Bara 1879 kan hundoofte Finfinneen (Shaggar) Magaalaa guddittii Oromiyaa, Itoophiyaafi teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun tajaajilaa jirti. Eddii hundooftee waggaa 132 kan lakkoofsiste Shaggar, gama qulqullinaa, misoomaafi guddina waliigalaatiin sadarkaa ishee giturra hinjirtu.
Jiraattonnishi harki hedduun mana sadarkaasaa hineegganne keessa kan jiraatan too ta’u, lageenshii keessumaa tibba gannaatti balfa dhangala’aafi goggoga guuranii yaa’uun oyiruu qonnaan bultootaa ishee marsanii argaman faaluun dhala namaafi loonirraan miidhaa guddaa gesisaa jiru.
Lageen akka biyyoota guddataniitti otoo misoomaniifi kunuunfamanii bakka bashannanaa ta’uun tajaajilan kan Shaggar garuu faallaa kanaatiin faalamuuf saaxilamanii jiruufi jireenya guyyuu jiraattotashii qoraa jiru.
Haala kana gadifageenyaan kan hubatan abbaa mul’ataa Pirojektii Misooma Lageen Shaggar kan ta’an Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad misooma lageen magaalattiitiif dhiyeenya kana kallattii kaa’uunsaanii ni yaadatama.
Kanaanis Pirojektii Misooma Lageen Shaggar qarshii biiliyoona 29n waggaa sadiitti hojjetamee akka xumuramuuf karoorfamuu eeran. Pirojektichi lageen guguddoo lama kanneen kiiloo meetira 56 dheerataniifi qarqarasaanii misoomsuun qulqullinaafi miidhagina magaalattii gara boqonnaa haaraatti akka ceesisuudha kan eerame.
Pirojektichi qulqullina, bareedinaafi magariisummaa magaalattii mirkaneessuun jiraattotaaf mijattuufi filatamtuu taasisa. Kana malees miidhaan sababa lolaatiin qaqqabu akka hir’atu taasisuun gumaachisaa olaanaadha.
Hojii pirojektichaa dhugoomsuun fayyummaa jiraattota magaalattiifi naannawaashee fooyyessuu, hojii misooma dinagdee magariisaa biyyattii si’eessuu, bakkeewwan bashannanaa babal’isuufi carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa waan qabaatuuf hawaasnis ta’e abbootiin qabeenyaa haaluma eegalaniin gumaacha irraa eegamu bahachuu qabu.
Maallaqa pirojektichi ittiin geggeeffamu walittiqabuuf Doktar Abiyyi iftaan affeerraa irbaataa Masaraa Biyyaaalessaatti kan qopheessan yoo ta’u diippiloomaatonni, gaggeessitoonni hojii dhaabbilee addunyaafi abbootiin qabeenyaafi kanneen biroon saganticharratti hirmachuuf hanga har’aatti galmaa’aa jiru. Irbaaticha nyaachuun hojii pirojektichaa milkeessuu, misooma magaalattiif invasti gochuufi qabeenya dabalataa uumuudha.
Hojii pirojektichaatiif tattaaffii Doktar Abiyyi Taasisaniin Chaayinaafi Xaaliyaaniin gargaarsa gamasaanii kan taasisan yoo ta’u, biyyoonni giddugaleessa bahaas fedhii guddaa agarsiisaa jiru. Adeemsa hanga ammaatiin yoo ilaalamu pirojektichi dadammaqina guddaa uumuun toora milkaa’inaarra arreedaa akka jiruu kan hubatamu.
Pirojektii misooma qarqara lageen Finfinnee gaara Inxooxoorraa ka’ee hanga Aqaaqiitti fulla’u kun magaalattii miidhagsuufi ammayyeessuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Hogganaan Pirees Sakreetarii Waajjira Ministira Muummee Obbo Nugusuu Xilaahuun ibsa dhimmicha ilaalchisuun tibbana kennanniin akka jedhanittis mootummaan magaalota biyyattii hunda jireenyaaf mijatoo gochuuf hojjachaa jira.
Keessumaaa Finfinnee miidhagsuun magaalota birootiif akka modeelaatti fayyadamuun waan danda’amuuf misooma kanarratti hirmaachuun gama hundaan faayidaa olaanaa qabaata.
Akka isaan jedhanitti, Mootummaan Chaayinaas diizaayinii pirojaktichaa hojjachuufi kiiloo meetira 12 ammoo misoomsuuf waadaa galeera. dhaabbileen biyya keessaa 200 caalanis maallaqaafi humnaan hirmaachuuf fedhii agarsiisaa jiru.
Dhaabbilee biyya keessaa Baankiin Daldalaa Itoophiyaafi Itiyoo Telekoom walduraa duubaan pirojektii Shaggar miidhagsuuf qabame kanaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 500fi miliyoona 100 arjoomuunsaanii milkaa’ina karoorichaa keessatti iddoo olaanaa qabaata.
Sagantaan misooma lageen Shaggar kun afeeraa mataduree “Shaggariif Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waliin” jedhuun qophaa’ee Dilbata dhufu duula qulqullina magaalotaa marsaa 2fa wajjin geggeeffamu; milkaa’ina pirojektichaaf gumaacha olaanaa qaba jedhamee abdatama.
Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Caamsaa9/2011
3 Comments to ““Shaggariif Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad wajjin”