“Kana booda hoggansi bu’aa dinagdee ummata Oromoof fideen madaalama”Obbo -Shimallis Abdiisaa

Finfinnee: Leenjiin gaggeessitoota aanaaleefi magaalota Oromiyaarraa baba’aniif magaalaa Adaamaatti kennamaa ture dheengadda kan xumurame yoo ta’u, Pirezdaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kallattii kennaniiru.

Kallattii Obbo Shimallis kennan ilaalchisuun Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo fuula feesbuukisaaniirratti akka ibsanitti, imala Oromiyaa waa maraan misoomsuufi dinagdeen cimsuu milkeessuun ga’ee qaama hundaa ta’uufi  hoggansi ammoo hojii halaalaa ilaalee eeguu otoo hintaane itti galee kutannoon jijjiiramaaf hojjechuu akka qabu dubbachuusaanii ibsaniiru. Kanaa boodas hoggansi kan madaalamu bu’aa dingadee ummata Oromoof fideen ta’uus kaasuusaanii ibsaniiru.

Diinagdee guddisuuf qonnaan bulaaf faayinaansiifi teknoloojii mijeessuun qonna ammayyeessuuf hojjechuun hojii ijoo dursi kennamuuf keessaa isa tokko ta’uufi kana milkeessuuf ammoo carraawwan gama dinagdeen jiran adda baasuun hoggansi ciminaan irratti hojjechuu akka qabu kallattii kaa’uusaanii himaniiru.

Qonnaan bulaan invastimantii lafasaarratti hojjetamurratti hirmaachuun gara qabeenya horachuutti ce’uu akka qabu, dureeyyonni hojii invastimantiirratti hirmaatan hojii faalama qilleensaarraa bilisa tahe hojjechuun, dargaggootaaf carraa hojii uumuun ga’ee isaanii ba’uu qabuun dhimmootai kallattii keessatti ka’an ta’us Obbo Admaasuun eeraniiru.

“Pirojeektoota misoomawaan bu’uuraa qulqullinaan bira dhaabbannee hojjechiisuu qabna. Hojii hojjetamu hunda ija faayidaa ummata Oromoo kabachiisuun hojjechuun barbaachisaadha. Siyaasni keenya dinagdeen dabaalamee hawaasummaan keenya kan milkaa’u, wal utubuufi tokkummaan sochoo’uun yoo jiraateedha. Kanaafiis wal tumsuu walii wajjiin hojjechuufi hojjechiisuu, ijaaramuun diinagdee keessa galuun ga’ee qabaata” jechuusaanis ni kaasu.

Jaalala Oromummaa hammachuutiin nageenya Oromiyaa eeguu, olaantummaa seeraa kabajuufi kabajchiisuuniis xiyyeeffannoo argachuu akka qabuufi olaantummaan seeraa yoo hinjiranne misoomaafi jijjiirama fiduun waan yaadamu waan hintaaneef  hoggansi sadarkaan jiru hawaasa hirmaachisuun seera kabachiisuun murteessaa ta’uu hubachiisuusaanii Obbo Admaasuun ibsaniiru.

“Bakka  kaleessa  irraa  kaane, bakka  har’a irra jirruufi bakka boru gahuuf mallu yaadaa halkaniif guyyaa hojjechuun jijjiirama bu’aa caaluutti ceesisuu, biyya ijaaruu qabna” jechuun dhaamuusaaniis kaasaniiru.

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Kana booda hoggansi bu’aa dinagdee ummata Oromoof fideen madaalama”Obbo -Shimallis Abdiisaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *