“Adeemsa dhalootaa keessatti namoonni awwaara kaasaniis, ashaaraa kaa’aanis turaniiru; ammas ni jiru. Awwaara kaasuun salphaadha, naannawaa faaluun isa ga’a. Ejjechuuniifi irra deddeebi’anii ejjechuun awwaara ni kaasa. Awwaarri haala salphaa ta’een ka’a; ol ka’ee mul’atas.
Biyya keenyatti yommuu awwaarri ka’uufi leenci dulloome baroodu salphaatti mul’ata. Rakkoon isaa garuu ija ilaaluu, gurra dhaga’uu, afaan dubbachuu dhowwuudhaan naannawicha kan jireenya osoo hintaane kan du’aa fakkeessa.”
“Ashaaraan hanga awwaaraa dafee hinmul’atu, dafees ol hinka’u, dafees maqaa hinwaamsisu, sagalee hinqabu, taayitaan baay’ees itti hinargamu. Dadhabsiisaafi nuffisiisaadha. Qeeqa, hamiifi ceephoo of keessatti qabata. Warri hinhubatiin hamma hubataniitti, warri hubatan amma hojiitti seenanitti, warri hojiitti seenan hamma raawwatanitti, yeroofi obsa gaafata. Addunyaarratti namoonni ashaaraa kaa’aan kunneen kun isaan mudateera.”
“Har’a bakka kanatti kan argamne irbaata nyaachuuf miti, ashaaraa kaa’uuf malee. Qarshii isin kanfaltan irbaata nyaachuuf osoo hintaane ammayyummaa Itoophiyaa keessatti ashaaraa keessan kaa’uuf oola. Mee yaadaa waggaa 30, 40 har’aa nuti dulloomnee ookkoo qabannee cinaa laggeen Finfinnee yommuu asiifi achi jennu miira nutti dhaga’amufi guyyaa har’aa of duuba deebinee yommuu yaadnu immoo gammachuu nutti dhaga’amutu jira.”
Yaadonni irranatti eeraman haasawaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad affeerraa irbaataa Dilbata darbe galma gibiraa Atsee Miniliik durii mooraa Waajjira Ministira Muummeetti argamu keessatti taasisaanidha. Namoonni affeerraa ‘Gabataa la Shaggar’ jedhamurratti argamanis namoota ashaaraa kaa’an ta’uusaanii mirkaneessaniiruuf.
Abbaan qabeenyaa kaampaanii ‘BK Group’ Obbo Balaayinah Kindee namoota affeerraa irbaataarratti hirmaatanidha. Isaanis ibsa BBC Afaan Oromoof kennaniin, akka abbaa qabeenyaa tokkootti Shaggar akka jijjiiramtu fedhasaanii ta’uufi kaayyoo isaa deeggarani deeggarsa maallaqaa akka taasisan himu.
Sagantaa affeerraa irbaataa jedhamuun qophaa’ee kun nyaata soorachuuf osoo hintaane abbootiin qabeenyaa waan qabaniin magaalota yoo guddisan biyya guddisuun ni danda’ama yaada jedhu agarsiisuuf ta’uu ibsu.
Pirojektiin qarqara laggeen shaggar misoomsuu kun abbootii qabeenyaa qofa soo hintaane hamma humna isaatti ummannis akka irratti hirmaatuuf gadi buufamuu akka qabu keessumaa jiraattoonni magaalattii karaa garagaraatiin yaada isaanii ibsataa jiru. Keessumaa kanneen faalama laggeen kanaatiin fayyaan isaanii gaaga’ameefi miidhaan addaddaa irra ga’e xumura pirojektichaa abdiidhaan waan eeganiif akka ariifatu gaafataa jiru.
Egaan pirojektiin abdii ummata magaalattiirra darbee kan guutuu biyyaa ta’e kun dhiheenyatti hojiitti akka seenamuufi haaldureen jiru xumuramuusaa sagantaan jiru ni mul’isa.
Affeerraa irbaataa Dilbata darbe taasifameen dhaabbilee biyya keessaafi idil addunyaa, akkasumas namoonni dhuunfaa 200 ol ta’an hirmaataniiru. Sagantaan kunis marsaa marsaan kan itti fufu ta’a. Isaan affeerricharratti hirmaataniin ala dhaabbileen idil addunyaafi ardii Afrikaa Shaggar miidhagsuuf deeggarsa maallaqaa taasisaniiru.
Shaggar miidhagsuuf pirojektiin qarshii biliyoona 29 iftoomuunsaa beekameera. Pirojektichi lageen magaalaa Finfinnee lamatti hiranii yaa’an misoomsuuf kan kaayyeffatedha.
Kaaba Finfinnee Inxooxxorraa kaasee hamma laga Aqaaqitti kiiloo meetira 56 misoomsa; waggaa sadii keessatti ni xumurama jedhamee karoorfameera. Milkeessuuf ammo tumsi hundaa murtessaadha.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Caamsaa 16/2011
7 Comments to ““Awwaara kaasuumoo Ashaaraa kaa’uu?””