“Haala amma jiruun aartiin Oromoo baay’ee guddachuu ni danda’a” -Artist Zarihun Wadaajoo

Artist Zarihun Wadaajoo Abbaa isaa Obbo Wadaajoo Goobanaafi haadha isaa Aadde Zawudituu Makoorraa  bara 1955  Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamteetti dhalate.

Barumsa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1fa hanga 6fatti  bakkuma dhaloota isaatti baratee xumure. Isa booda gara Godina Wallagga Dhihaa, Magaalaa Gimbii deemee kutaa 7fafi 8fa barate. Kutaa 8fa akkuma xumureen Mandii deeme waggaa tokkoof achi jiraate. Isa booda qabsoon hammaannaan maatii isaa waliin Finfinnee deeme. Yeroo sana haalli jireenya Finfinnee  baay’ee rakkisaadha ture jedha Artisti Zarihuun gaafdeebii dhiyeenya Kana Gaazexaa bariisaa waliin taasiseen.

Sirba kanan jalqabe yeroon barumsa sadarkaa tokkoffaa baradhuudha. Yeroo sana Gumii Artii keessa waanan tureef sirboota adda addaan sirbaa ture. Sagalee gaarii waanan qabuuf sirbi koo jaallatamaafi kan gurra namaa hawwatu ture. Namoonni baay’een sagalee koo ni dinqisiifatu, ni jaallatus turan.

Finfinnee erga deemee boodas sirban ijoollummaatti jalqaben itti fufe. Sirbi ani yeroo  jalaqabaf waltajjii irratti sirbuun ittiin beekame “Kottaa aramaa aramna midhaan keenya keessaa, Tuufoo bubuqqifnaa copha isaatu balleessaa” kan jedhu ture.

Utuun “Tiyaatira Biyyaalessaa” keessa hojjedhuu bara 1978 albeemii koo jalqabaan baase. “Iyyaasee, Jaalala Halaalaafi geerarsi sirboota aalbeemicha keessatti argamaniidha.

Albeemii koo isa lammaffaa ammoo bara 1982n baase. Albeemichi ‘’Ani hinduune dhalootan guddisa’’ sirba jedhuun beekama.  Mootummaan yeroo albeemii koo lammaffaa baase tureefi isa dura ture artistoota Oromoos ta’e Afaan Oromoo waan hinjaallanneef yeroo sana Afaan Oromootiin sirba baasuun baay’ee rakkisaadha ture. Sagalee gaarii waanan qabuuf ana hinjaallatan. Utuu sagalee gaarii akkasii qabduu “Maaliif Afaan Amaariffaatiin hinsirbitu” jedhanii na rakkisaa turan.

Waggaa lama dura haalli Itoophiyaa keessa ture hammaachaa waan dhufeef konsartii tokkoof gara Amerikaa deemeen achumatti hafe. Duraan takkaa biyyaa ba’ee hinbeeku. Amma haalli jijjiiramnaan gara biyyaatti ergan deebi’ee ji’a ja’a ta’eera. Gara biyyaa ergan dhufees hojii Artiin hojjechaa jira. Kiliippii ani hojjechaa jirus yeroo dhiyootti gabaarra oola. Hojiin artii salphaatti ummata dadamaqsuufi altokkotti namoota hedduu bira ga’uun jijjiiruu danda’a. Artiin hojii kam irrattiyyuu uummata dadamaqsuuf humna guddaa qaba.

Jijjiiramni waggaa tokko keessatti mul’ate baay’ee abdachiisaadha. Jijjiiramichi dhiigaafi wareegama Qeerroofi jaallewwan keenyaatiin argame. Jijjiiramicha gara fuulduraatti tarkaanfachiisaa kan jiran ammoo namoota muraasa waan ta’aniif ummatni Oromoo jijjiirama qabsoo wareegama lubbuutiin argame kana eeggachuu qaba.

Qeerroon tokkummaan qabsaa’uun jijjiiramni kun akka dhufu taasise, tokkummaa isaa cimsachuun jijjiiramicha fuulduratti tarkaanfachiisuu qaba. Ammaan booda qabsoo Oromoo duubatti deebisun hinjiru. 

Kanaan dura dararamni guddaan narra gahaa tureera. Yeroo ammaa garuu sodaa tokko maleen hojii koo hojjechaan jira.Gara fuulduraatti Baandii dhaabuun barbaada. Kiliippota adda addaas hojjechuun barbaada. Artiifi aadaa Oromoo caalaatti guddisuun barbaada. Waltajjiiwwan adda addaa irrattis Oromoo dadamqsuuf nan hojjedha.  Qabsoon koo aartii Oromoo guddisuudha.

Artiin Oromoo hacuucamaa waan tureef sadarkaa guddachuu qaburra hingeenye. Artistoota Oromootu baay’ate malee guddinni aartii Oromoo sadarkaa barbaadamurra hingeenye. “Haala amma jiruun garuu artiin Oromoo baay’ee guddachuu ni danda’a.” Artiin aadaan, safuufi afaan Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba waan ta’eef mootummaas ta’e abbootiin qabeenyaa guddina artii Oromoof gumaacha barbaachisu taasisuu qabu. Artistoonni Oromoos waldaadhaan hundaa’anii tokkummaadhaan akka socho’aniif hojjechaa jirra.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Haala amma jiruun aartiin Oromoo baay’ee guddachuu ni danda’a” -Artist Zarihun Wadaajoo”

  1. Pingback: Study in Africa
  2. Pingback: fox888
  3. Pingback:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *