Araarri furmaata filannoo hinqabneedha

Kamisee: Dhuma Bitootessaa keessa Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromoo Kamiseefi naannawaashee kanneen akka Axaayee, Dawwaafi Maajateetti  shira siyaasaan walitti bu’iinsa uumameen gaaga’amni guddaan qaqqabeera.

Rakkoo uumame furuuf Bulchiinsi mootummaa Naannoo Amaaraa qaamolee nageenyaa federaalaafi hoggantoota Bulchiinsa Godina Addaa Oromoofi Shawaa Kaabaa waliin ta’uun tattaaffii olaanaa taasisaa tureera.

Kanaanis Bitootessa 03 bara 2011 magaalaa Kamiseetti konfiransiin nageenyaa guyyaa tokkoof kan adeemsifame yoo ta’u, tumsa abbootii Gadaafi amantii, akkasumas kutaalee hawaasaa garagaraan araarri akka bu’u ta’eera.

Hogganaan Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahmad Hasan haasaa taasisaniin akka jedhanitti, ummatni Oromoofi Amaaraa seenaafi aadaan, akkasumas amantiitiin walitti hidhamuun waggoota hedduuf nagaafi jaalalaan jiraachaa kan turaniifi jiraniidha.

Walitti bu’iinsi ji’a darbe uumames kan ummattoota lameen bakka bu’u osoo hintaane qaamolee karaa dalgaan shira siyaasaa xaxaniinidha jedhan. Kaayyoofi ergamni isaaniis battalumatti kan fashalaa’e waan ta’eef, fuulduratti hawaasni bal’aan nageenyasaafi naannawaasaanii waliin eeggachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa Doktar Ambaachoo Mokonnin gamasaaniin akka jedhanitti, seenaadhuma Itoophiyaa keessatti ummatni Oromoofi Amaaraa akka ummataatti wal dhabee hinbeeku. Kan walitti bu’aa ture garuu fedhii hoggansaa sirna gita bittootaa duriifi qaamolee uggura ummataarraa faayidaa siyaasaa argataniinidha jedhan.

Kanaan boodas daa’immaniif, dubartootaaf, maanguddootaaf, hayyootaaf, hoggantootaaf; hundumaaf nagaan bu’uu qaba kan jedhan Doktar Ambaachoon, kana mirkaneessuuf ammoo kutannoon hojjechuu qabna jedhan.

Ummanni Oromoo Kamiseefi naannawaashee jiraatan ummata Amaaraa caalaa fira dhiyoo hinqaban jedhanii, ummatni Amaaraa Walloo keessa jiraatanis ummata Oromoo caalaa firaafi hirkoo akka hinqabne hubachuu qabu. Oduuwwan sobaa karaa miidiyaalee hawaasaa tamsa’anirraas of eeggachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hundarra ammoo ummatni Oromoofi Amaaraa Kaaba bahaa biyyattii keessa jiraachaa jiran tokkummaasaanii cimsachuun nageenyasaanii mirkaneeffachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hirmaattonni konfiransichaas araarri furmaata filannoo biraa hinqabne waan ta’eef, nageenyi waaraa Kamiseefi naannawaasheetti boora’ee ture hanga bakka duraatti deebi’utti waliin kan hojjetan ta’uu waliigalteerra gahaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Daanyee Abarraatiin)

Recommended For You

3 Comments to “Araarri furmaata filannoo hinqabneedha”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *