Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti babal’isuuf hojjetamaa jira

Afaan Oromoo Itoophiyaa irra darbee Afrikaa keessatti dubbatamu haalaan babal’atee akka baratamuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibse.

Hoogganaa Ittaanaa BBO kan ta’an Obbo Maammoo Boggaalaa ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin, Afaan Oromoo afaan ummata bal’aa waan ta’eef Itoophiyaa keessatti akka hinbabal’anne waan daangessu akka hinjirre ibsaniiru.

Afaan Oromoo afaanota akka Afrikaatti baay’inaan dubbataman keessaa tokko ta’uusaatiin, Keeniyaa keessatti Afaan barnootaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu eeranii,  Itoophiyaa keessatti hanga har’aa hinbabal’atiin hafuunsaa sirrii akka hintaane himaniiru.

Keessumaa mirgi afaan ofiin barachuu erga kennamee as guddinni Afaan Oromoo yeroorraa yerootti dabalaa jiraachuu kan dubbatan Obbo Maammoon, hayyoonni afaanichaa kumaatama horachuun danda’amuus yaadachiisaniiru.

Kanas sadarkaa naannooleetti babal’isuu waliin walqabatee kanaan dura hojiin hojjetame laafaa ta’us waggaa muraasaan as jijjiiramni gama kanaan mul’achaa jiru daran jajjabeessaafi kan nama kakaasudha jedhaniiru.

Yeroo ammaattis haala mijataa mootummaaan haaromsaa uumaa jiru kanaan afaanichi akka babal’atuuf haalli mijataa uumamaa jiraachuu ittaanichi himanii, kutaalee Itoophiyaa akka Hararii, Dirree Dawaa, Beenishaangul Gumuz keessatti akka ittiin baratamu ta’uu eeru.

Bara barnootaa kana keessas daa’imman Oromoo kanaan dura kutaalee biyyattii caqasaman kana keessatti carraa afaansaaniin barachuu dhabanii turan har’a mul’achuusaanii Obbo Maammoon himaniiru.

Yeroo ammaattis dhiyeessiiwwan barnootaa muraasa guutamuufiin baruu barsiisuu afaansaaniin gaggeessaa jiraachuu kaasanii,  bakka Oromoon jiru maratti akkasumas, iddoowwan barbaachisoo ta’aan keessatti afaanichi afaan barnootaa akka ta’uuf biiroonsaanii kutannoon hojjechaa akkaa jiru dubbataniiru.

Naannoolee Afaan Oromoon Itoophiyaa baruu barsiisuun jalqabe keessaa Beenishaangul Gumuz ishee tokko yoo taatu gandoota kudhan keessatti manni barumsaa Afaan Oromoo banamuu kan himan ammoo Hogganaa Biiroo Barnootaa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Toomaas Kuuwwiiti.

Akkasaan jedhanitti, bakkeewwan baruu barsiisuun Afaan Oromoon jalqabe keessaa Manni Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Baambaasii isa tokko yoo ta’u maatiif daa’imman Oromoo hedduuf madda gammachuu ta’uutti jira. Mana barumsaa kana keessatti qacarriin barsiisotaa raawwatee dhiyeessiin gara garaas muraasni guutamee tajaajila kennuu erga eegalee waggaa guutuuf deema. Hudhaalee dhiyeessii wajjin walqabatanii ka’an tokko tokkos hidhata naannooleen furuuf hojjetamaa jira.

Qindeessaa Mana Barumsaa Baambaasii sadarkaa 1ffaa kan ta’an Obbo Tafarii Fufaa gamasaaniin, bara 2011tti sochii naannooleen lameen taasisaniin Afaan Oromoo afaan barnootaa ta’ee tajaajiluu eegaleera.

Heerri biyyittii lammiileen mirga afaan ofiin barachuu akka qabaatan akka eeyyamu kaasanii, jalqabbiin mana barumsaa Baambaasii sadarkaa 1ffaa kun iddoowwan biroof fakkeenya ta’uu akka qabu himaniiru.

Baruu barsiisuun Afaan Oromoon Baambaasii keessatti eegale kun hudhaalee gara garaan boodatti harkifatee eegalus ammaan tana gammachuu inni hawaasaaaf daa’imman keessatti uume olaanaa ta’uus dubbataniiru.

Barsiistuu Afaan Oromoo mana barumsaa Baambaasii sadarkaa 1ffaa Barsiistuu Tamiimaa Nasruus dhalataan Oromoo naannichaa carraa afaan ofiin barachuu dhabuun yeroo dheeraaf afaan biraatiin barachuuf dirqamaa turuu ibsaniiru. Ammaantana garuu jalqabbiin jiru kun jajjabeessaa ta’uufi hanqinni kitaabilee wabiif kan barataa hudhaa ta’aa jiraachuu himaniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

4 Comments to “Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti babal’isuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: dee88
  2. Pingback: Richard

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *