Itoophiyaan biyyoota jalqaba bineensota adamsanii jiraachuu irraa dursanii gara lafa qotanii jiraachuutti dhufan keessaa ishee tokko ta’uun irra deddeebiin ibsamaa tureera.
Seenaa qonnaatiin jaarraa hedduu kan lakkofsiifte Itoophiyaan qonna eegaluu malee garuu hammayyeessuurratti warri waliin qonna eegales ta’ee kan bodaa jalqabes dursee qonna hammayyaa keessa galeera.
Qonnaan bulaan biyyattii kana keessa jiru hedduunsaa ammas meeshaadhuma qonnaa isaan gaafa qonni eegalu turetti fayyadamaa jiraachuunsaa dagaaginni teknooloojii qonnaa biyyattii dadhabaa ta’uusaa kan agarsiisuudha.
Rakkooleen kunniin akkuma jiranitti ta’ee garuu keessattuu waggoottan 15n darbanitti qonnaan bulaa moodelaafi gara qonna makaanaayzeeshiiniitti gale hedduu horachuun danda’amuu Bariisaaf kan ibsan Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Obbo Saanii Radii, waggoota kanneen keessattis giddu galeessaan dhibbantaa torbaan guddachaa turuusaa dubbatu.
Akka fakeenyaatti dameen qonnaa bara 2008 hanga 2010tti giddu galeessaan dhibbantaa 4.16n guddachuusaa himanii, guddinni akka dameetti ture gadaanaa ta’us dingadeen walii gala biyyattii bara sanaa garuu dhibbantaa 10.19n akka guddatu taasisuusaa ibsu.
Dameen qonnaa guddina si’ataafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuudhaan dursummaa guddina biyyaa keessatti qabu dhawata dhawataan Indastiriidhaaf akka gadi lakkisu taasisuuf hojiin waggoottan darban keessatti raawwatamaa ture jajjabeessaa ta’us, carraa guddachuuf qabu waliin yemmuu ilaallamu garuu ammas gadaanaa ta’uu himu.
Akka ibsa Obbo Saaniitti, yeroo ammaa dameen qonnaa omisha waliigala biyyaa keessaa dhibbantaa 54-35 gumaachaa kan jiru yemmuu ta’u, gama carraa hojii uumuutiinis dhibbantaa 80-79 gumaacha. Akkasumas, sharafni alaa dhibbantaa 90 – 79 ta’us biyyattiif kan galu dameedhuma qonnaa kanaani. Indastriidhaafis galteewwan adda addaa dhiheessuu keessatti qonnaan kan dorgomu hinjiru.
Lafa qonnaan misoomuu danda’u hektaara miiliyoona 101 keessaa hanga ammaatti kan misoomaa jiru hektaara miiliyoona 16 qofaa yemmuu ta’u, kun immoo lafa qonnaa xiqqaa qofa osoo hintaane innumti misoomaa jiru paakeejiiwwan qonnaa guutuutti fayyadamaa waan hin jirreef wanti biraa hafee hanga ammaatti nyaataanuu of danda’uun ulfaateera.
Sababa kanaanis yeroo amma dameen qonnaa guddachaa jira jennu kanatti roobni gahaan waqtiisaa eeggate jiraatus ummanni miiliyoonatti lakka’amu biyya kana keessatti waan nyaatu dhabee kan beela’u jiraachuusaa ibsu.
Yeroo ammaa akka biyyattii naannolee saddeet keessatti kan argaman aanotni 319 ta’an roobni jiraatus jiraachuu baatus beelaaf saaxilamaa jiraachuusaaniifi bakka rakkoon hangana ulfaatu jirutti immoo guddinna dameen qonnaa waggoottan 15 darban keessatti galmeessiseen wanti nama gammachiisu kan hinjirre ta’uusaa ibsu.
Walumaa galatti, jalqabbiiwwan damee qonnaa keessatti qonnaan bulaa gara makaanaayzeeshiiniitti ceesisuun cimee itti fufuudhaan, qonnaan bulaa nyaata bira darbee gabaaf omishu horachuunis hojii manaa isa guddaa ta’uu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
Bariisaa Caamsaa 16/2011
7 Comments to ““Itoophiyaa keessatti Roobni gahaan jiraates jiraachuu baates hawaasni yeroo hunda beela’u ni jira” -Obbo Saanii Radii Ministir Deetaa Qonnaa”