“Maallaqni nyaata barattootaaf guyyaatti kennamu gadaanaa ta’uun rakkoo nutti uumaa jira” – Barattoota Yunvarsiitii

Barataan tokko carraa barumsa dhaabbilee barnoota olaanoo ykn yunvarsiitii mootummaa seenuu yommuu argatu gammachuu guddatu itti dhaga’ama. Sababni guddaan gammachuu kanaa immoo baasii tokkoon ala gosa barnoota filate barachuu danda’uusaatiini.

Barataan carraa kana argate yeroo barumsarra jirutti barumsa qofa osoo hintaane yaalas tola argachuunsaa akkuma jirutti ta’ee, gaafa barnootasaa xumuree carraa hojii argate immoo walakkaa maallaqa isatti bahee sana mootummaadhaaf deebisuun dirqama.

Gaaffiin ammaan tana gama barattootaatiin ka’aa jiru garuu deebisuu maallaqichaa irratti osoo hintaane, “maallaqni yeroo ammaa nyaata guyyaatiif isaaniif kennamu qarshiin 15 baayyee xiqqaa waan ta’uuf nuuf dabalamuu qaba” isa jedhuudha

Barattoota yunvarsiitii barataniif maallaqni nyaataa guyyatti kennamu gadaanaa ta’uunsaa  jeequmsa  yunvarsitiwwan  keessatti uumamuuf sababa ta’aa jiraachuu barattootni  ibsan.

Yunvarsiitii Arbaaminchitti Pirezdaantiin Gamtaa Barattootaa barattuu  Qaalkidaan Abbaayinaa  akka himtutti, rakkoolee walitti bu’iinsaafi jeequmsa biyyattii keessatti uumamaa jiran keessatti  shoorri barattootaa olaanaa ta’uusaafi kun immoo kallattiidhaanis ta’ee al kallattiidhaan barattoota yunvarsiitiitiin kan wal qabatu ta’uu  dubbatti.

Keessattuu haala qaala’iinsa gabaa amma jiru waliin tasuma adeemuu kan hindandeenye  kanfaltiin  nyaataaf  barattoota yunvarsiitiitiif  kennamu qarshii 15 ta’uunsaa immoo komiifi madda jeequmsaa ta’aa jiraachuu himti.

Mootummaan yeroo ammaa gaaffii ummataa gurguddaa deebisaa jiru dhimma yaaddoo nageenyaa ta’e kanaaf furmaata hatattamaa kennuu akka qabuufi kun immoo barattoota qofaaf osoo hintaane nageenya biyyaatiifis murteessaa ta’uu ibsiti.

“Kanfaltiin  guyyatti barattootaaf kennamu kun xiqqaatees guddatees mootummaafi  barattootatu wal deeggaree kanfala waan ta’eef  mootummaan hanga ammaatti maaliif qarshii 15 irratti akka ciche hin beeku” kan jedhu immoo  Pirezdaantiin Gamtaa Barattoota yunvarsiitii Injibaaraa barataa Miikiyaas Taarikuu, yunvarsiitiisaanitti hanga ammaatti gaaffiin barattooni qaban dhimma kanaan ala rakkoon tokkos uumamee kan hinbeekne ta’uu dubbata. Waan ta’eefis mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu gaafata.

Komiiwwan barattootaa osoo isaan guddatanii kallattii biroo hinqabatiin furuu irratti ammas qaawwi guddaan jiraachuu kan himu barataan kun, kun immoo yeroo ammaa mootummaafi ummata nagaallee gatii akkamii kanfalchiisaa akka jiru ilaaluun barbaachisaa akka ta’e ibsa.

“Jaalatames jibbamees egereen biyyattii tanaa harka dargaggootaafi barattootaa  jiraachuun dagatamuu hinqabu” kan jedhu immoo Yunvarsitii Madda Walaabuutti Pirezdaantiin Gamtaa Barattootaa Barataa Ashannaafii Naannoo, mootummaan qabsoo barattootaafi dargaggootaatiin ce’uumsa keessa jiru kunis osoo rakkoon hinuumamne dursee komiiwwan jiran furuu irratti rakkoo qabaachuu ibsa.

Gaaffii barattootni kaasan deebiinsaanii ni ta’aas ta’ee hinta’uu, deebii hatattammaa kennuun adeemsi baruufi barsiisuu akka hingufanne qofaaf osoo hin taane, nageenyi biyyaas akka hinboorofne kan taasisu waan ta’eef itti yaadamuu akka qabu dhaama.

Walumaa galatti, gaaffiiwwan barattootni qaban itti siqanii dhaggeeffachuudhaan dafanii furmaata kennuun barattoota qofaaf osoo hin taane, mootummaafis ta’ee nageenya biyyaatiif murteessaa ta’uunsaa hubatamutu isarra jiraata.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

One Comment to ““Maallaqni nyaata barattootaaf guyyaatti kennamu gadaanaa ta’uun rakkoo nutti uumaa jira” – Barattoota Yunvarsiitii”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *