Waldaan baay’ina abbootii sheeriitiin riikardii qabate gurgurtaa sheerii eegale

Finfinne: Yeroo ammaa addunyaarratti  waggaa waggaadhaan sukkaarri toonii miiliyoona 50 ta’u nyaataaf oolaa kan jiru ta’uu ragaaleen ni agarsiisu.

Biraazil, Hindiifi Taayilaandi biyyoota addunyaa omishaafi al-ergii sukkaaraatiin walduraa dubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabatan yemmuu ta’an,  Afrikaan Kibbaa immoo Afrikaa keessaa sadarkaa fooyya’aa keessatti argamti.

Warshaaleen sukkaara Itoophiyaa bu’a qabeessummaan isaaniitiin gaaffii keessa waan galaniif dhaabbilee mootummaa barana gara dhuunfaatti dabarfamuuf qabaman keessatti hammatamaniiru.

Warshaalee sukkaaraa barana mootummaan gabaaf dhiheesse keessaa Wonjiifi Mataaraa bitachuuf sochii kan eegale Dhaabbanni Waldaa Aksiyoona ‘Ethio Sugar’ sheerii biiliyoona sadi baasu gurgurtaaf dhiheessuusaa ibseera.

Pirezdaantii  Boordii Hooggansa Hojii waldichaa Injinar Lammaa Gurmuu akka ibsanitti, waldichi murtii mootummaan warshaalee kanneen gara abbootii qabeenya dhuunfaatti dabarsuuf murteesse hordofee kan hundaa’e ta’uusaa himanii,  yeroo ammaa dhaabbilee bittaa warshaaleetiif fedhii agarsiisan keessa kan abbootii qabeenya biyya keessaan hundaa’es waldicha kana qofaa ta’uu dubbatu.

Sheerii waldichaa namoota kuma 40 hanga 60 tti gurguruudhaaf karoorfamuu kan himan Injinar Lammaan, akka durii qonnaan bulaafi hawaasa naannoo sana jiraatu dhiibuu osoo hin taane  sheerii akka bitataniifis haalli mijaa’uusaa ibsu.

Sheeriin tokko qarshii 1000 yemmuu ta’u, namni tokko immoo yoo xiqqaate sheerii kuma 10 bitachuutu isarraa eeggama. Qonnaan bultoota  humna kana hin qabneef ammoo liqiin waggaa shanitti kaffalan Baankiiwwan  Awaash, Hojii Gamta Oromiyaafi Nibi Iternaashinaalii irraa akka liqeeffatan taasisuudhaan hawaasni naannichaa dursa fayyaduuf yaadamee kan hojjatamu ta’uu ibsu.

Baay’ina abbootii sheeriitiin waldichi Itoophiyatti riikaardii haaraa kan cabsu ta’uu kan himan immoo hoji gaggeessaan waldichaa Obbo Bitaaw Alamuu, waldaalee aksiyoonaa biyyattii keessatti gurmaa’an keessaa isa guddaa kan ture abbootii sheerii kuma 18 kan qabu ta’uu dubbatu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

2 Comments to “Waldaan baay’ina abbootii sheeriitiin riikardii qabate gurgurtaa sheerii eegale”

  1. Pingback: gunpowder

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *