Manni marichaa muudama komishinarootaa raggaasise

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 39fa bara hojii 4fa kaleessa gaggeesseen muudama komishinaroota Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaafi Komiishinii Araara Nageenyaa raggaasiseera.

Doktar Xaasawu Gabreefi Ustaaz Abubakar Ahmad Komishinariifi Komishinarii Ittaanaa Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa ta’uun kan muudaman yoo ta’u, manni marichaas bu’uura labsii lakkoofsa 1101/2011 irratti hundaa’uun erga sakatta’ee booda  sagalee mormii digdamii shaniifi qoqqobbii malee sagalee caalmaan raggaasiseera.

Dhimmootni daangaafi eenyummaa kutaalee biyyattii garagaraatti walitti bu’iinsaaf ka’umsa ta’aa waan jiraniif xiyyeeffannoon furamuu akka qaban ibsameera.

Komishinii Araara Nageenyaa hundeessuuf Labsii  lakkoofsa 1102/2011 bahe bu’uura godhachuun namoota gahumsa, muuxannoofi ummata biyyattii biratti beekamtii qaban  akka muudaman ta’eera.

Phaaphaasii Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Birhaanayesus Suraafel walitti qabaafi Aadde Yetinabbarshi Nugusee ammoo walitti qabduu ittaantuu komishinichaa ta’uun muudamaniiru. Manni marichaas sagalee mormii afuriifi qoqqobbii kudhaniin sagalee caalmaan raggaasiseera.

Miseensotni mana marichaa keessumaa hundeeffamni Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu waliin fudhatama kan qabu miti  jechuun sagalee mormii dhageessisaniiru. Muudamni kennames heera Itoophiyaan ittiin gaggeeffamaa jirtu kan faallessu waan ta’eef, bu’uura seeraa akka hinqabne kaasaniiru.

Ministirri Gargaaraa Mootummaa Ambaasaddar Masfiin Charinnat qeeqaafi mormii miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebii kennaniin,  muudamni komishinarootaa Ministira Muummee Doktar Abiyyii Ahmadiin kennamuun mana marichaaf  dhiyaate  heera biyyattiin ittiin bulaa jirtu kan bu’uurefate ta’uu ibsaniru.

Jijjiiramoota siyaas-dinagdee biyyattiin galmeessaa jirtus itti fufsiisuuf rakkooleen dhimmoota daangaafi eenyummaa sirnaan furamuu kan qaban ta’uu eeranii, kana milkeessuuf ammoo hoggansi haqummaafi walqixxummaan ummata tajaajilu jiraachuun barbaachisaadha.

Komishinarootni Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa, akkasumas Komishinii Araara Nageenyaarratti muudamanis gahumsa, muuxannoofi ummata biratti beekamtii kan qabaniifi ergama mootummaafi ummatni isaanitti kenne itti gaafatamummaa olaanaadhaan kan bahatan ta’uunis himameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Daanyee Abarraatiin)

Recommended For You

4 Comments to “Manni marichaa muudama komishinarootaa raggaasise”

  1. Pingback: click for more
  2. Pingback: Oren Alexander

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *