Beenishaangul keessa Oromoo baay’een jiraatus aartiin quucaraadha

Saboota naannoo Beenishaangul Gumuz jiraatan keessaa % 80 Oromoo ta’uu himama. Ta’us guddinni aartii Oromoo yeroodhaa gara yerootti dabalaa ammayyaa’aa dhufe achitti xiyyeeffannaa hinarganne. Oromoon baay’ee achi jiraatu seenaafi aadaasaa aartiin akka beekuuf yaalii dhuunfaatiin taasifamu irra darbee waan cimee ijaarame hinjiru.

Artistoonni quuqama lammii qaban muraasni aartiin Oromoo naannicha keessatti akka lubbuu horatuuf hanga humnasaanii warraaqaa turaniiru; warraaqaas jiru. Akka fakkeenyaatti weellisaan beekamaa Taaddasaa Fiixee yeroo Asoosaa ture aartiin Oromoo akka jabaatuuf kan ga’eesaa ba’ateera.

Ammas artiistiin aartii Oromoo keessatti ga’eesaa ba’achuuf tattaafatu tokkoo achi  jira. Artistiin kun Beenishaangulitti dhalatee guddatus sirba aadaa sirbuun aartii Oromoo keessatti hirmaataa jira. Gaazexaan Bariisaas tibbana dhimma hojiitiif garas yommuu imaletti artiisticha waliin turtii taasiseera. Weellisaa  Atoomsaa Hinsarmuu jedhama sirba aadaa Wallaggaa Booree jedhamuun beekama. Dubbisa gaarii.

Bariisaa: Weellisaa Atoomsaan eessatti dhalate haalli guddinasaa maal fakkaata?

Weellisaa Atoomsaa: Aanaa Wanbaraa keessattin dhaladhe.Haalli guddinakoos hojii ijoolluummaarraa eegamu hojjechaa sabaaf sablammii gara garaa keessatti aadaa gara garaa qooddachaan gudadhe.

Bariisaa: Mee gara hojii aartiitti akkamiin dhufuu dandeesse maaltu sikakaase?

Weellisaa Atoomsaa: Ani gara aartiitti akkan galu kan na taasise tokkoon fedhii aartii na keessa buleeti. Inni biraan immoo naannoo sabni  Oromoo dhibbeentaa 80 jiru kana keessatti guddinni aartii Oromoo quucaruusaan quuqama nakeessa buleeni.

Bariisaa: Sochii quuqamakee bahachuuf taasisteen bu’aan ati galmeessite hagam sigammachiiseera? hagamis hawaasa Oromoo biratti fudhatamummaa argatteetta?

Weellisaa Atoomsaa: Sirumaayyuu bu’aa dhuunfaakoof hojjedha jedhee hojii aartii kanatti hingalle jaalalaaf guddina artii Oromoof dhimmameen malee hojii biraa nan qaba. Darbees namoonni bu’aa hojiikoo  ani aartiirratti agarsiise argan na jajjabeessaa hamilee cimaa na keessa kaahaniiru.

Bariisaa: Hojii biraa qaba jetteetta, mee maal hojjetta?

Weellisaa Atoomsaa: Ani hojjetaa mootummaati. Yeroo boqonnaa koottimmoo guddina aartii Oromoof nama dabalataan hojjetudha. Waggoota sadiif barsiisaa Hawaasaan ture, barnootarras hojjedheera. Amma garuu Waajjira Fannoo Diimaa magaalaa Asoosaa keessan hojjedha.

Bariisaa: Maal baratte?

Weellisaa Atoomsaa: Yunivarsiitii Jimmaarraa barnoota Hawaasaafi Saayinsii Naannoon digrii jalqabaan eebbifameera.

Bariisaa: Aartiif hojii waajjira mootummaa walfaana adeemsisuun hinulfaatuuree?

Weellisaa Atoomsaa: Ni ulfaata. Ta’us bu’aan aarsaan argamu ol’aanaa ta’uusaan aadaafi aartii Oromummaa kanas jajjabeessuufan kutadhee ka’e. Yeroo jalqabaafis Wanbaraa biyya dhalootakoo maqaa waamsisuuf sirba Booree jettu tokkoonin mul’adhe.

Bariisaa: Yeroo jalqabde fudhatamummaa ati argatte hangamidha?

Weellisaa Atoomsaa: Fudhatamummaa argachuu ilaalchisee  akkuman dura kaase hawaasarraa hamileen jajjabinaa naaf kennamaa ture ol’aanaadha.

Bariisaa: Artistoonni Oromoo si waliin hojjetan jiruu? Wal deggartummoo?

Weellisaa Atoomsaa: Artisti Taaddasaa Fiixee waliin hojjetaa turre. Amma garuu inni Finfinneetti galeera.

Bariisaa: Guddina aartiin Oromoo Beenishaangul Gumuz keessatti agarsiise akkamiin ibsita?

Weellisaa Atoomsaa: Oromoon achi jiraatu baay’ee ta’us sochiin gama aartiin mula’tu  quucaraadha. Anaaf fakkaattotakoo muraasatu hamma tokko tattaafataa jira.

Kun kan ta’eefis ani hojii aartii kana baasii mataakoon hunda danda’een hojjetaan jira malee deggarsi gama mootummaan naaf taasifamu hinjiru. Ta’us aarticha beeksisuuf waltajjiiwwan gurguddaa naannicha keessatti qophaa’anirratti hojiikoo nan agarsiisa. Artistiin hojiikooti jedhee akka baandiitti naannicha keessatti aartii Oromoo kan  qabatee hinjiru.

Artisti Taaddasaa Fiixeenis kanuumaaf Finfinneetti waan gale natti fakkaata. Dur humna waliif taanee turre erga inni deemee qofumakoo wal’aansoo qabaan jira.

Bariisaa: Walitti dhufeenya ati artistoota Oromoo biroo wajjin qabdu maal fakkaata?

Weellisaa Atoomsaa: Dura homaa walitti dhufeenya hinqabnu. Amma garuu walitti adeemnee waliin hojjechuu eegaleerra, adeemsa keessa fooyya’insi dhufa jedheen eega.

Bariisaa: Haala amma irra jirtu kanaan hojii mootummaaf moo hojii muuziqaatiin dhaalamta laata?

Weellisaa Atoomsaa: Haalli mijataa yoo naaf uumame gara muuziqaatti caalchisuunkoo hinoolu. Hanga kun hintaanettimmoo  lamaanumasaa qabadheen tattaafachuunkoo itti fufa. Sababnisaas hojii mootummaa gadhiiseen aartiitti yoon seene rakkoon faayinaansii na sakaaluu waan danda’uuf haala ilaallachaan tarkaanfadha.

Bariisaa: Egaa Oromoo taatee naannoo biraa keessatti guddina aartii Oromoof wayita sochootu kana dhiibbaan hinjiraatuu laata?

Weellisaa Atoomsaa: Lakki biyyan itti dhaladhee guddadhedha. Afaan Oromootiin weellisuukootti dhiibbaan narra gahe hinjiru. Kun ta’us deeggarsi sochiikoof taasifamu hinjiru. Gama kanaan mootummaan xiyyeeffannoo naaf laachuu mala. Biiroon Aadaafi Turizmii Oromiyaas sochii koofi kan fakkaattotakoo kana cimsuuf ijasaa gara keenyatti naannessuu qaban jedha.

Bariisaa: SirboonniWeellisaa Atoomsaa qabiyyeen  isaanii maal irratti xiyyeeffata?  

Weellisaa Atoomsaa: Kanaan dura sirboota jaha baasee gurra uummataan gaheera. Harki caalaan isaanii aadaadha. Kun kan ta’eefis aadaan Oromoo Wanbaraafi Gaalessa keessa jiru hintuqamne. Marsaa ittaanu keessattis aadaa artii Oromoo hintuqamne kana gadi baasuuf sochiirran jira.

Bariisaa: Akkuma kaaste ummanni Oromoo hedduun Beenishaangul keessa jiraatuus aartiin Oromoo quucaraadha. Kana sirreessuufi lubbuu itti horuuf maaltu irraa eegama?

Weellisaa Atoomsaa: Naannichattiaartii Oromoo guddisuuf sochiin Oromoota naannichaa gahaa waan hintaaneef Oromoon marti mootummaa waliin ta’uun warraaqsa aartii  finiinsuu qaba.

Yeroo ammaatti qeerroof qarreen Oromoo gahumsa aartii cimaa qaban Beenishaaangul Gumuz keessa jiranis nama harka isaan qabu dhabuun guddinni aartichaa akka quucaru waan ta’eef birmannaan mootummaa cimuun irra jiraata.

Bariisaa: Gaaf deebii nu waliin taasisteef akkasumas, qabsoo guddina aartii Oromoof gochaa jirtuuf galanni keenya guddaadha.

Weellisaa Atoomsaa: Isinilleen qe’ee Oromoo kana iyyaafachuun haala guddinni aartii Oromoo irra jiru qorachuun ummataafi mootummaaf waan nuuf geessaniif horaa bulaan jedha.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

One Comment to “Beenishaangul keessa Oromoo baay’een jiraatus aartiin quucaraadha”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *