda ALA bara 1982 Yunivarsitii Haromaayaarraa saayinsii biqiltuutiin  digrii jalqabaa fudhatan. Hojii qorannoo qonnaatti seenan. Hojii kanas kan eegalan Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Malkaa Warar Naannoo Affaaritti argamutti carraadhaan ramadamanii sanyii filatamaa midhaan quyyisaa (dibaataa) qorachuuni.

Otuma wiirtichatti qorannoo geggeessaa jiranii Yunivarsitii Saaskaachwaan (Kaanaadaa) jedhamutti dippiloomaa Poosti Giraajuweetiif (sadarkaa barnootaa digrii jalqabaafi lammaffaa jidduu jiru) waggoota lamaaf barataniiru.

Eddii gara Hoolotaatti jijjiiramaniis ALA bara 2001 Yunivarsitii Firii Isteet Afrikaa Kibbaatti argamutti digrii lammaffaafi bara 2003 digrii sadaffaa (digrii doktareetii) talbaarratti hojjetaniiru.

Sanyiilee midhaan quyyisaa naannaawa gammoojjiitti omishaman kanneen akka saliixii, lawuzii, suufiifaa qorachaa turan. Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Malkaa Warar keessaa ittigaafatamummaa waggoota lamaa dabalatee waggoota 10f tajaajilaniiru.

Qorannaa sanyii filatamaa kanaan sanyichi yeroo akkamii akka facaafamu, dandeettii dhibee dandamachuusaa, kunuunsa akkamii akka barbaadu, omisha akkamii akka kennuufi kkf qorachaa turan. Waggaa 38f dursaa garee qorannoorraa eegalee hanga daarektara ittaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti gitoota hojii 12 irratti ittigaafatamummaan hojjechuun dabarsan. Ammaan tanas gorsaa daarektara ittaanaa inistiitiyuutichaa ta’uun hojjetaa jiru.

Bara 1985 Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Hoolataatti jijjiiramuun midhaan baddaa qilleensa baddaatiif ta’u kanneen akka nuugii, talbaafi raafuufaa qorachaa turan. Keessumaa isaan talbaarrattii xiyyeeffachuun qorataa turan. Walumaagalatti sanyii filatamaa midhaanota gammoojjiis ta’e baddaa 21 miiltoosaanii wajjin ta’uun baasaniiru.

Barattoota digrii lammaffaafi sadaffaaf Yunivarsitiiwwan Haromaayaa, Jimmaafi Gondar fa’irraa qorannoo geggeessaa turan 12 tajaajila gorsa ogummaatiin gargaaraniiru. Waraqaalee qorannoo 80 caalanis miiltoowwanumasaanii wajjin ta’uun maxxansiisaniiru.

Doktar Addunyaan gaaffii Gaazexaa Bariisaa, biyyi keenya otoo qorannoon qonnaa akkanaa geggeeffamuu maaliif midhaan nyaataatiin of danda’u dadhabde jedhee dhiyeesseefiif deebii kennaniiru. Guutummaa yaadasaanii fuula dinagdeerraa dubbisaa.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Qonna tuffataafi irraa dheessaa beela keessaa bahuun hindanda’amu” -Doktar Addunyaa Waaqjiraa”

  1. Pingback: 누누티비
  2. Pingback: ระบบ ERP

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *