Ummattoonni Oromoofi Gaambeellaa baroota dheeraaf nagaan, jaalalaan, tokkummaafi obbolummaan waliin jiraachaa turaniiru; har’as waliin jiraachaa jiru. Waltajjiin hariiroo waliin jireenya saboota lamaanii caalaatti cimsu Wiixata darbe Magaalaa Gaambeellaatti adeemsifameera. Waltajjicharrattis hoggantoonni mootummaa, abbootiin Gadaa, abbootiin Amantaa, bakka bu’ootni ummata saboota lamaanii argamanii dhimmoota hariiroo saboota lamaanii daran cimsan irratti marii bal’aa adeemsisaniiru.
Pirezdaantiin Yunivarsitii Gaambeellaa Doktar Ujuluu Ukuuk waraqaa qo’annoo ka’umsa waliin jireenya ummattoota lamaanii ibsu dhiyeessaniiru. Waraqaa qo’annoo dhiyaaterrattis marii bal’aan adeemsifameera. Ummattoonni lameen duudhaa jaalala, tokkummaa, nageenyaafi obbolummaan erga waliin jiraachuu eegalanii waggoota dheeraa lakkoofsisaniiru. Kanaaf ammoo hojiiwwan duudhaa waliinjireenya ummattoota lamaanii daran cimsan irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu Doktar Ujuluun ibsaniiru.
Pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, ummattoonni Oromoofi Gaambeellaa waggoota dheeraaf yeroo gammachuus ta’e gaddaatti waliin jiraachaa turaniiru; ammas waliin jiraachaa jiru; gara fuulduraattis waliin jiraatu. Ummattoonni naannolee lamaanii aadaafi dhiigaan walitti hidhamaniiru. Funyoon ummattoota Oromoofi Gaambeellaa walitti hidhe yoomiyyuu hincitu.
“Nuti Itoophiyaanonni ummata wantoota xixiqqoodhaan adda baanu miti. Duudhaan nagaa, jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu keenyaa cimee kan itti fufu ta’uuf mootummaan naannolee lamaaniis dhimmoota nageenyafi misooma fayyadamummaa ummattoota lamaanii mirkaneessan irratti waliin ni hojjenna” jechuun dubbataniiru.
Hariiroo hawaas-dinagdee ummattoota lamaanii caalaatti cimsuuf pirojektiin ijaarsa daandii asphaaltii Dambi Dolloo- Gaambeellaa bara dhufu ni jalqabama kan jedhan Obbo Shiimallis, hojiileen misoomaa biroon fayyadamummaa ummattoota lamaanii mirkaneessan ni hojjetamu. Mootummaan naannichaa hariiroo aadaafi afaanii cimsuufis OBN Gaambeellaadhaaf yeroo qilleensaa kan kenne ta’uu himaniiru. Kana malees hojjettoota mootummaa naannoo Gaambeellaa 100 yunivarsitiiwwan Oromiyaa keessatti argaman keessatti iskoolaarii (carraa barumsaa) kan kenneef ta’uu himaniiru.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Gaambeellaa Obbo Umodi Ujuluu akka jedhanitti, hariiroon jaalala tokkummaafi obbolummaan waliin jireenya saboota lamaanii waggoota dheeraa lakkoofsiseera. Waanti tokkummaa ummattoota kanaa diigu duraanis hinturre; gara fuulduraattis hinjiraatu. Walitti bu’iinsa sabummaafi amantaa irratti xiyyeeffatu dhabamsiisuun duudhaan jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu cimee akka itti fufu taasisuudhaan hojiileen misooma hawaas-dinagdee ummattoota lamaan qixa fayyadamoo taasisan daran cimee akka itti fufu taasisa jedhu.
Waltajjiin marichaa ilaalcha dogoggoraa sirreessuudhaan duudhaa jaalalaafi tokkummaan waliin jireenya ummattoota lamaanii daran cimsuuf gargaara. Ummattoota lamaan gidduutti wal amantaan akka jiraatu taasisuudhaan nagaadhaan akka waliin jiraatan kan taasisu waan ta’eef waltajjiin walfakkaatu gara fuulduraattis itti fufuu qaba jedhu Obbo Umodi.
Ummatni Oromoo Ummata Gaambeellaa malee ummatni Gaambeellaas ummata Oromoo malee jiraachuu hindanda’u. Ummatni Itoophiyaa hundinuu inni tokko isa biraa irraa adda ta’ee jiraachuu hindanda’u. Hundi keenya nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu qabna. Nagaan hinjiru taanaan hundi keenya nagaan baanee galuu hindandeenyu. Kan nu balleessaa jiru meeshaa waraanaa utuu hintaane oduu sobaafi jibbiinsaati. Kanaafuu nageenya keenya eeggachuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba jedhu hirmaattonni marichaa.
Dur ummatni Oromoofi Gaambeellaa afaaniifi bifaan adda ba’aa turan. Yeroo ammaa garuu fuudhaafi heerumaan waan walitti hidhamaniif dhiigaanis walitti hidhamaniiru; akka durii afaanifi bifaan adda baasuun hindanda’amu jedhu hirmaatonni marichaa.
Natsaannat Taaddasaatiin
Bariisaa Caamsaa 16/2011
3 Comments to ““Funyoon ummattoota Oromoofi Gaambeellaa walitti hidhe yoomiyyuu hincitu” -Obbo Shimallis Abdiisaa”