Sagantaan duula qulqullinaafi affeerraa irbaataa Shaggar iftaan adeemsifama

Finfinnee: Sagantaan duula qulqullina Itoophiyaa ji’a darbe eegalameefi affeerraan irbaataa Shaggar iftaan kan adeemsifamu ta’uu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.

Sagantaan duula qullinaa ganama sa’aatii 1:30 irraa eegalee kan adeemsifamu yoo ta’u, daawwannaan masaraa mootummaa sa’atii 9;00 irratti  akkasumas affeerraan irbaataa ammoo galgala Galma Gibiraa Atsee Miniliikitti kan raawwatamu ta’a. Namoonniifi dhaabbileen dhuunfaa hedduun irbaatachirratti hirmaachuuf kaffaltii raawwachaa kan jiran yoo ta’u, namni tokko qarshii miliyoona shan kaffaluudhaan irbaaticharratti kan hirmaatu ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa qarshii miliyoona 500, mootummaan Xaaliyaanii miliyoona 160, Baankiin Misooma Afrikaa miliyoona 17fi  kuma 256, Sagantaan Misooma Mootummoota Gamtoomanii miliyoona 28fi kuma 670fi Dhaabbatni Misooma Industirii Mootummoota Gamtoomanii qarshii miliyoona 28fi kuma 670 ijaarsa pirojektichaaf deggersa kan taasisan ta’uu waajjirichi ibseera.

Sagantaan qulqullinaa kun Finfinnee qofatti utuu hintaane kutaalee biyyattii adda addaa keessatti kan raawwatamu ta’a. Sagantichi naannawaa balfaan faalame qulqulleessuufi sammuu jibbaafi haaloon xuraa’e nagaa, jaalalaafi dhiifamaan qulqulleessuuf boqonnaa haaraa banuun tokkummaa biyyaalessaafi ummataa daran cimsuuf kan gargaaru ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Magaalota biyyattii sagantaa duula qulqullinaa guyyaa tokkootiin qulqulluu taasisuun waan hindanda’amneef yoo xiqqaate ji’atti altokko qulqulleessuudhaan magaalota jireenya, hojiifi tuuristiif filatamoo taasisuun barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Pirojektiin Shaggar daangaa lageenii kiilo meetira 56 dheeratu irratti waggaa sadii keessatti qarshii biiliyoona 29n  kan hojjetamu ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *