Laangaanootti hoteelli tokkoofi manneen 80 ol abbaan hinbeekamne

Nageellee Arsii: Waggoota lamaafi sadiin dura gamoo manneen jireenyaa waliiniitu bade oduun jedhu dhagahamuusaatti namni ajaa’ibsiifatee ittiin qoosaa ture.

Bara darbemmoo oduun faallaa sanaa gamuma  Finfinneerraa dhagahame ammo manneen baduun hafee gara abbaansaanii baduutti ce’ee ture. Kanaanis Fooqiiwwan dabalatee manneen abbaa hinqabne hedduun argamuusaanii nama hedduu ajaa’ibsiiseera; dinqeeras.

Oduun kun baratamaa dhufee har’ammoo Laanganoodhaanis ba’e. Lafti babali’aan invastimantii manneen bashannanaafi hoteelli abbaa hinqabne argame.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti kan argamu iddoo bashannaan Laangaannootti  Hoteela guddaa tokko dabalatee manneen bashannanaa 80 ol ta’an abbaan kan hin beekamne ta’uu aaanichi beeksise.

Bulchaan Aanichaa Obbo Dastaa Abdoo ibsa Gaazexaaf kennaniin, maqaa invastimantiitiin saamichi lafaa naannoo qarqara Hara Laangaanootti gaggeeffamaa ture olaanaa ta’uu himanii, lafa kennameefiin ala babal’ifachuufi  manneen abbummaansaanii hinargamne hedduun jiraachuusaaniis dubbataniiru.

Hoteelli Simboo jedhamu  warren abbaan irraa dhabame keessaa isa tokko ta’uu kan himan Obbo Dastaan, hojjettoota 100 ol qabaatus nama kireeffatee itti hojjetuun ala abbaa qabeenyichaa barbaadanii kan dhaban ta’uu ibsu.

Namticha kireeffatee hojjatu abbaa qabeenyichaa akka dhiheessuuf irra deddeebi’amee gaafatamus kan inni dhiheessus isa nama biraa irraa kireeffate malee abbaa qabeenyaa argachuun kan hindanda’amne ta’uu dubbatu.

Kanaan alattis Invastimantiin Karkarroo jedhamu eeyyama hoteelaa baafatee kan inni itti bobba’ee jiru garuu booyyee horsiisuu ta’uun adda ba’us sababa qajeelfama invastimantiitiin garuu hanga ammaatti tarkaanfiin irratti fudhatame kan hin jirre ta’uu eeru.

Lafti babal’aan qarqara haroo sanatti invastarootaan qabame hedduunsaas waajjira lafaa keessaa ragaa kan hinqabne yemmuu ta’an, warren seeraan alaa kanarratti tarkaanfii fudhachuuf immoo  seerri invarstimantii aangoon aanaafis ta’ee godinaaf kenne kan hinjirre ta’uu himu.

Aangoon  akka  aanaafi godinaatti jiru lafa invastimantiif oolu qopheessuu malee yeroo barbaadametti tarkaanfii fudhachuun sadarkaa naannoo qofatti kan murtaa’u waan ta’eef seeraan alummaa naannawa sana jiru hunda naannoodhaaf gabaasanii deebii eeggachaa jiraachuus ibsaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

4 Comments to “Laangaanootti hoteelli tokkoofi manneen 80 ol abbaan hinbeekamne”

  1. Pingback: green cough syrup
  2. Pingback: ปลูกผม
  3. Pingback: toto slot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *