Ijaarsa seeraan alaa baadiyyaafi magaalaa dhaabuuf hojjetamaa jiraachuun himame


Finfinnee: Ijaarsawwan seeraan alaafi weerara lafa baadiyyaafi magaalotatti babal’achaa jiran dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa beeksise.

Biirichatti, Daariktera Ittisa Walitti Bu’iinsa, Qubsuma Seeraan Alaa, Hordoffiifi To’annoo Qabiyyee Lafaa Obbo Daawwiit Abdiisaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, keessumaa waggoota 10 as ijaarsi seeraan alaa naannawaa lafa qonnaa, dheedichaa, bosonaa, magariisaa, gaarreenii, lageeniifi lafa invastimantiif daangeffaman irratti daran babal’achaa dhufeera. Sababa kanaaf weeraraafi ijaarsa seeraan alaa baadiyyaafi magaalota naannichaatti mul’atan dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Akka ibsaa daarektarichaatti, ijaarsi seeraan alaafi weerarri lafaa kun keessumaa gandoota baadiyyaafi magaalotaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Godina Shawaa Bahaa, Aanaalee Adaamaa, Lumee, Sabbataa Hawaas, Barrak, Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneetti dabalamaniifi itti dhiyoo jiran keessatti daran babal’atee argama. Lafti seeraan ala fudhatameefi ijaarsi seeraan ala raawwatame hundinuu seeraan ala. Rakkoolee gama kanaan mul’atan dhaabuuf mariifi barnoonni hubannoo hawaasaa gabbisuufi qo’annoon ogeessotaan geggeeffamaa jira.  

Ijaarsi seeraan alaa kun lafa qonnaa, bosonaa, qabeenya uumamaa, bakkeewwan magariisaa daran miidhaa jiraachuu kaasanii, hawaasni miidhaa ijaarsi seeraan alaa qabuufi qaqqabsiisu akka hubatuuf barnoonni hubannoo gabbisuu akka kennamu himu. Lammiileen gurmaa’anii karaa seera qabeessaan lafa mana jireenyaa akka argataniifis hojjetamaa jiraachuufi  beenyaan lafaa duraan kaffalamaa ture xiqqaa waan ta’eef yeroo ammaa akka fooyya’uuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ijaarsi seeraan alaa kun lafa qonnaa, magariisaa, daandii, bu’uuraalee misoomaa, lageeniifi naannawaa miidhaafi faalaa waan jiruuf mootummaan naannichaa gara fuulduraatti ijaarsa seeraan ala raawwatame irratti kallattii kan kaa’u ta’uu himanii, rakkoo gama kanaan mul’atu dhaabuuf  hojiin hubannoo hawaasaa gabbisuufi seera kabachiisuu irratti xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

2 Comments to “Ijaarsa seeraan alaa baadiyyaafi magaalaa dhaabuuf hojjetamaa jiraachuun himame”

  1. Pingback: สีทนไฟ
  2. Pingback: mim66

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *