Leegaasii Doktar Nagaasoon labataaf dabarsan

Finfinnee: “Doktar Nagaasoo Gidaadaa Soolan waliin bultii dhaabbannee waggoota 35f jiraanneerra. Waggoota kanneen keessatti akka abbaa warraatti qofa osoo hintaane akka obboleessaafi hiriyaa gaariitti waliin yeroo dheeraa dabarsine.”

“Doktar Nagaasoon, hayyuu siyaasa Itoophiyaa qajeelchuuf yeroo hunda tattaaffii walirraa hincitne taasisaniifi fedhii dargaggootaa guutuuf duubatti hinjenneedha. Wayita siyaasa biyyattii keessatti hirmaachaa turanitti ofitti amanamummaan isaanii daran olaanaadha” jechuun kan  ibsan haadha warraa Doktar Nagaasoo Gidaadaa, Misiis Rajiinaa Abbeltiiti.

Misiis Rajiinaan Dilbata darbe wayita sirni gaggeessaa reeffa Doktar Nagaasoo Galmabarkumeetti gaggeeffamerratti ture fiigichi jireenyaa Doktar Nagaasoo Ebla 19 bara 2011 Jarman, Firaankifartitti xumuramuu kan ibsan.

Dhalootni har’aas akkuma Doktar Nagaasoo biyyasaanii haala kamirrayyuu jaalachuufi nageenyashee eegsisuuf ittigaafatamummaa guddaa akka qaban  dubbatan.

‘Leegaasiin’ isaan labataaf dabarsanis kutannoofi qajeelummaan hawaasa tajaajiluu, bilisummaafi walqixxummaa sabootaafi sablammootaaf sodaa malee qabsaa’uun dhugoomsuu, faayidaa ummataatiif dursa kennuu, hannaafi matta’aarraa fagaachuufi kkf ta’uu ibsu.

Hundarra ammoo Doktar Nagaasoon wayita Pirezidaantii Mootumama RFDI ta’uun tajaajilanitti Itoophiyaa keessatti ijaarsa sirna dimokiraasii dhugoomsuuf aangoon kan ummataa qofa ta’uu hubachiisaa turan jedhan. 

Kutattumaan qabsaa’aa waan turaniifis ummata biratti hayyuu jaalalaafi fudhatama horachuu danda’an ta’uusaanii addeessaniiru. Kunimmoo dhaloota har’aaf barumsaafi muuxannoo guddaa ta’uu akka qabu hubachiisan. 

Pirezidaantiin Mootummaa RFDI Sayilawarqi Zawudees sirnicharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Doktar Nagaasoo biyya isaanii haqa, qulqullummaafi amanamummaa olaanaadhaan tajaajilaa turan.

Doktar Nagaasoon hayyuu amalaafi naamusa gaarii qaban ta’uu dubbatanii, akka tasaa addunyaa kanarraa du’aan boqochuu isaaniif gaddaniiru. Maatii, hiriyoota, firoottansaaniif, akkasumas Itoophiyaanota maraaf jajjabina hawwaniiru.

Akka ibsasaaniitti, Doktar Nagaasoon waggoota kurnan lamaan darban keessa manneen hojii mootummaa addaddaatti ramadamuun qixa sirriin hawaasa tajaajilaa turan. Hoggantootni hedduunis isaanumaan (pirezidantittii) dabalatee  ummata haqaan tajaajiluu jechuun maal akka ta’e jireenya Doktar Nagaasoorraa barachuusanii dubbatu.

Doktar Nagaasoon, “Danuu dubbachuurra dhaggeeffachuu filatu,  faayidaafi aangoorra ummataaf quuqamu, qalbiin isaanii gaarii hojjechuu jaalata; boqonnaas itti argatu” jechuun hanga isaan beekan hoggantoota olaanaa mootummaa federaalaafi naannolee, akkasumas ummattoota Itoophiyaa maraaf ibsu.

Itoophiyaan  dhaloota har’aafi boriif akka mijooftuuf abdii osoo hinkutatiin  hojjechaa turuusaaniis yaadatanii, gaggeessitootni har’aas hunda caalaa tokkummaa biyyattii cimsuuf tattaaffii guddaa gochuu qabu jedhu.

Umrii waggaa 76tti fiigicha jireenyaa kan muran Doktar  Nagaasoon sirni awwaalchasaanii Ebla 27  bara 2011 Finfinnee, bakka awwaalchaa hordoftoota amantii Pirotestaantii,  Phexroos Waphaawuloositti raawwatameera.

Ijaarsa sirna dimokraasii dagaagsuuf haqummaan, qalbiifi harka qulqulluudhaan, kutannoon, ciminni, obsi, qajeelummaafi jaalala qabaatanii biyyaaf hojjechuun leegaasii Doktar Nagaasoon dhalootaa har’aafi egereetiif dabarsaniidha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

93 Comments to “Leegaasii Doktar Nagaasoon labataaf dabarsan”

  1. Pingback: great post to read
  2. ozempic coupon [url=https://ozempic.art/#]ozempic online[/url] buy ozempic pills online

  3. buy ozempic pills online [url=https://ozempic.art/#]buy ozempic[/url] buy cheap ozempic

  4. pin-up casino giris [url=https://pinupturkey.pro/#]pin up aviator[/url] pin-up casino

  5. amoxicillin 500mg capsule [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin pharmacy price[/url] can we buy amoxcillin 500mg on ebay without prescription

  6. order Rybelsus for weight loss [url=https://semaglutide.win/#]rybelsus price[/url] order Rybelsus for weight loss

  7. generic amoxicillin online [url=https://amoxil.llc/#]Amoxicillin For sale[/url] price of amoxicillin without insurance

  8. ivermectin tablets order [url=https://stromectol.agency/#]buy minocycline 100 mg online[/url] price of stromectol

  9. cheap zithromax pills [url=https://zithromax.company/#]zithromax for sale[/url] buy zithromax online with mastercard

  10. rybelsus generic [url=https://semaglutide.win/#]cheap Rybelsus 14 mg[/url] semaglutide

  11. Rybelsus 7mg [url=https://semaglutide.win/#]Semaglutide pharmacy price[/url] rybelsus price

  12. rybelsus generic [url=http://semaglutide.win/#]semaglutide[/url] Semaglutide pharmacy price

  13. Rybelsus 14 mg price [url=https://semaglutide.win/#]buy semaglutide online[/url] Semaglutide pharmacy price

  14. neurontin 100 mg tablets [url=http://gabapentin.auction/#]neurontin 200 mg capsules[/url] buy neurontin canada

  15. how much is neurontin pills [url=https://gabapentin.auction/#]order gabapentin[/url] neurontin cost uk

  16. Online medicine order [url=https://indianpharmdelivery.com/#]reputable indian pharmacies[/url] buy prescription drugs from india

  17. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm24.pro/#]best online pharmacies in mexico[/url] best online pharmacies in mexico

  18. mexico pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.pro/#]best online pharmacies in mexico[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  19. online medication [url=http://drugs24.pro/#]sildenafil without a doctor’s prescription[/url] prescription drugs online without doctor

  20. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexico pharmacies prescription drugs[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  21. vacuum pump for ed [url=https://drugs24.pro/#]buy ed drugs[/url] best ed treatment pills

  22. indian pharmacy [url=http://indianpharmdelivery.com/#]reputable indian online pharmacy[/url] best online pharmacy india

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *