Itoophiyaan qabeenya leemmanaatiin biyyoota Afrikaarraa sadarkaa duraarratti argamtus faayidaa argachuu maltu hinarganne. Kanaaf ammo sababni inni guddaa xiyyeeffannaa dhabuu damichaa ta’uu ogeessoonni ni dubbatu. Kanuma ilaalchisuun Komishiniin Naannawaa, Bosonaafi Jijjiirama Qabeenya Qilleensaafi Ministeerri Qonnaafi Eegumsa Naannawaa tibbana Bishooftuutti abbootii ga’ee waliin waltajjii marii taasisanii turan. Kaayyoon waltajjichaa inni ijoonis tarsiimoo leemmanaa haarawaa qophaa’erratti marii taasisuu ture.
Waltajjicharratti Ogeessi Olaanaa Misooma Bosonaa komishinichaa Obbo Ashabbir Wandimmuu, barreeffama marii dhiheessaniiru; kanarrattis Gaazexaa Bariisaa waliin gaafdeebii taasisaniiru. Barbaachisummaa tarsiimoo leemmanaa akka ibsanitti, qorannoo fakkii saatalaayitii bu’uura godhachuun taasifameen yeroo ammaa Itoophiyaan qabeenya leemmanaa heektaara miliyoona 1.4 ta’u qabdi jedhu. Haa ta’u malee kana keessaa dhibbeentaa tokko kan ta’ullee haala barbaadamuun hojiirra oolchuun akka hindanda’amne ibsu.
Akkasaan jedhanitti, gara faayidaatti jijjiirurratti hanqinni olaanaa jira. Namoonni dhuunfaan yookiin gareen leemmana oomishan akkasumas, kanneen qabiyyee mootummaa jala jiranis haala barbaadamuun oomishamanii tajaajilamtoota bira hingeenye. Hanga yoonaa harki caaluu bifa aadaatiin hojiirra oola.
Akka ibsa ogeessichaatti, hammi qabeenyaa jiru faayidaarra hinoolu taanaan biyyi, mootummaaniifi ummanni faayidaa argachuu qaban hinargatan. Itoophiyaan sababa hanqinni mukaa jiruuf bu’aalee mukaa addaddaa biyya alaarraa galchuuf dirqama jiraachuu eeranii, kunimmoo fedhii jirurraan kan ka’e waggaa waggaan daran dabalaa deema. Kana biyya keessatti deebisuuf gosoota mukaa biroo fayyadamuun akkuma jirutti ta’ee leemmana faayidaarra oolchuuf xiyyeeffannaan hojjechuu gaafata jedhu.
Kana ta’uu baannaan oomishaan galii ga’aa waan hinarganneef fayyadama lafaasaa jijjiiruuf akka dirqamu kaasanii, leemmanni erga daraaree booda waan du’uuf bakkisaa kan birootiin bakka buufama; bakkeewwan garagaraattis mul’achaa kan jirus kanuma ta’uu himu. Kanaaf akka waliigalaatti tarsiimoon qophaa’u kana jijjiiruufi indastirii leemmanaa sirnaan gaggeessuuf kan kaayyeeffate ta’uu ibsu.
Akka Obbo Ashabbir jedhanitti, tarsimoo qophaa’e kanaan kallattiiwwan kudhan ta’an, haala kamiin omisha leemmanaa fooyyeessuun tajaajilaaf oolchuun akka danda’amu ifaan taa’eera. Kana malees humni leemmana dabalataa oomishuu biyyattii adda baafameera. Kanaanis hanga bara 2030tti gara heektaara miliyoona sadiitti guddisuun akka danda’amu adda baafameera.
“Adeemsa leemmana oomishuu keessatti carraan hojii bal’inan uumamuu danda’a. Sababni isaa leemmanni akka mukkeen kaanii muramee, baqaffameefi soofamee qofa miti hojiirra kan oolu, sadarkaa hedduu keessa darbuu gaafata. Dabalataanis hojiin isaa teknolojii ammayyaawaa kan gaafatuufi galtee baay’ee kan barbaadu waan ta’eef ce’umsa teknolojii saffisiisuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Kanaaf akka waliigalaatti sadarkaa intarpiraayiziitiinis ta’uu dhuunfaatiin carraa hojii hedduu akka banuu danda’u tarsiimoo qophaa’een adda baafameera” jedhu.
Oomisha leemmanaa sadarkaa nama dhuunfaatti taasifamurratti haala leenjiin gabbisa hubannoo itti kennamu qophaa’uusaa kaasanii, misoomnifi ittifayyadamni leemmanaa sadarkaa kilaastaraatiin akka taa’uufis tarsiimoon qophaa’uu ibsu. Sababni isaa qabeenyi leemmanaa kutaalee biyyattii hunda keessatti kan argamu osoo hintaane naannoolee muraasa kanneen akka Oromiyaa, Beenishaangul Gumuuz, Amaaraa, Ummattoota Kibbaa, Tigraayiifi Gaambeellaatti kan argamudha. Kanaaf naannoolee kanneen irratti akka taa’umsa lafaafi walitti dhiheenyaatti adda baafamuun kilaastariidhaan hojjechuu barbaachisaa ta’uu ibsu.
Tarsiimoon leemmanaa kun bifa haaraatiin haa qophaa’u malee hojiin isaa misooma bosonaa waliin hojjetamaa ture kan jedhan ogeessi kun, ta’uus sadarkaa barbaadameen waan hinturreef xiyyeeffannaa addaa akka argatuuf yaadamee kan qophaa’eedha.
Akka ibsa ogeessichaatti, qorannoo yeroo dhihoo taasifameen qabeenyi leemmanaa amma jiru kaarboon daayooksaayidii gara meetirik toonii miliyoona 35.5 of keessatti qabateera. Kanaaf leemmana baay’inaan oomishuun gaasii ho’iina dabalu qilleensa keessaa xuuxuuf fayyada jechuudha. Kunimmoo dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa fidu dandamachuuf furmaata tokkodha. Dabalataanis, biyyattii keessatti hidhaawwan humna ibsaaf oolan hedduu ijaaramaa jiru. Kunneenis biyyoodhaan akka hinguutamneef ni ittisa.
Dargaggoo Addisuu Haayiluu hundeessaafi hojii gaggeessaa Dhaabbata Hojii Leemmanaa Isseey, zoonii indastirii Taaxaq keessatti argamuudha. Dhaabbatichi bara 2004 hojii kan eegale yoo ta’u, gara hojii leemmanaatti kan seene barataa yunvarsiitii ta’ee osoo jiruu waa’ee leemmanaa dhaga’uufi waraqaa qorannoo isaas isarratti hojjechuusaa dubbata.
Isarraa ka’uun erga yunvarsiitiidhaa eebbifamee ba’ee booda hiriyyaasaa waliin ta’uun karoora qopheeffachuun hojii ‘istiikiinii’ oomishuu eegaluusaanii hima. Wantoota omisharraa hafaniin ammoo cilee oomishaa turuusaanii ibsa.
Amma garuu golgaawwan foddaa, uwwisa lafaa, gabateewwan leemmanaan uwwifaman, sandaliifi kkf oomishuudhaan gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiheessaa jiraachuu hima. Yommuu hojii eegalan namoota 12f carraa hojii uumanii kan turan yoo ta’u amma garuu dhaabbifi yeroodhaan hojjettoota 300 oliif carraan hojii uumuusaanii ibsa.
Fuulduratti hojii cimsanii hojjechuuf karoora qabaachuusaanii himee, gabaa leemmana addunyaa bal’inaan qabattee kan jirtu Chaayinaa taatuus sababoota garagaraatiin gabaa keessaa ba’aa jirti jedha. Kunimmoo dhaabbileen garagaraa gara Itoophiyaa akka ilaalaniif carraa banuusaafi carraa kanatti fayyadamuun bal’inaan oomishuuf hojjetaa jiraachuu ibsa. Kana malees gara leemmana dhaabuuttis seenuuf Arsiitti lafa gaafachuusaaniifi Finfinnee keessattis paarkii leemmanaa ijaaruuf sochiitti jiraachuusaanii dubbata.
Akka dargaggoo Addisuun jedhutti, seektarri kun carraa hojii bal’aa haa qabaatu iyyuu malee wanti ture kan hojjechiisu hinturre. Tarsiimoon kana deggaruufi ifatti taa’ee hinjiru. Kanarraa ka’uun anga’oonni illee deggarsa taasisuu osoo barbaadanii tarsiimoon isaan deggaru waan hinjirreef deggaruu dhaabaa turaniiru. Amma tarsiimoon qophaa’u rakkolee kanneen ni hiika abdii jedhuu qaba.
Rakkooleen damee kanaan jiran hedduu ta’uu kaasee, kanneen keessa akka fakkeenyaatti harka mootummaarra qabeenya leemmanaa baay’een jiraachuufi kanammoo indastiriiwwan akkasaanii haalaan itti fayyadamuu barbaadan illee sababa waan ifa ta’ee hinjirreef qabeenyi hedduu manca’eera. Akka fakkeenyaattis leemmanni naannawaa Maashaafi Diillaa jiru akkuma jirutti manca’uusaa addeessa.
“Kana malees dameen leemmana oomishuu akka damee hojii tokkotti ilaalamaa waan hinturreef yommuu eeyyamni daldalaa ba’uufi gara alaatti ergamu illee maqaa biraatiin ture. Bara kana garuu kun sirrateera. Kanaaf tarsiimoon kun qophaa’uun isaa rakkoolee kanneeniifi kanneen biroof furmaata ta’a” jedha.
Walumaagalatti tarsiimoon qophaa’ee yommuu ragga’ee guutuutti hojiirra oolu Itoophiyaan warqee magariisa biroo isheerraa faayidaa malu ni argatti abdii jedhutu jira.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Caamsaa 9/2011
5 Comments to “Leemmana: Warqee magariisa Itoophiyaa xiyyeeffannaa hinarganne”