Addunyaarratti yeroo hundumaa waa’ee nageenyaa irra deddeebiin dubbachuun hundaa ol gatii guddaa kan qabu ta’uusaa ogeessonni damee kanaa irra deddeebiin ni ibsu.
Itoophiyaatti rakkooleen nageenyaa iddoowwan addaddaatti uumamaa jiranis furamuu kan danda’an lammiileen martuu haalaafi bakkuma jiranitti gatiin nageenyaa tilmaama keessa galuu kan hindandeenye ta’uusaa hubachuun yoo barsiisaniifi hojiirra oolchan qofaadha.
Dhuma ji’a Bitootessaa keessa qaamoleen badiin walitti bu’iinsa Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromoo Kamiseefi naannawaasheetti uumaniin lubbuun lammiilee hedduu darbeera; qabeenyis manca’eera.
Kanuma furuuf Caamsaa 03 bara 2011 konfiransiin nageenyaa Kamiseetti kan adeemsifame yoo ta’u, hayyootni saayinsii siyaasaa Yunivarsiitii Walloo Obbo Shimallis Haayiluufi Gargaaraa Pirofesara Sabsib Addisuu waraqaa qorannoo ka’umsaa dhiyeessaniiru.
Obbo Shimallis Haayiluu mata duree, “Itoophiyaa keessatti nageenyaan waliin jiraachuu” jedhurratti qorannoo dhiyeessaniin akka ibsanitti, sabootni, sablammootniifi ummattootni Itoophiyaa sirna aadaa gabbataa ittiin walitti bu’iinsa furan qabu. Hojiileen Kamiseefi naannawaasheetti nageenya waliinii eegsisuuf taasifamus sirnoota aadaa kanneenirratti hundaa’uu qaba jedhu.
Itoophiyaanonni nageenyaaf iddoo guddaa kan kennanidha kan jedhan Obbo Shimallis, hawaasa bal’aa keessatti nagaafi tasgabbiin jira kan jedhamu walitti bu’iinsi waan hinjirreef osoo hintaane walitti hidhamiinsi, tokkummaafi walgargaarsi yoo hinjiraannedha.
Sabootaafi sablammoota waliin jiraatan keessatti sababoonni walitti bu’iinsaa hedduu ta’uus eeranii, ilaalcha dogoggoraa waliif qabaachuu, oduuwwan sobaa ykn dubbii qabatamaa hintaane hawaasa keessa facaasuu, haqa dhabuufi kkf akka fakkeenyaatti kaasu.
Baroota darban keessallee hangisaa yaa xiqqaatu malee walitti bu’iinsi tureera kan jedhan Obbo Shimallis, sirni aadaa ummattootaa walitti bu’iinsa ittiin furan kan nama boonsuudha. Kanneen keessaas Sirni Gadaa Oromoo, Kiichaan Guraagee, Anyuwaa Okkuu Gambeellaa, Miidaan Affaariifi Amaaraatti ammo jaarsummaan adda durummaan kan maqaa dhahaman ta’uu ibsu.
Gaaffii, “Duudhaaleen nageenyaa kunneen maaliif laafan” jedhuufis Obbo Shimallis bu’aa qorannoosaaniin kan deebisan yoo ta’u, shirri siyaasaa, aadaafi barsiisa amantii sirnaan hordofuu dhabuun, akkasumas sirni barnootaafi miidiyaaleen dhimma nageenyaarratti xiyyeeffachuu dhabuun madda rakkoo nageenyaa ta’uusaanii eeru.
Gargaaraan Pirofesaraa Sabsib Addisuu ammoo mata duree, “Walitti hidhamiinsa Oromoofi Amaaraa har’aafi kaleessa” jedhurratti Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromoo Kamiseefi naannawaasheerratti xiyyeeffachuun waraqaa qorannoo waltajjichaaf dhiyeessaniiru.
Akka isaan jedhanitti, ummattootni Oromoofi Amaaraa nageenyaafi waliisaanii kunuunfachuun, akkasumas amantii waloo bu’uura godhachuun nagaafi jaalalaan ummattoota waliin jiraachaa turaniifi jiraniidha. Kunimmoo baraa baratti ce’uun haala adda bahuu hindandeenyetti dhiigaan akka walitti hidhamanii jiraatan taasiseeraa jedhu.
Dhimmoonni naannawaafi sirna namummaa walitti hidhamiinsa ummattoota lameenii guddisan ni jiru kan jedhan Gargaaraan Pirofesaraa kun, ummattoonni lameen qabeenya hinsochooneefi sirna aadaatiin caalaatti akka walitti hidhamaniif kan fayyaduudha.
Kanaanis bu’uurri walitti hidhamiinsa Oromaaraas karaa afuriin qoqqoodanii ilaaluun kan danda’amuudha. Kunneenis, walitti hidhamiinsa aadaa hawaasaa, guddina misooma dinagdee, ijaarsa bulchiinsa mootummaafi haala teessuma lafaatiin ummattoota walirra adda bahuu hindandeenye ta’uu ibsu.
Dimshaashumatti, hayyootni kunneen faayidaan walitti hidhamiinsa ummattoota lameenii (Oromoofi Amaaraa) baay’ee guddaa ta’uusaa haa ibsaniyyuu malee qabeenya waliin fayyadamuurratti, beekumsaafi muuxannoo walii qooduurratti, walamanuufi walijaaruurratti hanqinootni waan jiraniif dhimmoota xiyyeeffatamuu qabaniidha.
Garaagarummaan heddumminaan miidhages dirqama biyyaalessaa bahachuurrattiifi fedhii waloo waliin eegsisuuf, akkasumas shororkeessummaa waliin ittisuuf iddoo olaanaa kan qabudha. Kanaaf jiraattonni Kamiseefi naannawaashee, akkasumas lammiileen marti nageenya waloosaanii eeguufi eegsifachuuf gaheesaanii bahachuu akka qaban hubatameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
(Suurri Daanyee Abarraatiin)
Bariisaa Caamsaa 9/2011
8 Comments to “Nageenya Kamiseefi naannawaashee”