“Tokko ta’aa jamaa, waliin ta’uun ammaa,
Kan darbe waliif dhiisaa jamaa
Wal hinmiidhu haadhonii
Dhaamsi Kuushota alanaa,
Abbootiifi haadholiin
Araara waliif kadhaa rabbirraa!” jechuun waltajjii hariiroo obbolummaa Oromaalee tibbana Adaamaatti adeemsifamerratti Artisti Caalaa Bultumee dhaamsasaa hirmaattotaafi ummattoota naannolee lameeniif dabarseera.
Seenaan; dhiigaanis sakatta’amee yoo ilaalamu ummatni Oromoofi Somaalee lama osoo hintaane tokko. Jiraattotni naannolee lameenirraa waltajjicharratti hirmaatanis kanuma mirkaneessu.
Obbo Xaahir Faaraa jiraataa magaalaa Jigjigaa yoo ta’an, durii kaasee hanga har’aatti Oromoofi Somaalee gargar baasanii ilaaluun rakkisaadha jedhu. Sababnisaa eenyummaan (seenaa, aadaa, amantiifi duudhaan) ummattoota lamaanii walkeessa galee waan jiruuf.
“Ummata Oromoofi Somaalee gidduu walitti bu’iinsi diigumsaaf geessisu waggoota sadan darban malee mul’atee hinbeeku. Yerichas Somaalee bakka bu’ee araarsaan ture. Amma ammoo kaayyoon shira xaxxootaa seenaa ta’ee darbeera” jechuun hariiroo obbolummaa Oromaalee jabaachaa jirutti kan gammadan ta’uu dubbatu.
Oromoofi Somaaleen keessumaa kanneen daangaarra waliin jiraatan akka haadhootti waliin jiraatu kan jedhan Obbo Xaahir, kanaan booda obboloota lamaan gidduutti waldhabdeen yoo uumamellee lubbuu osoo hindabarsiin akka aadaa ummattoota lameeniitti karaa nagaan furamuu qaba jedhu.
Lamiilee asiin dura buqqa’an gara qe’eefi qabeenyasaaniitti deebisuufis mootummaa federaalaafi naannolee lameenii waliin qophiirra akka jiranis ni ibsu.
Aadde Rabiyaa Ahmadaas jiraattuu magaalaa Jigjigaa yoo ta’an, karaa abbaatiin Oromoo, akkasumas haadhaan Somaaleerraa dhalachuusaanii dubbatu. Hariiroon obbolummaa ummata Oromoofi Sumaalee gidduutti adeemsifamuusaatti daran gammadeeraa jedhu.
“Oromoofi Somaaleen keessumaa kanneen daangaarra jiraatan jaarsaafi jaartii; abeeraafi ilmadhas. Walkeessa waan galaniif ijoollee walirraa godhataniiru, hattootatu gidduusaanii seenee akka walitti bu’an taasise malee ummatni akka Oromaalee walitti dhiyaatu hinjiru; ummata waliin nyaatee dhugee jiraateedha” jechuun hundarra hangam dhiigaan akka walitti hidhaman addeessu.
Kana boodas humni tokkummaa ummattoota lameenii diiguu danda’u du’a qofa jedhanii, mootummaanis olaantummaa seeraa kabachiisuuf cichee hojjechuu akka qabu himu.
Alagaatu walitti nu buuse malee durirraa kaasee nuyi ilmaan abbaa tokkooti kan jedhan ammoo Godina Harargee Bahaarraa kan dhufan Obbo Mohaammad Hasani. “Jaalalli keenya daangaa hinqabu, walkeessa deemna, wayita beelofnu waliin nyaanna; dhugnas. Hammeenyi badiisaaf nu geessisu nu gidduu hinturre, Garuu harki nyaaphaa nu gidduu seenee walitti nu buusaa ture kanabooda citeera” jechuun dubbatu.
Ammaan boodas Oromoofi Somaaleen warra daariirratti waldhaban osoo hintaane ummata walta’iinsaan misooma hawaas-dinagdeef waliin hojjetuudha jedhu. Ummatni Somaalee gabaa Oromiyaa keessatti akka garaa socho’ee daldalchuu, ummatnis Oromoos akkasuma gabaa Somaalee keessatti sodaa malee jiraachuu qaba jechuun dubbatu.
Obbo Abdullaah Mohaammad Ittigaafatamaa Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Somaalee yoo ta’an, waggoota sadan darban keessa badii guddaan dhaqqabuyyuu jaalala obbolummaa Oromaalee gonkumaa diiguu akka hindandeenye ibsu.
Ummattoota lameen gidduu waldhabdee xixiqqoo yoosuma furaman malee kan badii guddaaf geessisu gunkumaa hinturre kan jedhan Obbo Abdullaahiin, waltajjiin hariiroo obbolummaa adeemsifamuunsaa seenaadha jedhu.
Godaannisa gurraacha sammuu keenya keessatti uumame cinaatti dhiisnee gara abdii keenya isa ifaafi jijjiiramaatti ce’uu eegalleerraa jechuun eeru. Kanaan booda walqabannee gara fuulduraatti tarkaanfachuun murteessaa ta’uus ni hubachiisu. Dimshaashumatti, walta’insi obbolummaa Oromaalee tokkummaa Itoophiyaa hundee hinsochoone ta’uurra darbee biyyoota gaanfa Afrikaa misooma hawaas-dinagdeen walitti hidhuuf hundarra murteessaa ta’uun hubatamuu qaba.
Takkaalliny Gabayyootiin
Bariisaa Caamsaa 2/2011
6 Comments to “Hariiroo obbolummaa Oromaalee hundee tokkummaa Gaanfa Afrikaa”