“ Warshicha haroo gogse ummata naannichaaf beenyaa ni kanfalchiifna” – Obbo Abdii Jiilchaa


Nageellee Arsii:  “Waggoota 25 oliif qarqara Hara Abijaataafi paarkii Shaalaa Abijaataa keessatti hojjachaa ofiifi maatii kiyyas gargaaraa ture.  Waardiyyaa paarkichaa irraa kaasee hanga Iskaawutiittis sadarkaa garagaraatiin hojjachaa ijoollee horadhee barsiifachaan ture.”

“Ijoolleen keenya immoo hanga sa’aan barnootaa ga’utti shimbirroota Hara Abijaataa sana balaliisuudhaan daawwattootarraa galii argachaa turan. Har’a hunduu seenaa ta’ee shimbirroonnis ta’ee Abijaataan iddoo durii hinjiran. Faayidaa achirraa argachaa turre caalaa immoo waliin jireenyi shimbirroo waliin qabaachaa turre adda cituufi yeroo aduun nu gubu bakka itti qabbaneeffannu dhabuun keenya  heddu nu gaddisiisa”  jedhu Obbo Waataa Abdii dhalataafi jiraataa naannawwa Haroo Abjaataa Ganda Daakaa.

Waggoota darbanitti hir’achaa dhufuu harichaa akka dandamachiisuuf mootummaatti iyyachaa turanis qaamni birmate dhabamuusaatiin amma guutummatti goguu kan himan Bulchaan Aanaa Nageellee Arsii Obbo Dastaa Abdoo, sababa kanaan immoo yeroo ammaa haalli qilleensa naannoo sanaas jijiiramee gammoojjummaan babal’achuusaa ibsu.

“Inumaayyuu Haroon Abijaataa goguunsaa osoo garaa nu nyaatu ammas Haroo Shaalaatti tarkaanfachuuf gaaffiin isaan naaf dhiheessan tuffii  ummata naannoo sanaaf qaban kan agarsiisudha” kan jedhan Obbo Dastaan  kanaan booda Haroo biraa isaaniif kennuun hafee isa badefuu gaafatamuu akka qaban dubbatu.

Warshaan Soodaash kan Haroo Abijaataa gogse ummata naannawa sanaatiif beenya barbaachisu akka kanfaluuf murteessuusaanii kan himan immoo Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turiizimii Godinichaa Obbo Abdii Jiilchaa, kanaan booda warshaan sun Haroowwan naannawasanaatti akka hinfayyadamne dhoorkuun tarkaanfii ittaanu ta’uu ibsu.

Haroowwan sulula qiinxamaa hundi yeroo ammaa sababa warshaaleetiin gogaa kan jiran yemmuu ta’u, Abijaataan gogeera, Haroon Danbal immoo gogaa jira, Shaalaafi Laangannos heddu hir’achaa jiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

2 Comments to ““ Warshicha haroo gogse ummata naannichaaf beenyaa ni kanfalchiifna” – Obbo Abdii Jiilchaa”

  1. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *