Biyya keenyatti shira yeroowwan adda addaatti xaxameen ummanni miliyoona sadii caalu qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’ee rakkoo afaaniin ibsamuu hindandeenyeef saaxilameera.
Itoophiyaa, biyya lammiishii mitii kan biraatiifuu ta’uun hawaasa addunyaa biratti beekamtu, ummata aadaawwaniifi duudhaa akka moggaasaafi guddifachaan beekamuufi waljaalanaan gammachuusaa wajjummaan dabarsuun jiraatu keessatti gochi akkanaa tasuma uumamuu hinqabu ture.
Eddii shira xaxameen rakkoon uumamee ammoo ummanni gara qe’eesaatti akka deebi’uuf tattaafachuun tarkaanfii sirriifi yeroon gaafatuudha. Keessumaa ganni dhufaa waan jiruuf lammiin kun dafanii akka qe’eessaanitti deebi’an gochuun daran murteessaadha. Kanaafis tarkaanfiin gama mootummaa federaalaa naannoleetiin fudhatamaa jiru daran abdachiisaadha.
Gama kanaan hojiin Naannoo Oromiyaa, Kibbaafi Amaaraatti raawwatamaa jiru fakkeenyummaan kan eeramuudha. Keessumaa Oromiyaafi Naannoo Kibbaatti lammiilee Godina Gujii Lixaafi Geedi’oorraa buqqa’an qe’eesaaniitti deebisuun torban darbe bakka pirezidaantii ittaanaan BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaafi gitnisaanii kan Naannoo Kibbaa Obbo Eliyaas Kadir argamanitti eegalameera.
Hoggantoonni kunniin haalatti buqqaatonni qe’ee isaaniitti deebi’anii jireenyasaanii duraanii ittifufuu danda’anirratti mari’achuun gara deebisuutti seenaniiru.
Haaluma kanaan buqqaatonni Godina Geedi’oo qubatan yaada kennaniin, mootummaan rakkoolee nageenyaaf sodaa ta’an hiikee nageenyi akka bu’u taasisuun gara qe’eesaaniitti akka deebi’an gochuusaa ija gaariidhaan ilaalla jedhan.
Bakka bu’oonni buqqaatotaa marii oggantoonni naannolee geggeessanirratti hirmaatan akka jedhanitti, mootummaan nageenyiifi tasgabbii waaraan akka bu’uuf hojjechuu akka qabus gaafataniiru.
Bakka bu’oota keessaa namni Obbo Tafarraa Barraaqoo jedhaman yaada miidiyaalee adda addaatiif kennaniin, “Irra deddeebinee buqqa’uu keenyaan rakkoo dinagdeefi hawaasummaaf saaxilamneerra” jedhan.
Waggaa darbe rakkoo nageenyaa Godina Gujii Lixaatti uumameen lammiileen akka buqqa’an gochuu keessatti hirmaatanii kan turan to’annoo seeraa jala osoo hinooliin deebi’uunsaanii nageenyasaaniif yaaddoo akka itti ta’es dubbataniiru.
Maricharratti kan argaman pirezidaantii ittaanaan BMNO, Obbo Ahmad Tusaa yaada kennaniin, “Haalli buqaatonni gama lachuu keessa jiran yaaddessaa waan ta’eef rakkoo kana hiikuuf namoota qe’ee isaaniitti deebisuun dhimma filannoo hinqabnedha” jedhan.
Gareen hoggantoota olaanaa fayyaa, qonnaafi deeggartoota namoomaarraa baba’an Godina Gujii Lixaa keessumaa buqqaatota Aanaa Qarcaa simachuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniru.
Buqqaatonni qe’ee isaaniitti deebisuu qofa osoo hinta’iin galteewwan deebisanii dhaabuuf manneen suphuuf kan dandeessisan dhihaachaa akka jiran himan.
Dhimmi olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenya waaraa miirkaneessuuf gumaacha olaanaa kan qabu waan ta’eef mootummaan xiyyeeffannoon irratti hojjechaa akka jirus dubbatan.
Gitnisaanii Naannoo Ummatoota Kibbaa Obbo Eliyaas Shikur gamasaaniitiin namoota gama lachuunuu balleessaa qabu jedhamanii shakkaman seeratti dhiheessuuf mootummaan federaalaa naannolee lamaan wajjin ta’ee qophii duraa xumuruu ibsan.
Lammiilee godina Gujii Lixaafi Geedi’oorraa buqqa’an marsaa marsaadhaan qe’eesaaniitti deebisuuf sochiin eegalamuu kan ibsan ammoo komishinara ittaanaa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaati.
Obbo Garramawu Oliiqaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’an kanneen gargaaruuf kutaaleen hawaasaa garagaraa, dhaabbileen deggartootaafi mootummaan naannoo Oromiyaa mootummaa federaalaa wajjin qindoominaan wantoota barbaachisan hunda dhiyeessaa tureera.
Wayita ammaa garuu haalli nageenya godinaalee lameenii bakka duraatti waan deebi’eef kanneen buqqa’an marsaa marsaadhaan ji’a tokko keessatti deebisuuf sochiin eegaluu dubbatan.
Marsaa jalqabaatiin lammiilee kuma 15 gara qe’eesaaniitti deebisuuf kan karoorfame yoo ta’u, kana milkeessuufis hoggantootaafi hawaasa sadarkaa sadarkaan jiran wajjin mari’achuun waliigalteerra gahameera jedhan Obbo Garramawu. Akka Oromiyaatti hojiin lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an bakka turanitti deebisuu kun qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsan.
Meeshaaleen manaa kanneen akka qorqoorroofi dunkaanaa, midhaan akaakuuwwan addaddaa (boqqolloofi qamadii), akkasumas daakuufi zayitiin dhiyaachaa jira jedhan.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Ummattoota Kibbaa, Obbo Gaantaa Gaam’aa gamasaaniin akka jedhanitti, lammiilee godinaalee Gujii Lixaafi Geedi’oorraa buqqa’an qe’eesaaniitti deebisuuf sochiin eegalamuu ibsanii Rakkoon nageenyaa kamuu akka hinuumamneefis qaamoleen nageenyaa naannolee lameenii, federaalaafi raayyaa ittisa biyyaa qindoominaan hawaasa mariisisuun waliigalteen akka uumamu ta’eera jedhan.
Haalli nageenyaa amma jiru amansiisaa waan ta’eef ji’a tokko keessatti lammiilee buqqa’an deebisuuf sochiin eegalamuu dubbatu. Buqqaatonni kunneen hanga jireenyasaanii qajeelfatanitti wantoonni barbaachisoon mootummaadhaan ni dhiyaatu jedhan.
Naannawa buqqaatotni kunneen deebi’anii qubatanitti keellaawwan fayyaafi manneen jireenyaa hawaasa wajjin ijaaramaa jiraachuus dubbataniiru.
Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Gujii Lixaa, Aadde Nagallee Godaanaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, sochiin lammiilee gama lamaaniinuu buqqa’an deebisanii dhaabun taasifame haala gaariirra kan jiru ta’uu himu.
Hoggansi gama Naannoo Kibbaatiin jiru si’aayinaan hojiitti seenaa akka hinjirre eeranii, dhimma lammiilee buqqa’an qe’eetti deebisuurratti kaleessa bakka buqqaatonni baay’inaan argaman Gujii Lixaa, Aanaa Qarcaatti mariin ummataa geggeeffamuu ibsan.
Fedhiin ummanni gama lamaanii waliin jiraachuuf qabu kan qaamoleen mootummaa jedhaniin ala ta’uu kan eeran ittigaafatamtittiin, waltajjin qophaa’us kanuma caalaatti cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu eeran.
Walumaagalatti sochiin lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deebisanii qubachiisuuf taasifamu abdachiisaa waan ta’eef ammas dhimmamtoonni gamanaa gamasii ergamasaanii qindoominaan raawwachuurratti kutannoodhaan socho’uu qabu.
Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Ebla 25/2011
2 Comments to “Tattaaffii buqqaatota qe’eetti deebisuu: Gujiifi Geedi’ootti”