Kutaa 2fa
Dubbistootaa, kutaa tokkoffaan asoosama kanaa Ebla 4 bara 2011 fuuluma kanarratti dhiyaachuunsaa ni yaadatama. Kutaa lammaffaanis akka ittaanutti dhiyaateeraa dubbisa gaarii.
Lagni Abbayyaa dhaadachuu garaatti ol deefatee kunuunsee laga Angaritti na kenne. Lagni Angariimmoo na simate akkan boqonnaa fudhadhuuf goodaa bareedaa ilaala Gumuz jirutti na buusee darbe.Torbee kana keessa achiin ture. Yaa Oromiyaa! Laftishiis; namshiis qalbii nama fuudha, uumaanis uumamnis waan loogeef fakkaata. Daangaan Oromiyaa kamuu nama hinmukeessu. Torbee mitii torbee torbaatamallee osoo keessa jiraattee, Oromiyaan Jennata, hinquufamtu.
Samiin imimmaan guguddaa ‘Dob! Dob!’ godhaa jira. Ganni yeroonsaa waan gaheef rooba malee dachiin bullukkoo magariisa erga uffattee bubbulteetti. Qorrisaa ilkaankoo waliin reebee muuziqaa yeedaloo ciccitaa na dhageessisuun ala; isa namni dhukkuba qorraa himatu hinbeeku. Yeroon of biratti dhagaa tokko mil’adhu. Qocaan tirattee dhagaa bal’aarra teesseetti. Qocaaan sagalee akka waan qusachuu taatee akkas jechaa turte. Akkan afaanota hunda beeku waan beektun se’a.Waan naaf sirbitu se’een gurra itti ergise.
Yaa Gannaa!
Yaa gannaa, Yaa gannaa
Gurrattii bacaqiinanaa
Dhoqqeefi beela kana
Akkanaan sii baana
Uffannnaa furdaa keessaan qorritaa
Osoo nyaatuu garaa quufa dhowwita
Dachaa Jilbaa hammachiifta
Jaartii nama yaadachiifta
Jaartiilleen eessa jirtii
Sarbaadhaan jirbii footii
Yaa ganna akka tafkii
Qabaan kee akkam cimtii
Haata’umee yaa gannaa
komadhumoo sijajinnaa
Jidhinakee malee qorrakee hinjaaladhuu
Garuu………
Utuu at hinjirree midhaanuu hin marguu
Biqillaanuu hindagaagu; boftuu silaa hinmuguu
Qorree jaartii yaadadhuu; ilmaanuu hinhordhuu
Kanaaf …….
Naa jiraadhu!
Margi dhedheeraa ol latee walmaree qileensaan dhiibamaa walitti bu’aa; walitti maraamaa waan nagaa walgaafatu fakkaata. Anis bakkan taa’ee boqonaa fudhadhu barbaada lafa mimmilachaa osoon jiruu dhagaa bal’aa tokkon argadhe. Anumaa gadii taa’uuf jedhuu aduun afaan natti banbantee.
Aduu akka abiddaa nama gubu kana keessallee Qocaan dhagaasheerraa hinbuune. Boorumtaas yoon deemu obbole Qocaan achuma jirti. Maaf na hordoftii? Moo natu hordofaa jira? Ajab! Irraa siqeen dhagaa tokko laalladhee taa’uuf yoon jedhu tirattee dhaqxee irra ciiste. Guyyaa ittaanus achuma, dhagaa sanarraa osoo hinbu’in jirti. Yaa Qocaa! Waaqni dhagaa baachisee ishee uumee dawoo gaarii kenneeraaf. Isheenimmoo tattaaffiishiitiin dhagaarra teesseetti.
Guyyaa ittaanu Qocaan na dursitee dhagicha akka hinqabanneef osoo roobni hincaamiin fixeensa jajjabaan luuxameen deeme. Yeroon gammadaa dhagaa san bira gahu Qocaan achuma ciistee jirti. Takkaa muka gogaan rukutee kaasuu? Lolee asii ishii ari’uu? moo dhagaan dhahu? Dhagaa dhagaa hindhahu. Kanaaf ofumaan dadhaba. Lakkii yaa hafuu jedheen osoon aaruu dhiisee; deemeen obbolee Qocaa! Nagaa gaafadhe.
Qocaan, Takka na mil’attee sirbashii ittifufte. Haallishii bitaacha natti taanaan maali Oromiyaanoo biyya safuuti. Maaf guddaa kabajuu walaalte? jedheen gaafadhe. Qocaan deebistee guddaa kabajuu nan kabaja. Ati eenyuun guddaa jette? jechuun naa deebiste. Ofiin guddaadha jechuu yoon saalfadhes akkan Qocaa caalu beeka. Garuu tuffiin Qocaa guddinakoo lootuu gadiitti gad na xiqqeesse. Ani guddaa mitii?…..Guddaan hanguma namaati.
Deebiin Qocaaf kennurratti yaadeen, Ati dhagaa kanarraa yoom kaataa? Jedheen gaafadhe. Atihoo dhagaa kanarraa yoom taa’uu barbaadda? jettee na gaafattee. Gaafa kaatu yoo natti himte; anis yeroon taa’uu barbaadu sittin hima, jedhee deebiseef. Erga na ilaaltee booda ni ajaa’ibda! Naan jette. Akkanatti naa deebisuunshii na ajaa’ibe. Qocaa Oromiyaa keessa guutan keessaa har’a kan akkamii na mudate ta’a jedhee osoon garaatti yaadaa jiru, “Mee waa sitti himuu? nan jette.
Qocaan dubbii jalqabde. Akka ati yaaddutti dheerina waan caaltuuf umuriis waan naa ol jirtu sitti fakkate; moo rukuteen teessoorraa ishee hari’a jette yaaddee ta’a. Akka ati yaadde kana bara duriirraa kaasee abbaa meeqatu sanyii keenyarrratti yaadaa ture.
Bagan takkaa dhagaa jabaataarraa taa’e malee salphaatti waanan irra garagalu hinse’in, sii isa kaleessa dhufe dhiisii, Leenci bosonaayyuu waan akkasii narratti yaadees; hedees hinbeeku. Hunduu seenaa dur qabnu sana ni beeku. Beekaniis dhalootatti daddabarsaa, ofqusataa jiraatan malee akkakee kana ‘qef qef’ hinjedhan. Hawwiin of hinmankaraarsiin; garaakeee kutadhu. Osoo ati bakka kana hawwituu; anis osoo irraa hinbu’iin; dulloomtee; duutee; awwaalakee natti himu ta’a naan jette.
Erga Qocaan akkanaan hamilooftee! Mee seenaa durii kaasee dhalootatti himamuusaatiin ittiin kabajaman san natti himi jedheen gaafadhe.
“Haata’ukaa! seenaansaa dheeraa waan ta’eef asumaa na cinaa taa’ii dhagggeeffadhu jette. Naa seenessuuf ija dheereffatte naan jennaan dhagichumaan irra taa’uuf hawwe ture sanarraa taa’ee aduu rooba booda baate akka akaayii Amboo qaammachaa, oduu obbolee Qocaa dhaggeeffachuutti taa’e.
“Qocaan akaakayyuun koo akkana jedhee natti hime ture” jettee naa jalqabde. “Durdur bineensa cimaatu addunyaa kanarra jira ture. Dheerinasaarraa kan ka’e samii gugguufa, guddinnisaa arba alala guura, dachiin ba’aasaa yaaddofti, sanyiiwwan garagaraa qaba.
Gosasaa keessaa kaan ni balali’a, kaan afaansaa keessaa abidda tufa, kaan immoo garba guddaa dandeettii daakuusaatiin yaaddessa. Jabina bineensa kanaa hubattee? Gosoota bineensa kanaa kan walfakkeessummoo qarriffaasaaniis dandeetti sibiila waaqaa bu’e cabsu qaba.
Foon uffataa jiraattis du’aattis nyaachuu jaalata. Warra galaana keeessa bishaan daakee hari’ee qaba. Warra balali’an wajjin balali’ee hudha. Warra kaanitti abidda cirriiqfatee guba. Sanyiin bineensaa inni soorachuu dadhabe hinjiru.
Garuu bineensi kun tokkollee amma addunyaa kanarra hinjiru. Inni badee balleessaa wayiiti. Mee ati yoo yadduu maaltu isa balleesse sitti fakkaata? jettee obbolee Qocaan na gaafattee. Deebii eeguuf yoo callistu. Animmoo seenaa bineensa kanaa ijakoo dura nadhufee afaan banee dhaggeeffataan ture.Qocaan ofumaan itti fufte.
“Tole anuu sittin hima! Bineensi cimaan akkanaa waan soratu dhabee beela’ee hinbeekne kun diina badaa qaba. Dinniisaas sanyiisaati. Walumaan walfixa; Adamsee hari’ee qabee waljeeja’a. Bineensa sanyii biraa nyaachuurra xixxiqqa gosasaa nyaata. Hanqaaquu hiriyyaasaa buruqsee dhuga. Sammuunsaa garaasaati.Waldhagahuu waliif gadduu waliin bobba’uu kan jedhamuu hinbeeku.
Osoo akkanaan jiruu, bineensi kun akkanaan walnyaatee dhumuusaarra koottaa ni gorsina jedhanii bineensonii walgahii walwaaman. Gaaf maqaan bineensa kanaa waamamu walgahin diigamee deeman. Maal ta’anii akka deeman beektaa? Waliisaayyuu walnyaatu waan ta’eef warra gorsuuf dhaqu akkamiin ofitti butu? jedhanii yaadaniiti.
Erga hundi adda adda deemee Cilalluun lafti itti guyya’ee ture geese. Anis maal akka uumamee ture itti himnaan “Koottuu aniifi ati deemnee waan dhufe haa dhufu ni gorsinaa! Naan jennaan kaanee gara naannawa bineensichaatti deemne. Akkuma isa tokko bira geenyeen osoo gorsaa jirruu; sanyiinsaa lama bitaafi mirgarraa itti dhufanii ajjeesanii isa nyaatan.
Kana yeroo arginu aniifi Gonoonneen immoo dhagaa jala sennee afuura dhokfannee ilaaluutti kaane. Garaan ni nyaata, ni beela’a, irraa deebi’ee nyaatee quufuu barbaada. Kanneen hafan lamaanis walloluutti ka’an. Dhumarratti tokko mo’atee akka garaasaatti nyaatee quufe.
Kanas inuma ilaalla, isuma hafellee haa gorsinu jennee itti siqnee maaliif sanyii keessan nyaattanii fixxu? Kana boodallee waliin jiraachuu jalqabaa. Adaraa lafaa! Adaraa waaqaa! jennee kadhanne. Inni garuu isinumayyuu nan nyaadha! Nuun jedhee gara keenyatti ka’e. Achumaan dhagaa jala jirrutti maxxannee dhagaanis nu golgee oolle. Yoo dhufee ciniinu dhagaan nurra jiru hinciniinamu. Yaalee, yaalee ta’uufii dinnaan of duuba deebi’ee ciise.
Oolee bulee yaada naanneffate fakkaataa akkana jedhee gungumaa ture. “Gaafa jalqabaa sanyii nyaachuun nu keessatti eegale, gaafas banne. Inni takka walnyaachuu baremmoo deebi’ee walhinamanu. Amma eenyuun komanna? Maaloo osoon hiriyyaakoo isa dhumaa kanallee hanbiseera ta’ee”.
“Ani amma tokkicha! hinhoru! Hinhoroomu! Osoon bineensa biraattin siqa jedheeyis kan sanyiisaa nyaate maaltu amanee itti siqa? Adaraa yaa Rabbi! na fudhadhu”.
Nuti sanyiin Qocaa seenaa kanarraa waan baranneef tasumaa sanyii keenyarratti miidhaa hingeessisnu. Tattaaffiin keenyammoo kennaa Rabbiiti. Gocha kana ilaalee Uumaan dhagaa qaamaa keenyaaf dawoo ta’u nuu kenne.
Kanaaf yaa maqaafoo!akkuman akaakayyuukoorraa dhaale nagaan jaaladhaaf malee dhagaakoo irra taa’uuf yoo deddeebitu walitti buuna ture”. Anis, “Kana booda dhagaa ishii hintuqnu” jedhee waadaa ofiif gale. Yoo umrii ta’ees ani waggaa 400 gaheera. Ilmoon kooyyuu dhalatee gahee; dhalchee; du’ee waggaa 130 ta’eera. Kanaaf wal haa kabajnu! Naan jette obbolee… miti. Akkoon Qocaan Animmoo akkasiin jedhe.
Andoodeen Ganna Jibba Silaa Kan muka ta’uu malee
Maagaan soogidda jibbaa kan bofa ta’uu malee
Badaan haadhosaa jibbaa kan waliin gooftaa ta’uu malee
itti fufa…
Sinqinash Alamuutiin
Bariisaa Ebla 25/2011
3 Comments to “Maqaafoo Qeeqaa (asoosama gabaabaa)”